Etana Habte


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan



Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Lola Motummaan abbaa irree #AbiyAhmad Oromoo irratti labse kana ofirraa ittisuuf adeemsifamu kana haalaan ho


#Tsegaye_Ararssa irraa

MAAL GOONU: AKKAMITTI SOCHOONU? (Yaada dhunfaa kooti)
[Modified version of a post on July 5, 2020]
=============
1. Qabsoon uummata Oromoo sadarkaan inni itti jiru haala ariifachiisaa ta'een jijjiiramaa jira. Erguma #Haacaaluun wareegamee irraa kaaseeyyuu, hoggantoonni jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hidhamaa fi dararamaa jiru. Qeerroon Oromoo haala sukkaneessaa ta'een hiraarfamaa jira. Har'as, hawaasni keenya ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, gad-xiqqeeffamaa, karaa adda addaatin itti roorrifamaa jira. Keessattu, ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwatame booda, #JawarMohammed, #BekeleGerba qabamanii hidhaatti darbamaniiru. Hoggantoonni olaanaa ABO hidhamaniiru. Ijoolleen fi maatiin #BekeleGerba, #HamzaBooranaa, #DajaneeXaafaa, #DrShigguxGalataa, #MichaelBorana, fi hoggantonni biroo ABO hidhamaniiru. OMN cufameera. Yakkamaas jira. Miidiyaalen Oromoo adda addaa akka satalayitii irraa buufaman murtaayee jira. Oromiyaan guutuma guututti dirree waraanaa taatee jirti.

2. MM Abiyy Ahmad, tarkaanfiilee ciccimoo kana caalaa nama hiraarsan fudhachuuf dhaaddachaat jira. Motummaan isaas uummata qawwee dhaan cabsuuf murteessuu isaa ibsateera. Fudhatees jira. Ammas itti fufeet jira.

3. Kanaan walqabatees, raayyaan ittisa biyyaa magaaloota Oromiyaa hunda keessatti dhangala'ee uummata haaleelaa jira. Anaa tokkoof Poolisii addaa lakkofsaan 250 ta'an ramadee socho'aa ture. Mormiin uummataa cimmee caasaa loltoota kanaa haa caccabsu malee halleellaan sukkaneessaa ta'e gama RIBtin itti fufeet jira.

4. Magaalaan Finfinnee keessatti Oromoonni gar lamaan hiraarfamaat jiru: gara motummaa irraa fi gara haawaasa magaalittii irraayis miidhaa fi dhiibbaan adda addaa irratti gaggeeffamaat jira. Gama biraatin daandiiwwan cufamanii waan turanif fi mormiin gabaa lagannaa guyyaa shanif gaggeeffamaa ture irraa kan ka'e gatiin shaqaxaa fi nyaataa ol ka'eet jira.

Interneettin torban sadii ol cufameetti ture.

Magaaloota Oromiyaa keessatti waraanni uumata mormuuf bahu manatti dachaasee akka gadi hin baane godhaat jira. Walumaa galatti Oromiyaa irratti waraanni labsamee jira.

5. Sirnichi guutuma guututti sirna cunqursaa, sirna abbaa irrummaa nama tokkoo (sirna #AbiyAhmad) ta'ee itti fufuuf kutannoo dhaan ka'eera.

Kanaaf:

1. Oromoon hundi bakka jirutti haala danda'ame hundaan, haala inni filatee hundaan, qabsoosaa ciminaan, kutannoo addaatin, itti fufuu qaba. Yeroo kanaatti, sochiin isaa hundi naamusaan, waldhageettii guddaa dhaan, tokkummaa dhan, sagalee tokkoon, tarsiimoo fi tooftaa adda addaatin gaggeeffamuu qaba.

2. Jarmiyaalen siyaasaa hoggantoota isaanii hidhaman, isaan hiiksiusuuf hatattamaan carraaqqii adda addaa gochuu qabu. Kanaa godhuuf dhiibbaa siyaasaa adda addaa gageessuu qabu. Miseensoonni fi hoggantoonni hanga ammaatitti jalaa hin hidhamne jara kana tikfachuu qabuu. Balaa hidhaa jalaa akka miliqan yaali gochuu qabu. Warra hoggantoota hidhamaniin bakka bu'anii hojii hojjachuu danda'an ramadanii sochoo'uun barbaachisaa dha. Warri hoggantoonni irraa hidhaman, hoggantoota yeroo kanaaf malu filatanii bakka bufachuu qabu.

Hojiin siyaasa karaa nagaa dhaan geggeeffamu karaansaa dhiphachaa waan dhufeef, hawaasni mormii cimaa akka gaggeessuu danda'uu, waamicha fi gorsa hawaasa sochoosu dhaammachuun, kallattii qabsoo baasanii keennuun, barbaachisaa dha.

3. Warri qabsoo hidhanoo gaggeessaa jiru haalan deeggaramuu qabu. Yeroo kamiyyuu caalaa tooftaan qabsoo isaanii, yeroo akka sabaatitti lolli nurratti labsamee jiru kana irratti, barbaachisaa akka ta'e ifa ta'eera. Kana baratanii, hidhannoo isaanii jabeeffachuu qabu.

