Gabbisa Sammuu


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Sammuun gabbate rakkina huqqisa!

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




Namni haaraan har'a argite nama duraan beektu sitti fakkaatee beekaa?

Wanti haaraan yeroo jalqabaatiif argaa jiran waan kanaan dura arganii beekan namatti fakkaachuu!

Jireenyi amma jiraachaa jirtu jireenya kanaan dura jiraattee darbitee jirtu sitti fakkaachuun, Iddoon haaraa yeroo jalqabaatiif deemte tokko akka waan kanaan duras deemtee beektuu woyii sitti fakkaachuun afaan fayyaatiin " #Deja_Vu" jedhama. Namoonni mallattoo kana agarsiisan wanti amma gochaa jiran kanaan duras waan godhanii darban itti fakkaata! Garuu isaan yeroma jalqabaatiif waan sana raawwachaaru.

#Fakkeenya Deja Vu:
√ Magaalaa haaraa tokko yoo deeman magaalichi kan kanaan dura beekan itti fakkaachuu.
√ Iddoo isaaniif haaraa ta'e, iddoon kun naaf haaraa miti jechuu danda'u.
√ Nama yeroo jalqabaatiif har'a argaa jiran fuulli isaa naaf haaraa miti jechuu.
√ Jechuma namni tokko yeroo jalqabaatiif sitti dubbate akka waan kanaan duras jechichi sitti himamee jiruu woyii sitti fakkaachuu.
√ Adurree dandii qaxaamuraa jirtu argitee, waan yeroo muraasa duras bifuma sanaan argite sitti fakkaachuu. garuu Adurree sana irra deebidhaan osoo hin taane yeroma jalqabaatiif argaa jirta.

Miirri akkanaa nama irratti mul'achuun qofti dhukkubsataadha nama hin jechisiisu. Sababni isaas mallattoon kun namoota fayyaa ta'an hedduu irratti mul'achuu waan danda'ufi. Garuu miirri kun irra deddeebiidhaan yeroo dheeraadhaaf nama irratti kan mul'atu yoo ta'e,mallattoo rakkoo #yaadachuu(memory problems) tiin walqabatee dhufu ta'uu waan danda'uuf ogeessa yaala sammuu mariisisuun gaariidha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa


Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:
✓ Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.
✓ Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu
✓ Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.
✓ Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.
✓ Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.

Wantoota godhamuu hin qabne!
√ Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.
√ Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.
√ Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu.
√ Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu.
√ Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

#Gorsa!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa Qaabii tiin ( barataa yaala sammuu)


Daanga'uu Sammuu (Autism spectrum Disorder)
Daanga'uun sammuu rakkoo hanqina bilchina sammuun kan dhufu yoo ta'u baayinaan namoota umurii kudha saddeeti (18) gadii kan miidhudha.Caalmatti ammoo waggaa lamaan jalqabaa irratti baayinaan adda bahee mul'ata. Akka dhaabbanni fayyaa sammuu Ameerikaa ( America psychiatric Association) lafa kaa'etti daa'imman daanga'uu sammuu qaban mallattoolee gurguddoo armaan gadii argisiisu.

√Dubbachuu dhadhabuufi walitti dhufeenyi nama waliin qaban murtaawwaa ta'uu.
√Fedhii dhabuufi amala wantootarra deddeebihuu qabachuu(fkn hiriyoota isaanii waliin taphachuuf fedhii dhabuu,manaa bahuuf fedhii dhabuu,mana barnootaa deemuu diduufi waanuma tokko irra deddeebihaa oolu dabalata)

√Akka hiriyyoota isaanitti barnoota hordofuu dhadhabuu,daree barnootaa tokko keessatti yeroo baayyee kufuu,qabiyyee barnoota sadarkaa umurii isaanitti hubachuufi hiriyyoota isaaniif salphaa ta'e isaanitti cimuufa dabalata.
Sababa(Cause)
Sababni rakkoo daanga'uu sammuu ifatti kan lafa kaayyame hin jiru. Haa ta'u malee maatii rakkoo kana qaban irraa dhalachuun(genetically) akka sababa guddaa rakkoo kanaatti himama.
Yaala
Mallattoolee daanga'uu sammuutin wal qabatanii dhufan kanneen akka:Amala baduu,mukuu hamaa,sodaa guddaa qabaachuu,miseensa maatitti gamuufi kanneen kana fakkaatan dawaadhan yaalamus ; yaalii guddaan garuu,akkaataa itti jireenya guyyaa guyyaa isaanii keessatti muxannoo itti cimsatan,jiruu isaanii giddu galummaa maatii yookaan nama biraa malee akkaataa ittiin horatan irratti muxannoo kennuufi yaala gocharratti xiyyeeffatetu kennamaaf.


