Leenjiin koodaroota miliyoona 5 Itoophiyaa keessatti eegalamee fi muuxannoo UAE
Itiyoophiyaan piroojektii koodaroota miliyoona 5 leenjisuuf kaayyeffate tibbana eegaluun ishee ni yaadatama. Kaka’umsi waggoota sadiif akka turu himamu kun, walta’iinsa Yunaayitid Arab Emireet waliin ta’uun hojiirra akka oolus dubbatame.
Warraaqsi gosa kanaa addunyaalee biroo keessattis ni jira, keessattuu karoorri koodaroota Arabaa miliyoona 1 leenjisuuf bara 2017 biyyoota Arabaa keessatti hojiirra oole ture kaka’umsa UAEtiin.
Kooderota Arabaa miiliyoona 1 leenjisuu.
Pirojektiin kun Itti aanaa Pirezidaantii UAE; Ministira Muummee fi Bulchaa Dubaay Sheek Mohammad bin Rashiid Al Maktuumiin kan jalqabame yoo ta’u, bara 2017 irraa eegalee waggoota afuriif dhaabbata Dubaay Future Foundation jalatti hojiirra ooledha.
Kaayyoon inni guddaan dargaggoonni biyyoota Arabaa dubbatan keessa jiran addunyaa dijitaalaa gara fuula duraatti akka makaman, carraa hojii uumuu fi dinagdee addunyaa keessatti akka hirmaatan dandeessisuudha.