Qabsoon karaa nagaa guyyaan itti galgalaa'aa waan jiruf lola nurratti labsame ofirraa ittisuf akka danda'amu qabsoon sibiilaa tooftaa haalan barbaachisaa akka ta'ee hubachuun barbaachisaa dha. Kun waan ta'eefis, haalan deeggaruun barbaachisaa dha. Hoggansi WBO dirree jirus kana beekkatee, sadarkaa amma jirru irratti, ummata Oromoo lolli waraanaa itti labsame kana balaa irraa oolchuuf sochoo'uusaa ciminaan itti fufuu qaba.


#Inbox

BEEKSISA
=======
Waamicha Uggura Geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame Ilaalchisee Beeksisa Qeerroo Irraa Kenname
=======================
lagannaan ugguraa geejibaa daandii Asphaltti fi Cirraacha/piistaa/ fi qoqqobbiin dinagdee Guutuu oromiyaa tti Adoolessa 27/11/2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa calqabee Guyyoota Hin murtoofneef hojii irra Ni oola.
Haaluma Kanaan toftaa qabsoo bifa lama of keessaa qabu bocuudhaan Qeerroon mata-duree Waamicha Uggura geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame bifa qinda'een Guutuu oromiyaa tti Ni raawwata.

Akkaataa waamicha kanaatti qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame keessaa muraasni .....

Tooftaan 1ffaan Waamicha Uggura geejibaa fi Qoqqobbii Diinagdee Qeerroon Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmadiin loluuf baafate immoo
•••->uggura daandiiwwan gurguddoo (highways) irratti xiyyeeffataa. Kaayyoon uggura daandiiwwan gurguddoo kun daandiiwwan Oromiyaa seenanii fi ba’an cufuudhaan ujummoo diinagdee mootummaa Nafxanyaa Finfinnee keessa maadheffatee cufuu dha.
Qeerroon addaan qoodame hinjiru, gara duraattis hanga bilisummaa dhugaa galmaan geenyutti hinjiraatu.

Toftaan 2ffaa..
••-> uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne,
•• baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne .
Uummatni keenya irraa keenya mootummaa nfaxanyaa Abiy Ahmediif gibira akka hin kafalle;
••Jaarmiyaalee tajaajila geejjibaa kanneen sheerii warra diina uummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu; ••konkolaataan isaanii Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu;
••Miidiyaalee diinaa dadhabsiisuu ilaalchisee miidiyaaleen diinaa fardii uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne,
••Qabeenya abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.
Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa ilaalchisee
Waamichi uggura geejjibaa daandiiwwan gurguddoo Oromiyaa seenanii-ba’anii fi Oromiyaa Wiixata, Adoolessa 27, 2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa calqabee
akka eegaluuf murtaa’ee jira. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 27, 2012 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa
eegalee daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu irra deebiin waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata Adoolessa 27 ALH ykn Monday ,AUG 3/8/2020 irraa egalee hojii irraa akka oolu firaafis ta’e diinaaf ifa haata’u jechuun Qeerroon murteessee jira. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata. Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti Guyyoota Hin murtoofneef kan itti fufu ta’a.
Warreen murtii Qeerroo fudhachuu didanii socho'uuf yaaluu fedhan Yoo jiraate tarkaanfiin irratti fudhatamu fuula duratti Qeerroo fi qarreen ifa Ni godha.


Ashaagreen dura Tigraayiin rukutu malee jedhee foolataa ba’e, dabballoota ofii miidiyaatti bobbaasee arrabsiisaa, itti roorrisaa ba’e, amma garuu afaan jaraatiin gadi ba’ee ani isin rukutuuf fedha hinqabu maaloo nadhiisaa jedhee kadhataa jira. Kallattii inni qabatee fi amala isaa dura irraa kaasee aagrsiisaa jiru waliin gaafa ilaalamu dubbiin inni amma dubbataa jiru waan lama of keessaa qaba. Inni tokko, amma Oromoo irratti lola labsee waan jiruuf hamman Oromiyaa injifadhutti isin waliin lola hinfedhu jedhaa jira. Jecha biraatiin taraan keessan hingeenyee hamma taraan ga’utti na eegaa jedhaa jira. Jarris ergaa kana waan argachuu dhaban hinfakkaatu, kallattii gara garaatiin hubannaa akkasii akka qaban mallattoo agarsiisaa jiru. Inni lammataa, Ashaagreen saba kutannoo/murannoo jabaa qabu garmalee akka sodaatu himate. Tigraay qawwee qaba, mootummaa ijaarratee qaba, eenyummaa ofii irratti jabaadha. Hamma ammaatti garuu mootummaa Nafxanyaa Araat Kiiloo jiru waliin waraana kaasee hinlolle. Waan tokko garuu godhaniiru, saba ofii tokkoomsanii ijaaruudhaan akka qophaa’ee kutannoodhaan biyya ofii eeggatuuf dammaqina isaa sadarkaa olaanaatti guddisaniiru; adeemsi kun dimokraasii kan bakka dhowwate ta’us. Kutannoo fi qophiin biyya ofiif wareegamuu har’a Tigraayiin keessa jiru seenaa isaanii keessatti dorgommii waan qabu hinfakkaatu. Kun meeshaa guddaadha. Kan Ashaagree watwaachisaa jiru meeshaa kana. Gama biraatiin akka injifatamu utuu beekuu didee Oromoo lolaa jira. Oromoon waan Tigraay qabu kana waan dhabeef miti; dursee mana seenee meeshaalee Oromoon qabu kanneen gidduu waan taa’eef malee. Amma Oromoon yaada gowwoomsaa Ashaagree dammaqee of irraa ari’eera. Kan hafe caasaa inni ijaarratee Oromiyaatti bobbaase bitaan fakkeesse karaa mirgaa, duraan fakkeessee karaa duubaa rukutee gombisuudha. Qeerro, jirtuu? #Abiy_Must_Go


