Dubbisi seenaa ajaa'ibaa
Seenaa baredduu
Namticchi tokko yeroo salataa masjiida seenee manguddoo
umriin dheeraa tokko argee manguddoon kuni akkana
jedheen koottu mee yaa ilma kiyya jedhee ufitti waame maali
maal taatee yeroo salataa malee dhufte fuula keetirra
yaaddotu jiraa maali nagayuma jedheen manguddoon kuni
Gurbaan kuni waan isa mudate manguddoo kanatti haasahuu
eegale
Akkana jedheen yaa abbaa koo ani nama fuudhe jiru yeroo
dheradhaaf jedheen garuu rabbiin ilma naaf hin kennine
kana wajjiin tapatu ka ani isaan wajjiin tapadhu jedheen
addunyaa tanarraa manni yaalaa ka ani hin dhaqin hin jiru
jedheen garuu dawaa tokkollee hin arganne jedheen
Namichaan manguddoon kuni namicha kanaan akkana
jedheen taa'i mee namichis gadi taa'e manguddoon kuni
namicha kanaan dawaa siif kenna garuu dawaa kana haga
dhumaa fudhachuun cinqiidha garuu wallahi summa wallahi
dawaa kana keessa faaydaa guddatu jira jedheen
manguddoon kuni
Namichi akkana jedheen maaluma dawaan suni jedheen
namtichi manguddoon akkana jedheen salaata fajrii yo
kaana osoo salaanni fajrii hin gahin dura kaatee sa'aa
takka dhaabatta siifii jaartiin teetillee jedheen
Garuu sa'aa takkaa tana bakka lamatti addaan qooddan
jedheen walakkaa duraa salataa jedhee walakkaa bodaa
ammoo istigfaara jedhaa jedheen akkuma rabbii jedhe
qur'aana ufii keessatti suuratu nnuuh
ﻓﺎﻟﻠﻪ ﻋﺰ ﻭﺟﻞ ﻳﻘﻮﻝ :: ( ﻓَﻘُﻠْﺖُ ﺍﺳْﺘَﻐْﻔِﺮُﻭْﺍ ﺭَﺑَﻜُﻢْ ﺇﻧَّﻪُ ﻛَﺎﻥَ ﻏَﻔَّﺎﺭَﺍ * ﻳُﺮْﺳِﻞِ ﺍﻟﺴَّﻤَﺎﺀَ ﻋَﻠَﻴْﻜُﻢْ ﻣِّﺪْﺭَﺭَﺍ *
ﻭَﻳُﻤْﺪِﺩُﻛُﻢْ ﺑِﺄَﻣْﻮَﺍﻝٍ ﻭَﺑَﻨِﻴْﻦَ ﻭَﻳَﺠْﻌَﻞْ ﻟَّﻜُﻢْ ﺟَﻨَّﺎﺕٍ ﻭَﻳَﺠْﻌَﻞْ ﻟّﻜُﻢْ ﺃَﻧْﻬَﺎﺭَﺍ * ﻣَﺎﻟَﻜُﻢْ ﻻَ ﺗَﺮْﺟُﻮْﻥَ ﻟﻠﻪِ ﻭَﻗَﺎﺭَﺍ * ﻭَﻗَﺪْ
ﺧُﻠَﻘَﻜُﻢْ ﺃﻃْﻮَﺍﺭَﺍ * ﺳﻮﺭﺓ ﻧﻮﺡ
Kana booda namicchi gara haadha mana isaa deeme mee
haacaqafnu waan gidduu isaatii fii gidduu haadha mana
isaatti tahe
Akkana jedheen yaa jaartii tiyya kabajamtuu Alhamdulillah
Alhamdulillah ani dawaa argee jira jedheen fedha rabbiitiin
garuu akkaan cinqiidha malee dawaan jedheen
Jaartiin akkana jetteen maaluma dawaan suni yaa zowjiil
azizii jetteen innis akkana jedheen salaata fajrii dura
kaanee sa'aa takka dhaabanna jedheen walakkaan sa'aa
salaataafi walakkaan ammoo istigfaaraafi ati qopphidhaa
kana dalagurratti jaartiin eee qophiidha yaa zowjii jetteen
kuni jecha rabbiitii subhaanahuu wata'alaa hayyee kaa
yoom ha egalu jedheen jaarsi isii har'arraa eegaluu qabna
inshaa allaa jetteen
Namichaaf haati manaa isaa waan waliin jedhan eegalan
eega guyyaan 15 taree booda mallattoon gara garaa hin
taloo tanatti dhufuu eegale mallattoon gaafa garaan taa'uu
heduu akka nama godhutu jiraa mitii ree kanatu irraan
mul'atuu eegale kana booda abbaan mana isii gara mana
yaalaa fuudhee deemeen dhiiga isii akka laalaniif eega dhiiga
laalanii booda doktorri namichan kaanaan haati mana keetii
ulfa jedheen subhaallaahi rabbiin waadaa namaaf seene hin
ganu yoo nuti uf daganne malee
Kanaaf rabbiin warra ilma dhabe maraaf haakennuf wanni hundi isa biraa ka jeelamtii
Ani akka nama tokkootti faayidaa istigfaarri qabdu argee
jira kanaaf istigfaara heddummessaa
Kanaaf astagfurullaah jettu malee bira hin darbin
ﺍﺳﺘﻐﻔﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﻌﻈﻴﻢ ﺍﺳﺘﻐﻔﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﻌﻈﻴﻢ ﺍﺳﺘﻐﻔﺮ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﻌﻈﻴﻢ
sher sher godhaa
@zeew_tube @zeew_tube join godha