Hidhattonni Adda Biliisa Baasaa Beenishaangul Gumuz Kamashii Dhunfate!
--
GWG-Fulbaana, 4/2021
--
Naannoo Beniishaangul Gumuz Godina Kamashiitti Hidhattoonni Adda Bilisa Baasaa Beenishaangul Gumuuz sochii isaa itti fufuudhan sa'a ammaa magaalaa godinaa Kamashii to'achuuf meeshaa gurguddaadhaan magaala Kamashii marsee jiraachuu odeessi arganne ni ifoomsa.
Haaluma kanaan humni guddaan gartokkee magaalichaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Injiner Tigiree Dheeressaa, Buufata "Action Aid" fi Mana Amantaa Kaatolikii gara bahaatti ol dhufuun dirree kubbaa miillaa magaalichaa bira darbuun hanga Mana Murtii Godinichaatti fulla'aa jiraachuunis beekameera.
Hidhatoota Adda Biliisa Baasaa Gumuziif mootummaa Itoophiyaa jidduutti yeroo garaa garaa lolli adeemaa turuun ni yaadatama.
Oduma wal fakkaatuun Waraanni Biliisummaa Oromoo fi Hidhattoota Biliisa Baasaa Gumuz jidduutti wal ta'iinsi waraanaa eegalamuunis dhagaa'amaa jira.
Bal'ina oduu akkuma arganneen isin biraan geenya.
👇👇
@dhoombirii♥️