Kan ajjeefame Oromoo, ajjeechaa raawwatameef kan yakkame Oromoo, yakkamuu Oromoof kan yakkame Oromoo. Yakka, hadheessaa, yakka. Akkasitti Oromoo Nafxanyaa jalatti deebisuuf duulaa jirti. ‘Roorroon daangaa dabarraan Qeerroon falma murteesse,’ jedhee inni Haceen itti geeraree galaa galaasee wareegame isa ammaa kana raage. Ajjeechaa, yakkaa fi hadheessaan Nafxanyaa Oromoo humna itti hora. Guyyaa itti Oromoon Ashaagree salphisee ari’atu dhiyoodha. Ni mo’anna. #Abiy_Must_Go


#Inbox
Godina harargee lixaa aannaa Mi'eesso araddaa Daalachaa keessa Wiixata kaleessaa waraanni mootummaa maqaa shanetiin namoota nagaya qabee hidhaa jira 1/Ahmed Abduramane 2/Hajaraa Tulee 3/Sulxaan Abrahiim 4/Abdallaa Hacaree 5/Abdii Adem Usmee 6/Ahmed Maammud 7/ Ali Jaabir 8/Rudwaan Ali 9/Shukrii Umar Biilloo 10/Mama Ussoo 11/Ahmanur Ammayyaa 12/Umar Ibrahiim 13/Adem m/d diima jedhaman.




Kun ammoo waan jarri waa’ee KFO jettee dabballee ofii barsiiftu. KFOn ammoo kaampii finxaalessitootaati jetti. Akkasitti Nafxanyaan biyya Oromoo keessatti Oromoo walittiqabdee diinummaa Oromoon leenjifti. Kana booda dookumanticha akkuma jiruttan ‘pdf’n isiniif maxxansa, ilaalaa. ‘Slide’ paartilee Oromoo fi kan Jawaar addatti kan maxxanse namni hunda dubbisuuf yeroo hinqabne carraa wantoota kana ilaaluu akka hindhabneef yaadeeti. #Abiy_Must_Go


Biltsiginnaan waa’ee ABO dabballoota ofii waan barsiiftus ilaalaa. #Abiy_Must_Go


Dookumantii leenjii dabballoota Biltsiginnaa maxxansa duraa keessatti isiniif eere keessaa kun ‘slide’ 64ffaa dha. Isa miidiyaaleen Nafxanyootaa Jawaarii fi hooggantoota siyaasa Oromoo hidhata biyya Misiraa qabu jedhanii halaakaa oolan kunoo qaama leenjii dabballoota Biltiginnaa ta’ee hojii irra ooleera. Jecha biraatiin imaammata jechuudha. Jawaarii fi ABUT deggerasa biyya Misiraa irraa argataniin socho’u jettee dabballoota ofii barsiifti. Wanti isheen waa’ee Misiraa buuftu akkuma jirutti ta’ee kan nama dhibu Jaawaarii fi ABUT ilaalchisee mata-duree ‘humnoota alaa’ jedhu jala galchuu isheeti. Ammas namni shakkii qabu yoo jiraate kan Oromiyaa qabatee jiru ‘mootummaa’ Nafxanyaa’ akka ta’e beekuu barbaachisa. #Abiy_Must_Go


Fakkiin agartan kun dookumantii Biltsiginnaan dabballee ofii Oromiyaa keessatti ittiin leenjifachuuf qopheeffattedha. Dookumatii kana ijoolleen Oromoo quuqama uummata ofii qaban ‘PowerPoint’ dhaan akkuma jirutti nuuf erganii jiru. Guutummaan dookumantichaa ‘slide’ 70 qaba, garuu irra caalaan yaadota achi keessa jiranii habaqiidha. Haata’u malee, akkaataa itti jarattiin mooraa qabsoo Oromoo amaleessitu (‘characterise’ gootu) ilaaluun hinbadu. Hamma humna isheetti paartilee Oromoo keessaa isaan sodaattu (ABO fi KFO) ilaalchisee yaada dhiyeessite qabdi. Jawaariinis maqaa dhooftee waraqaa leenjii kana keessa keessee jirti. Akkuman danda’etti walduraa duuba isiniif maxxansa. Ilaalaa. #Abiy_Must_Go


Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti kan itti fufu ta’a.

Injifannoon Uummata Oromoof!


