Qumaara siyaasaa fannoo jala dhaaba!
Dhugaa adiin uffata gurraachaan maranii dhoksuun hin danda'amu. Oromoon mana amantaa qabeenyaa fi carraaqqii isaatiin biyya ofii keessatti ijaare keessatti afaan dhaloota isaatiin waaqeffachuuf mirga qaba. Kun mirga namuummaati. Akkasumas mirgoota dimokiraasii Heera Mootummaa Federaalaa Rippabiliika Itoophiyaa keewwata 29 irratti tumamanidha. Oromoo Afaan isaatin Waaqayyoon waaqeffachuun yakkas cubbuus miti. Mirgi saboota biroo hin sarbamu. Garuu jibbii fi hinaaffaan garmalee deemeera. Mootummaan qumaara siyaasaa fannoo jalatti deemaa jiru irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu qaba. Abbootiin amantaa waldhabdee bulchiinsa gidduu jiru adeemsa amantaatiin yoo hiikan gaariidha.