BBC News Afaan Oromoo


Kanal geosi va tili: Butun dunyo, Inglizcha
Toifa: ko‘rsatilmagan


Maddi Oduulee: BBC AFAAN OROMO
Maxxansa Public BBC Irraa kan odeffannedha malee kan studeo irraa darbu miti, hubadhu.
Sababaa isaan Telegramaan odeeffannoo Maxxansaa hin turreef, Bara 2018 hundeesse.
↪️Yaada:@admiinii_bot
https://www.bbc.com/afaanoromoo

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Butun dunyo, Inglizcha
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




Ministeerri barnootaa Itoophiyaa dhimmaa gulantaa Piroofeesarummaa guutuu kennuu dhorkuu ilaalchisee xalayaa akeekkachiisaa yeroo lama barreessillee dhimmicha hordofee barsiisota biraa komiin ka'aa jira. : BBC News Afaan Oromoo


Qonnaan bulaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee kun waggoota 30 ol biyyoota Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessa jiraatan.Maqaan isaanii Wandasan Kaasee jedhamu; dhalatanii kan guddatan Godina Arsii Magaalaa Abboomsaatti yemmuu ta'u, yeroo ammaa magaalaa Bishooftuu keessa jiraatu. : BBC News Afaan Oromoo




Bulchiinsi mootummaa Bashaar al-Asaad kan duraan Sooriyaa bulchaa ture erga kufuun dursaan biyyattii gara Raashiyaatti baqatanii amma torbanooti lakkaa'amaniiru. : BBC News Afaan Oromoo




Jaarsummaa Ameerikaa fi Arabaatin waraana ji'oota 14f Israa'elii fi Hamaas gidduutti adeemaa ture xumuruuf yaaliin taasifamaa jiraachuu maddeen marii kanaaf dhihoo ta'an himan. : BBC News Afaan Oromoo


Kitaabni nama siyaasaa Jawaar Mohaammad Kamisa har'aa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksise. Kunis, sababa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesse. : BBC News Afaan Oromoo


Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad turtii addatti BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen dhimmoota garaa garaa irratti kan dubbate yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa amma biyya bulchaa jiruun abbaa irreedha, akkasumas walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuuf kan hin barbaadu jechuun himate. : BBC News Afaan Oromoo










Dr. Bayyana Abarraa Ispeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa yemmuu ta'an, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Hoosaa'inaa keessatti kan argamu Hospitaala Ispeshaalaayizdii Waliigalaa Yaadannoo Mootittii Illeenii Mahaammad keessa hojjetu. : BBC News Afaan Oromoo


Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti geggeessaa turte gara waggoota sadiif Moskoo keessatti dhiibbaan cimaan geessise hin turre. Namootni akkuma yeroo nagaatti jireenya idilee isaanii gaggeeffataa turan. Amma garuu Raashiyaa keessa haalli jireenya idilee sun hin jiru. : BBC News Afaan Oromoo




"Rakkoon Oromiyaa keessa jiru kun rakkoo hundeesaa baay'ee gadi fageeffatedha. Kanaaf, kan humna mootummaa qofaan hiikamuu waan hin dandeenyeef akkamitti rakkoo kana hiikna kan jedhu marii taasisan" jedhu Obbo Dajanee Itichaa yaadni ka'umsa hundeeffama Waldaa kanaa yoo dubbatan. : BBC News Afaan Oromoo


Barattuun dubaraa umuriin ishee ganna 15 mana barumsaa dhuunfaa Kiristaanaa Wisconsin jedhamu keessatti dhukaasa banuun barsiisaa fi barattu tokko ajjeeste. Barattoonni jaha biroon kan miidhaman yoo ta'u, lama haala lubbuu isaaniif yaaddeessaadha jedhamuun miidhaman. : BBC News Afaan Oromoo


Janaraalli Raashiyaa hogganaa humnoota eegumsa niiwukilara biyyattii ta’e dhohinsa magaalaa Mooskoo keessatti mudateen ajjeefame.Lt. Janaraal Igoor Kiriloov Kibxata har’aa osoo mana jireenyaasaa keessaa bahaa jiruu wanti iskuutarii (meeshaa ittiin sigigaatan ykn mucucaatan) keessa dhokfamee ture dhohee qondaala gargaaraa isaa waliin galaafateera. : BBC News Afaan Oromoo


Pirezdaantichi akkatuma waliigaltee torban darbe dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa Ankaaraatti waliigalaniin baatii Amajjii ykn Guraandhala 2025 keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa dhaquun dhimma araaraa irratti hordoffii taasisuuf aka jiran miidiyaa Tarkii Anaaduuluu jedhamu gabaaseera. : BBC News Afaan Oromoo

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.