BEEKSISA

Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame Ilaalchisee Beeksisa Qeerroo Irraa Kenname
=======================
Motummaan Nafxanyaa Abiy Ahmed lola gochaa fi jechaan mul’atu saba Oromoo irratti banuun isaa erga ifa ba’ee kaassee uummatni Oromoo mirga ofii falmachuuf qabsoo marsaa haaraatti deebi’uun isaa beekamaadha. Oromoo ajjeesuun, hidhuun, dararuun, hiraarsuun, akkuma itti fufee jiru Qeerroonis falma murteessee jira. Haaluma Kanaan qabsoo bifa lama of keessaa qabu bocuudhaan Qeerroon mata-duree Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame jedhuun waamicha dhiyeessun ni yaadatama. Akkaataa waamicha kanaatti qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame keessaa muraasni baankiiwwanii fi inshuraansii diinaa lagachuu, diddaa gibira kaffaluu, miidiyaalee diinaa lagachuu akkasumas kaampaanota diinaa lagachuu dha. Tooftaan lammaffaan Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Qeerroon Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmadiin loluuf baafate immoo uggura daandiiwwan gurguddoo (highways) irratti xiyyeeffataa. Kaayyoon uggura daandiiwwan gurguddoo kun daandiiwwan Oromiyaa seenanii fi ba’an cufuudhaan ujummoo diinagdee mootummaa Nafxanyaa Finfinnee keessa maadheffatee cufuu dha.

Gama biraatiin diinni Oromoo Qeerroon qoodamee mormii waame haqee jira jechuudhaan olola inni adeemsisaa jiru quba qabna. Qeerroon addaan qoodame hinjiru, gara duraattis hinjiraatu. Waamichi qabsoo marsaa kanaas akkaataa Qeerroon waameen kan itti fufu ta’a. Haata’u malee tooftaalee qabsoo Qeerroon qabsoo maraa kanaaf qopheesse keessaa tokko irratti jijjiiramni guyyaa akka taasifame ibsuu barbaanna. Haaluma Kanaan:
Qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame baankiiwwanii fi inshuraansii diinaa lagachuu, diddaa gibira kaffaluu, miidiyaalee diinaa lagachuu akkasumas kaampaanota diinaa lagachuu akkuma jirutti ittifufa. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 20, 2012 irraa kaasee uummatni keenya waamicha qoqqobbii diinagdee dhiyaate akka hojii irra oolchu irra deebinee yaadachiifna. Haaluma kanaan:
uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne, akkasumas baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne irra deebiin waamicha dhiyeessina;
Uummatni keenya irraa keenya mootummaa nfaxanyaa Abiy Ahmediif gibira akka hin kafalle;
Jaarmiyaalee tajaajila geejjibaa kanneen sheerii warra diina uummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu; konkolaataan isaanii Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu;
Miidiyaalee diinaa dadhabsiisuu ilaalchisee miidiyaaleen diinaa fardii uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne, akka hin dhaggeeffannee fi odeeffannoo akka hin kennineef irra deebinee waamicha dhiyeessina.
Qabeenya abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.

Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa ilaalchisee
Waamichi uggura geejjibaa daandiiwwan gurguddoo Oromiyaa seenanii-ba’anii fi Oromiyaa keessa kan qaxxaamuran Hagayya 20, eegala jedhee Qeerroon waamicha dhiyeessee ture gaaffii hawaasaa ilaalcha keessa galchuudhaan Wiixata, Adoolessa 27, 2012 akka eegaluuf murtaa’ee jira. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 27, 2012 irraa eegalee daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu irra deebiin waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata Adoolessa 27 irraa egalee hojii irraa akka oolu firaafis ta’e diinaaf ifa haata’u jechuun Qeerroon murteessee jira. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata.


በመንግሥት መዋቅር ውስጥ ሆነው፣ በካድሬነት ሥርዓቱን እያገለገሉ የሚገኙትን አካላት ከማንኛውም ማህበራዊ ህይወት እንዲገለሉ፣ ቢሞቱ እንዳትቀብሯቸው፣ አሊያም ዘመድ ቢሞትባቸው እነሱ ጋር ለቅሶ እንዳትደርሷቸው፣ ሰርግና መሰል ፕሮግራሞች ቢኖራቸው ከነሱ ጋር ምንም አይነት ግኑኝነት እንዳይደረግ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

የብልፅግና ካድሬዎች በገጠርም ሆነ በከተማ በሚጠሯቸው ማናቸውም ስብሰባዎች ላይ ሕዝባችን እንዳይገኝ፣ እንዲሁም በጥቅም ተደልለው ይሁን ባለማወቅ በሽምግልና ስም ወዲያ ወዲህ የሚሉ አካላትም ከዚህ ተግባራቸው እንዲቆጠቡ እናሳስባለን::

ማሳሰቢያ

------

በምንወስዳቸው እርምጃዎች ወሳኝ የሆኑ ማህበራዊ ተቋማት፣ ለምሳሌ፣ ትምህርት ቤቶች፣ የሰውና የእንሰሳት የጤና ተቋማት፣ እንዲሁም የግብርና ማሰልጠኛ ጣቢያዎች አይነኩም::

የትግላችን ዋነኛ ትኩረት በነፍጠኛው የአብይ ሥርዓተ-መንግሥት ላይ በመሆኑ፣ ሌሎች የባህል፣ የማሕበረሰብ እና የሀይማኖት ተቋማት በምንም ሁኔታ አይነኩም:: ልክ እንደ ከዚህ በፊቱ፣ አፈላጊው ጥበቃ ሁሉ እንዲደረግላቸው እናሳስባለን:: በውስጣችን የሚኖሩ ብሔር ብሔረሰቦች፣ የኛው አካል በመሆናቸው፣ ምንም አይነት ጉዳት አይደርስባቸውም::