Tolasaa Badhaadha (barataa yaala sammuu)


Baleessaa kee malee namaan shakkamtee beektaa?

Persecutory delusion (Shakkii humnaa olii kan sababa hin qabne)

Namoonni rakkoo akkanaa qaban sababa tokko malee namoota biroo humna ol shakku. Shakkiin isaanii kun garuu dhugaa qabatamaa haala isaan keessa jiraniin kan wal simu miti. Wantichi shakkan sun dhugaadhuman akka irratti raawatamaa jiruutti amanu,garuu shakkiin isaanii kun dhugaa irraa kan fagaateedha.

Namoota rakkoo kana qaban #mallattolee akkamiitu irratti mul'ataa?

✓ Namoonni miidhaa irraan gahuuf akka waan qophaa'anii jiraniitti yaadu. garuu namoonni kun quba isaan hin qaban.
✓ Ana ajjeesuudhaaf nyaatatti qoricha godhanii jiru jedhanii shakku! namni isaan shakkan tarii maatii isaanii kan akka namni kun fayyaa ta'uuf ifaajan ta'uu danda'a!
✓ Namoonni yeroo haasa'an waa'ee koo haasa'aa jiru jechuudhaan dhiphatu.
✓ Ollaan koo qabeenya na jalaa hatuuf karoorsaa jiru jedhanii amanuu danda'u.
✓ Hiriyoota nagaadhan isaan wajjin jiraatan hin amanan! Narratti gurmaa'aa jiru, na miidhuuf natti karoorsaa jiru, hojii keessaa na ariisisuuf deemu jedhanii shakku.
✓ "Paaswordiin" #Feesbuukii koo na jalaa hatameera, waan ani godhu dhoksaadhaan na hordofaa jiru jedhanii shakkuu danda'u! kun warrota FB fayyadamnifi.
✓ Namni osoo yakka kamuu isaan irratti hin raawwatiin himannaadhaaf gara mana seera deemu danda'u.
✓ Sababa baayyee shakkaniif hirriba dhiisanii halkan osoo moora keessa naanna'aan buluu danda'u.
Namoota kana wanti isaan shakkan kun sirrii akka hin taane hubachiisudhaaf yaalanis tasuma hin amanan. Sababa kanaaf namoota waliin jiraachuun baayyee itti ulfaata.

#Gorsa
Mallattoleen kun yeroo baayyee sababa dhukkuba sammuu #psychosis(dhugaa addunyaa keessa bahu) tiin dhufuu waan danda'uuf ogeessa yaala sammuu bira deemudhaan yaala barbaachisu argachuun barbaachisaadha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa Qaabii(barataa yaala sammuu)


Shamarree bareedduu ni sodaattaa?

Rakkoo shamarran bareedduu sodaachuu (venustrophobia)

Shamara bareedduu humnaa ol sodaachuun afaan fayyaatin #Venustraphobia jedhamuudhan beekama. Dhiironni rakkoo akkana qaban shamara bareedduu kophatti haasofsiisu fi waa'ee ishee yaaduniyyuu sodaa too'achuu hin dandeenye keessa isaan galcha.
Namoota rakkinichi hedduu itti cime irratti immoo shamara bareedduu wajjin haasa'uun mallattolee akka hollachuu, dafquu, hafuurri addaan ciccituu, onneen saffisaan dhahachuu fi of too'achuu dadhabuunfaas irratti mula'achuu danda'a.

#Rakkoo kana hir'isuudhaf maal gochuu qabdu?
✓ Ofitti amanamummaa cimsuu
✓ Ilaalcha gadi bu'aa ofif qabdan sirreeffachuu.
✓ Carraa shamarran akkasii waliin itti wal argitanii fi wajjin itti haasoftan baay'isuu.
✓ Ka'umsi sodaa keeti tarii sababa shamarri bareedduun takka kana dura si miitee jirtuuf shamarran bareeddu kaanis ijuma sanan akka ilaaltu fi akka sodaattu kan si godheeru yoo ta'e, namoonni hundi amala wal fakkata fi ilaalcha tokko akka hin qabne of amansiisu.

Kana bira darbee hedduu kan rakkisu fi jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta'e ogeessa yaala xiinsammuu qunnamuudhaan yaala barbaachisu argachuun barbaachisaadha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa tiin (barataa yaala sammuu)


Liinkii kana hiriyoota keessanif #share gochuudhan gara Gabbisa Sammuutti affeeraa!!

