Odaa Tarbii dan repost
Yaa saba koo, yaada garagaraa qabaachuun waanuma jiru dha. Deeggaraan, miseensi, qondaalli fi Hogganni ABO fi WBO hundi kabaja guddaa qabu, waan fedhe dhufus kabajaan kun waan jijjiiramu miti. Kan hubatamuu qabu garuu, haalli qabsoo jijjiiramaa oola, haala yeroo kana dhaqabuuf ammoo humni haaraa dirqama fudhachuunis barbaachisaa dha. Kunis, hooggana haala yeroo waliin tarkaanfatee yeroo yerootti toftaa, tarsiimoo fi adeemsa qabsichaa hordofee qajeelchu qabaachuun barbaachisaa dha. Yoo kun raawwate malee bilisummaan hin argamu. Namooti tokko tokko Diasporaa irraa dhimma kana akka wal dhibdeen guddaa fi haaraan tokko har’a dhalateetti fakkeessanii dhiheessani fi afarsaan of sakatta’uu qabu. Namni yaada wal hin fakkaanne qabu elaa fi elaameedhaan wal marihatee qajeelfata. Kello Media elaa fi elaameef karaa saaqe malee waan balleesse hin qabu. Yaada Jaal Goollichaa bilisaan dhiheessuunis sirrii dha, boru ammoo yaada Jaal Gammachuu dhiheessuu malu. Kun rakkoo jiru furuuf gargaara malee, hammeenya fidu hin qabu. Inni guddaan naamusaan walitti haasahuu dandahuu dha. Warri akka Taayyee Danda’aa dhimma kana afarsuutti jirtan tasgabbaahuu qabu. Afarsuuf Taayyeenu ni gaha. Aadaa Oromoo keessatti ’dubbii baha hin dhorkan, galma dhorku malee’ jedhama. Seenaan Gadaa fi dimokraasiis kanuma nu barsiisa. Abbaan haqaa ilaa fi elaamee booda hubatama, obsaan wal hordofuu malee, yaaddahuun hin feesisu. Naamusa Oromummaan wal marihachuutu karaa dha. Kora Guddaa ABO-WBOn gaggeeffate booda WBO gidduu garagarummaan tokkollee hin jiru, WBOn tarkaanfii isaa itti fufaa jira, hojii jajjabduus nutti agarsiisuuf deema. WBO cinaa hiriiruun, caasaa PP bakkaa kaasuun, biyya ofii dhuunfachuu irratti haa fuulleffannu! Haa Jabaannu!
- Odaa Tarbii
- Odaa Tarbii