ማጠቃለያ

--------

ከላይ በግልፅ እንደተገለፀው፣ ህዝባችን በዚህ ወቅት የገባበት ትግል፣ ሙሉ በሙሉ የኦሮሞ ህዝብ በራሱ ሀገር ላይ ባለቤት ለመሆን እስኪችል ድረስ የሚቀጥል ይሆናል:: ስለዚህ ይህ የትግል ምእራፍ ሲገባደድ በቀጣይ በመላው ኦሮሚያ የሚደረግ አዲስ የትግል ምእራፍ እንደሚገለፅ ከወዲሁ ልናሳውቃችሁ እንወዳለን::

ድል ለኦሮሞ ሕዝብ።


ከ ኦሮሞ ቄሮ የተላላፋ በነፍጠኛው የአብይ አህመድ ሥርዓት ላይ
የሚደረግ ተቃውሞና የኢኮኖሚ እቀባ ጥሪ

--------

የአብይ አህመድ አስተዳዳር፣ በቃልና በተግባር የተደገፈ ጦርነትን በኦሮሞ ህዝብ ላይ ከፍቷል:: ኦሮሞን መግደል፣ በጅምላ ማሰር፣ እና ማንገላታት በሰፊው ቀጥሏል:: ተወዳጁን አርቲስት ሀጫሉ ሁንዴሳን በመግደል ውድና የአይናችን ብሌን የሆነውን ልጃችንን ነጥቆናል:: የትግላችንን መሪዎች ያለ አግባብ በማሰር መሪ አልባ ሆነን እንድንቀር ለማድረግ በመሯሯጥ ላይም ይገኛል:: የተቃዋሚ የፖለቲካ ድርጅቶችን በማስፈራራት፣ በአንዳንድ ቦታዎችም፣ ቢሮዎቻቸውን አላግባብ በመቀማት፣ ህዝባችን፣ ጠንካራ የፖለቲካ ድርጅት እንዳይገነባ፣ የገነባቸውንም እንዳያጠናክር፣ ከፍተኛ የሆነ ጫና በማድረግ ላይ ይገኛል::

የኦሮሞ ህዝብ ልሳን የሆነውን OMNን በመዝጋት፣ የኦሮሞ ህዝብ ድምፅ እንዳይሰማ አድርጓል:: የተለያዩ የኦሮሞ ሚዲያዎችን ከሳተላይት ላይ እንዲወርዱ በማድረግና የኢንተርኔት መረብን በማቋረጥ፣ ሚዲያዎቻችንን በሙሉ ለማጥፋት በሰፊው እየሰራ ይገኛል::

ይህ አልበቃው ብሎ የመንግሥት መገናኛ ብዙኅን ሚዲያዎችንና ፀረ-ኦሮሞ የሆኑ የተለያዩ ሚዲያዎችን በመጠቀም፣ ሕዝባችን ላይ መጠነ ሰፊ የሆነ የጥላቻ ፕሮፖጋንዳ በመስራት፣ የህዝባችንን ስም ለማጉደፍ እየሰራ ይገኛል::

የተለያዩ የኦሮሞ ጋዜጠኞችንና አክቲቪስቶችን ያለ አንዳች ጥፋት በማሰር ሕዝባችን ድምፁ በየትኛውም መልኩ እንዳይሰማ ለማድረግ ከፍተኛ ጥረት በማድረግም ላይ ይገኛል:: በሀገር ውስጥ የሚሰራው እኩይ ተግባራቱ ሳይበቃው፣ በውጭ ሀገር ሆነው ለሕዝባቸው የሚተጉ አክቲቪስቶችን፥ የማሕበራዊ ድረ-ገጽ አውድማቸው እንዲዘጋባቸው በማድረግ፣ የኦሮሞ ህዝብ ሙሉ በሙሉ፣ ድምፁ፣ በውጭም በውስጥም እንዲታፈን ለማድረግ እየተጋ ይገኛል:: በአጠቃላይ፣ አብይ አህመድ እንደ አዲስ እየዘረጋ ያለው የነፍጠኛ ሥርዓት፣ የመጨረሻውን ጦርነት በኦሮሞ ህዝብ ላይ ከፍቷል:: በመሆኑም፣ የኦሮሞ ቄሮ ይህንን ግልፅ የሆነ አደገኛ ጠላት ትግሉን በማፋፋም፣ እስከ መጨረሻው ለመታገል ወስኗል::

የዚህ ዙር ተቃውሞ ዋነኛ አላማ በአብይ አህመድ እየተገነባ የሚገኘው የነፍጠኛው ሥርዓት፣ ሙሉ በሙሉ በኦሮሚያ ውስጥ ተበጣጥሶ፣ ከዚህ የግፍ ሥርዓትና ከብልጥግና የወንጀል ቡድን ነፃ የሆነች ኦሮሚያን ለመፍጠር የሚያስችለውን ምቹ ሁኔታ መፍጠር ነው:: ከዚህም በተጨማሪም፣ የተቃውሞአችን ግብ፣ የአብይ አህመድን የነፍጠኛ ሥርዓት፣ አቅም ኑሮት ሕዝባችን ላይ እየወሰደ ያለውን መራራ ግፍ እንዳይገፋበት አቅሙን ማሽመድመድ ነው::

የዚህ ትግል የአጭር ጊዜ አላማ፣ የነፍጠኛው ሥርዓት ያለ አግባብ ያሰራቸውን የትግላችን መሪዎችን እንዲፈታ ማስገደድ ነው:: በመሆኑም፣ የሚከተሉት የትግል አቅጣጫዎች ከመላው የኦሮሚያ ቄሮ ተላልፏል::