Barnoota Fayyaa Sammuutiin wal qabatu koottaati qoodamaa!!




Gammachuun hunduu fayyuummaadhaafii?

#Maaniyaa/mania

Yeroo baay'ee hima kolfuun madda gammachuuti, gammachuun immo fayyinaaf bu'uura jedhaamaa haasa'amu dhageeterta ta'a. Himichi dhugaadha! Gammachuun sirrii faayina keessatti eddoo guddaa qaba! Bifa kanan faallaa ta'een garuu gammachuun sababa hin qabnee fi dangaa darbe sababa mallattoo dhukkuba sammuutif namatti dhufuu akka danda'u dagachuun nu hin barbaachisu.

#Mallattolee_Maaniyaa!

√ Gammachuu humnaa olii fi sababa hin qabne, bashannana dangaa darbe, sirbaa fi faarsaa dangaa hin qabne kan kanan dura yeroo fayyaa ta'anitti gochaa hin turre irra deddeebidhan sirbuu fi faarsuu, aarii dangaa fi sababa hin qabne agarsiisu fi kkf!
√ Hojii humna isaaniti ol ta'ee fi rakkinaf isaan saaxxiluu danda'an irratti hirmaachu.
√ Tilmaama dhugaarraa fagaate ofiif kennuu, humna addaa akka qabanitti of ilaalu, dachee kana akka bararaanif ergamni addaa akka waan itti kennameerutti amanuu, gahumsaa fi dandeetti namoota biroo irra adda ta'e akka waan qabanitti yaadu, kana bira darbees hanga ani #waaqa jedhanii amanutti gahuu ni danda'u. (grandiosity)
√ Fedhiin hirribaa garmalee gadi bu'uu fi yeroo gababduu qofa rafanii hirriba quufuu.
√ Haasawa baayyisuu fi osoo addaan hin kutin cal jedhanituma odeessuu.( talkativeness)
√ Xiyyeeffannoo dhabuu.( loss of concentration)
√ Fedhiin saalqunamtiidhaf qaban bifa uumaman jiru irraa dangaa malee dabaluu fi eenyun wajjin akka qunamtii godhan filachuu dhiisuu.( hypersexuality)
√ Ariitiidhan haasawu, yaada wal irra bubbuusuu, yaada tokko osoo hin xummurin yaada birootti ce'uu. (flight of ideas)
√ sochii baayyisuu(agitation) fi kkf mallattolee #maaniyaa keessa isaan ijoodha!

Jalqaba ka'uumsa dhukkuba kanatti mallattoleen nama irratti mul'atan tarii akka waan hojii gaarummaa hojjachaa jiraniitti dogongoraan hubatamuu danda'u. #Fkn Namni dhukkuba kana qabu sababa tokko malee namoota isa wajjin konkolaataa yaabbatan hundaaf gatii geejibaa kafaluu danda'a. Uffata ofii of irraa baasee nama birootif kennuu, qabeenya qabu hunda namoota gargaarsi isaa isaan hin barbaachisneef hiruu, fi akka waan namootaf baayyee barbaachisoo ta'anitti yaadu danda'u. Garuu adeemsa mallattoleen kun cimaa deemanin wantoonni isaan rawwatanifi ilaalchi dhugaa irraa fagate kan isaan qaban dhukkuba kanaf saaxilamoo ta'uu isaani agarsiisa deema.

#Gorsa

Namni dhukkuba kanaan hubame yeroo baay'ee dhukkubsata ta'uu isaa hin amanu! sababa kanaf yeroo baay'ee gara mana yaalatti kan geefaman ofii isaaniti yaalamu barbaadani osoo hin taane maatii fi namoota itti dhiyaatantu rakkina kana irratti hubachuudhan gara yaala geessa. Kanaf maatii fi ollaan nama mallattolee kanan jeeqamutti dhihoo jiran gara mana yaala deemanii yaala barbaachisu akka argataniif jajjabeessun barbaachisadha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

#Firoomsaa_Urgeessaa_Qaabii tiin(barataa yaala sammuu)


Gaafa sammuu keetti fayyadamtee fayyuummaa Sammuu keeti eeguf yaaltu,qaamonni kee kanneen biroo sammuu tumsuuf humna qaban hunda dabarsani laatu!

Rakkoon sammuu muudatu qaamota keenya kanneen birootifis rakkoodhuma!!

10 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

263

obunachilar
Kanal statistikasi