Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
"Mootummaan dhimma hijaabaa fi niqaaba barattoota muslimaatiif furmaata dhaabbataa kennuuf maal gochaa jira?" Ustaaz Kaamil Shemsuu gaaffii Paarlaamaaf dhiyeessan!
Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaa gaggeeffamaa jira. Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahmadiif gaaffileen dhiyaachaa kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa miseensi mana marichaa Ustaaz Kaamiil Shamsuu waa'ee lammiilee sababa niqaabaa fi hijaaba isaaniitiin barnootaa fi hojii irraa ari’amanii ilaalchisee gaaffii dhiheessaniiru.
Gaaffii isaanii keessattis, "Dhimmoota mootummaan irratti xiyyeeffate keessaa tokko sirna hunda hammate ijaaruudha, garuu ammallee dhaabbileen tokko tokko uffannaa isaanii irratti hundaa'uun lammiilee barnootaa fi hojii irraa bifa heera mootummaa faallessuun ari’aa jiru" jedhan.
Barattoonni sababa niqaabaatiin mana barumsaa irraa ari’aman ni jiru, kana malee barattoonni waggoota lamaa oliif mana barumsaa irraa hafanii taa’aa jiran kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ni jiru. Kunis sirna hunda hammataa biyyi keenya abju’attu gaaffii keessa galcha, mootummaan dhimma kana dhaabbataadhaan furuuf maal hojjechaa jira jedhanii gaafataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