ሕዝባችንን በመጀመሪያው ዙር የተደረገለትን ጥሪ በመቀበልና እርስ በርስም በመጠራራት ለአምስት ቀናት ባደረገው የኢኮኖሚ እቀባ ከፍተኛ ድል ማሰዝገቡ ይታወሳል:: በዚህ ዙር ትግላችን ደግሞ፣ በሚከተለው መንገድ ይቀጥላል።

ወደ መዲናው የሚያመሩ ዋና ዋና ጎዳናዎች እንዲዘጉ የቀረበ ጥሪ

ከሰኞ ሐምሌ 20፣ 2012 ዓም ጀምሮ ባሉት ቀጣይ ሳምንታት መጨረሻው ላልተወሰነ ጊዜ የሚቀጥል የተቃውሞ እንቅስቃሴ ለማድረግ እንዲቻል፦

1. በመላው ኦሮሚያ ውስጥ ማንኛውም የትራንስፖርት እንቅስቃሴ የተቋረጠ ይሆናል። የኦሮሚያን ከተሞች የሚያገናኙ አውራ መንገዶች ሁሉ ይቋረጣሉ።

2. በተመሳሳይም፣ ትላልቅ የሆኑ፣ ወደ ፊንፊኔ የሚወስዱ የሀገሪቱ ዋና ዋና ጎዳናዎች [Highways] ሙሉ በሙሉ ተቋርጠው፣ ትራንስፖርት እንዲቆም ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

3. ይህ የትራንስፖርት ሙሉ በሙሉ የማቋረጥ ተግባር፣ ከሰኞ ሀምሌ 20 ጀምሮ ተግባራዊ የሚደረግ ይሆናል::

4. በዚህ የትራንስፖርት ማቋረጥ ተግባር በሚፈጸበት ወቅት፣ ከአምቡላንስ በቀር ከኦሮሚያ ወይም ወደ ኦሮሚያ የሚደረግ እንቅስቃሴ ሁሉ ሙሉ በሙሉ የተገታ ይሆናል።

5. በዚህ ዙር የሚደረገው ዕቀባ፣ በከተሞች መካከል የሚኖረውን የትራንስፖርት ፍሰት ለማስቆም ብቻ ያነጣጠረ በመሆኑ፣ በየከተሞቹ ውስጥ ያለ የታክሲ አገልግሎት፣ እንዲሁም የተለያዩ የንግድ እንቅስቃሴዎች ሁሉ ሳይስተጓጎሉ ይቀጥላሉ። በከተሞች መካከል የሚኖረው የትራንስፖርት ግንኙነት ግን ሙሉ በሙሉ የተቋረጠ ይሆናል።

6. ይህ የትራንስፖርት እቀባ እንቅስቃሴ ፣ ቄሮ በይፋ መግለጫ በማውጣት ዕቀባው የተነሳ መሆኑን እስኪገልጽ ድረስ ተፈፃሚ ይሆናል።

በቅድሚያ የሚወሰዱ እርምጃዎች፦

የመንግሥትን ኢኮኖሚ ለማዳከምና የገቢ ምንጩን ማድረቅ ላይ የተኩራል:: ስለዚህ፣ በቀጥታም ሆነ በተዘዋዋሪ ይህንን የነፍጠኛውን ሥርዓት የሚደግፉ የፋይናንስ ተቋማት (ለምሳሌ ባንኮችና የኢንሹራን ድርጅቶች) እንዳይጠቀም፣ እንዲሁም አዳዲስ ለገበያ የሚቀርቡ በተመሳሳይ ሴክተር ተሳታፊ የሆኑ ንግዶች በሚቋቋሙበት ጊዜና አክሲዮኖች በሚሸጡ ጊዜም፣ ሕዝባችን አክሲዮኖችን እንዳይገዛ፣ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

ይህ የነፍጠኛ ሥርዓት አቀንቃኝ መንግሥት፣ ህዝባችንን እየፈጀ የሚገኘው፣ ከህዝብ በሚሰበሰብ ገንዘብ በመሆኑ ሕዝባችን ለዚህ መንግሥት ምንም እይነት ግብር እንዳይከፍል ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

የህዝባችን ጠላት በሆኑ ሀይሎች የሚንቀሳቀሱ የትራንስፖርት አገልግሎቶችን ሙሉ በሙሉ እንዳይጠቀምና እነዚህም ተቋማት ኦሮሚያ ውስጥ እንዳይንቀሳቀሱ ሙሉ እቀባ እንዲደረግ፣ ለህዝባችን ጥሪ እናስተላልፉለን::

በህዝባችን ላይ በቀጥታ የዘር ማጥፋት ወንጀልን የሚሰብኩ፣ እንደ EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube, ETHIO Tube፣ አሃዱ ሚዲያ፣ እና Fana BC የመሳሰሉትን ሚዲያዎች እንዳይከታተል፣ ለነሱም ምንም አይነት መረጃ እንዳይሰጥ ለህዝባችን ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

የነፍጠኛውን ሥርዓት በቀጥታም ሆነ በተዘዋዋሪ የሚደግፉና በአርቲስት ሀጫሉ ግድያ ውስጥ ተሳትፎ አድርገዋል ተብለው በሚጠረጠሩና ለዚህ ሥርዓት የገቢ ምንጭ የሆኑ ህዝብ በስም የሚያውቃቸው ድርጅቶች ላይ ሙሉ በሙሉ የኢኮኖሚ እቀባ እንዲደረግ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

ልዩ ጥሪ

በኢትዮጵያ ውስጥ የምትገኙ ብሔር ብሔረሰቦች የወደፊት እጣ ፈንታችሁ በቀጥታ ከኦሮሞ ህዝብ እጣ ፈንታ ጋር የተያያዘ እንደሆነ የሚያጠያይቅ ጉዳይ አይደለም:: ህግና ሥርዓት ይሰፍን ዘንድ፣ የኦሮሞ ቄሮ የሚያደርገው ትግል ትግላችሁ ነው:: ስለዚህ ከኛ ጋር በመቆም ትግላችንን እንድትደግፉ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::

በመንግሥት መዋቅር ውስጥ የምትገኙ የሐገር መከላከያ ሠራዊት፣ የኦሮሚያ ፖሊስ፣ የኦሮሚያ ልዩ ሀይል እንዲሁም በመንግሥት የደህንነት ተቋማት ውስጥ በማገልገል ላይ የምትገኙ የኦሮሞ ልጆች፣ በህዝባችሁ ላይ እየተፈጸመ የሚገኘውን ግፍ እንደምትረዱት አያጠያይቅም። ወደዚህ የሥራ ዘርፍ የገባችሁት፣ ሕዝባችሁን ለመጠበቅ እንጂ ልታሰቃዩት እንዳልሆነ አውቃችሁ፣ ሕዝባችንን ከመጉዳት እንድትታቀቡና መብታችንን ለማስከበር በምናደርገው ትግል እንቅፋት እንዳትሆኑ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን::


3) Gama tajaajila geejjibaatiin kanneen sheerii warra diina ummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu. Haaluma kamiinuu Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu.
4) Gama miidiyaatiin duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti fardii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne, akka hin dhaggeeffannee fi odeeffannoo akka hin kennineef waamicha dhiyeessina.
5) Qabeenya Abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilanii fi kanneen Artiist Haacaaluu ajjeesuu keessaatti deeggarsa godhaman jedhamanii shakkaman kanneen sirnaa kanaaf madda dinagdee ta’an kan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.

Waamicha Addaa
1) Sabaaf sablammootni Ityoophiyaa hiree fi egereen keessan kan ummata Oromoon walitti kan hidhate ta’uun beekamaa dha. Hawwiin keessanii fi kan ummata Oromoos walfakkataa dha. Qabsoon heeraa fi seeraa biyyaa kabachiisuf qeerroon Oromoo eegalee jiru qabsoo keessani. Kanaaf jecha akka qabsoo keenya deggertanii nu cinaa dhaabbattan asumaan waamicha isniif goona.
2) Hojjeetoota mootummaa, miseensoota Rayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Oromiyaa, Humna Addaa Oromiya akkasumas humna tikaa keessa kan tajaajilaa jirtan dhalattootni Oromoo, dararaa uummata keesaan irra gahaa jiru akka hubattan ni abdanna. Qaamolee mootuumaa kan seentan lammii keessan tajaajiluuf malee dararuuf akka hin taane beektanii, yakka ummata Oromoo irratti akka hin rawwanne, qabsoo ummatni Oromoo mirga isaa eegsisuuf adeemsisaa jiru dura akka hin dhabbanne waamicha isiiniif goona.
3) Ummatni Oromoo kaadiree mootummaa wajjin quunnamtii hawaasummaa qabu mara akka dhaabu waamicha isiniif goona. Afooshaa fi ijaarsa hawaasummaa keessaa akka baafaman taasisuu, gaafa du'an ykn gaafa miseensi maatii isaanii boqote akka awwaalcha hin dhaqne, gaafa cidha isaanii akka irratti hin argamne waamicha isiniif goona.
4) Waltajjii kaadireen Bilxiginnaa magaalattis ta'e baadiyyaatti waamtu irratti akka hin argamne waamicha isiniif dhiyeessina. Namoonni ‘Jaarsolii Biyyaa’ ofiin jechuudhaan durgoo fudhattanii ykn fayyaalesummaadhaan jaarsummaadhaan motummaa kana umrii dheeressuuf olii fi gadi deemtan ammaa kaassee akka hojii akkanaa irraa of qusattan waamicha goona.

Hubachiisa.
1) Tarkaanfiiwwan armaan olii keessatti manneen baruumsaa, keellaawwan fayyaa namaa fi beyladaa, iddoon leenjii qonnaan bulaa akka hin tuqamne wal hubchiifna.
2) Tarkaanfiiwwan fudhataman marti xiyyeeffannaan isaanii mootummaa sirna Nafxanyaa seeraan ala aangoo qabatee jiru ta’uun beekamaadha. Kanaaf, akkuma barsiifata Qeerroo jaarmiyaaleen amantaa hintuqaman, sirumaa gaafa danda’ame eegumsi ni taasifamaaf. Akkuma baroota darban akeessa taasifamaa ture sabaa fi sablammootni Oromiyaa keessa jiraatan qaama hawaasaa keenyaati. Kanaafuu sabaa fi sablammootaa fi manneen amantaa hunda akkuma kanaan duraa eegumsa gochuufiin barbaachisaadha .

Xumura
Akkuma armaan olitti ibsame qabsoon uummatni Oromoo itti seenee jiru hanga mirgi abbaa biyyuummaa Oromoo mirkanaa’utti kan itti fufu ta’a. Kanaaf, qabsoon marsaa kanaa gaafa xumurame tooftaan qabsoo guutummaa Oromiyaatti taasifamu marsaa haaraan akka labsamu gamanumaan isin hubachiisna.
Injiifanoon Kan Ummata Oromooti


Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeeffamu
=======================

Seensa
Motummaan Abiy Ahmed lola gochaa fi jechaan mul’atu saba Oromoo irratti baneera. Oromoo ajjeesuun, hidhuun, dararuun, hiraarsuun, itti fufee jira. Haacaaluu ajeessudhaan agartuu keenya balleesseera. Hogganoota keenya hidhuu dhan, Oromoo saba hogganoota hin qabne godhuf tattafachaa jira. Jaarmiyalee siyaasaa Oromoota reebuu dhan, wajira isaani irraa saamuu dhan, akka Oromoon jaarmiyaa jabaa hin ijaarranne, kan ijaarrates akka hin jabeeffanne godheera.
Midiyaa uummata Oromoo bal’aa kan ta’e OMN cuffuu dhaan sagalee Oromoo ugguruu baldhi naan itti fufeera. Midiyaalee Oromoo addaa addaa saatalaytiirraa buussu dhaan, kan immoo Intarneetii cufuu dhan laamsheessuuf dhabamsiisufi dhaddachaa jira.

Midiyaalee motummaa adda addaa fi midiyaalee nafxanyootaa motummaa dhan deeggaramanin fayyadamee, uummata keenya sobaan maqaa xureessaa, olola yakkaa irrati ofaa, gama proppagaandaa siyaasaatin maqaa fi kabaja saba keenyaa balleessutti xiyyeeffatee dalagaa jira.

Gaazexessitottaa fi aktivistota Oromoo hedduu badii tokko malee mana hidhaatti darbatee sagalee nu dhabamsiisuf tattaaffii guddaa godhaa jira. Aktivistoonni fi beektoonni Oromoo biyya alaa jiran rakkina uummatni keenya itti jiru akka addunyaatti hin ibsine jecha midiyaa hawaasaa kan akka Facebook fayyadaman irraa cufsisuf duula guddaa geggeessaat jira. Walumaa glattit, motummaan nafxanyaa Abiy Ahmed lola isa dhumaa Oromiyaa irratti baneera. Qeerroon mormii isaa itti fufa. Kaayyoon moormii marsaa ammaa, sirna nafxanyaa Abiy Ahmadiin ijaarramee lafa qabachuuf totoora’aa jiru diiggamee Oromiyaan walaboomte akka ijaaramtuuf haala mijeessuudha. Dabalataanis motummaan Abiy Ahmed humna horatee uummata keenya irratti tarkaanfii akka inni hin fudhanne laamshessuudha.

Kaayyoon keenya kan yeroo gabaabaa mootummaan Naftxanyaa aangoo irra jiru hooggantoota siyaasaa Oromoo hidhee jiru akka hiikuuf harka micciiruu dha. Bifuma kanaanis kallattiiwan qabsoo armaan gadii Qeerroo guutuu Oromiyaa irraa kennamee jira.
Uummatni Oromoo torbee darbe waamicha gabaa lagannaa waliif taasisee guyyaa shaniif walitti aansee adeemsisuudhaan injifannoowwan gurguddaa akka gonfate ni yaadatama. Mormii marsaa ammaa kana keessatti ammoo akka armaan gadiitti itti fufa.

Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa
Wiixata, Adoolessa 20, 2012 [Wiixata, Adoolessa 27, 2020] irraa eegalee sochiin geejjibaa kamillee Oromiyaa keessa hinjiraatu. Daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata 27 irraa egalee hojii irraa oola. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata. Sochiin uggura geejjibaa marsaa kanaa daandiiwwan magaalota walquunnamsiisan qofa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef sochiin taaksii keessoo magaalotaa fi daldalli garagaraa magaalota keessatti adeemsifamu kan itti fufan ta’a. Hariiroon magaalotaa garuu addaan cita. Waamichu uggura geejjibaa guutummaa Oromiyaa kun hamma hamma Qeerroon ibsa baase akka dhaabbatuuf ifatti waamicha dhiyeessutti kan itti fufu ta’a.

Tarkaanfiilee Jalbultii Eegalan
1) Diinagdee Mootummaa kanaa lamsheesuuf, tooftaan jiru madda maallaqaa inni qabu googsuu ta’uu qaba. Kanaaf, uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi Inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne, akkasumas Baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne waamicha dhiyeessina.
2) Mootumaan naftaxanyaa yakka adda addaa ummata keenya irratti rawwataa kan jiru maallaquma ummatumata irraa guruu fayyadamee akka ta’e ni beekama. Humna maallaqaa kana irraa cabsuuf jecha u ummanni keenya Mootummaaf Gibira akka hin kafalle.


A policeman firing live bullet on peaceful protesters in Dire Dawa city. Ethiopia’s internet blackout lasting for three weeks was intended to hide such acts of state terrorism. #Abiy_Must_Go


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
#Naqamtee #Waxabajjii 30, 2020


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
#Adaamaa, Waxabajjii 30, 2020

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

3 719

obunachilar
Kanal statistikasi