🗡 BOODDEEN KEENYA HIN TOLU WANTA WARRI DURAA ITTIIN TOLEEN MALEE**
⚔ Yeroon amma nuti keessa jirru kun yeroo qormaatni baay'een gara adda addaatiin nutti baay'achaa jiraniidha. Fatanaan hedduun karaa aqiidaa namaa balleessuutiin, karaa sunnaa fii bid'aa namatti walfakkeessuutiin, Jiruu fii jireenya addunyaa ofii keessatti Fatanaa(qormaata) hamma kana hin jedhamneetu nuufii Obboleewwan keenyaa hedduu isaanii qunnamaa jira.
⚔ Yeroo kanatti fitinaalee hedduu jiran keessa kan yeroo hunda ofirraa eeguun dirqama ta'ee fii hamaan; fitinaa gara #aqiidaatiin dhuftu.
⚔ Yaa obboleewwan Karaan ittiin Fitinaa jana hunda jalaa ittiin nagaya bahan, Karaa ittiin warri gaggaari nu darban ittiin nagaya bahan sani. Innis waan dhufe hunda Madaala #QUR'AANAA FII #HADIISAA , Akkasumas hubannaa qur'aanaa fii hadiisaa kan Warreen gaggaarii nu dura darbanii irra khaayuudha.
⚔ aqiidaan gad dhaabbattuudha. Waan qiyaasni keessatti jiruu miti. Aqiidaa keessatti qiyaasni/yaadni mataa ofii hin dalagu. Yaada kitaabaa fii sunnaa irraa as dhufe yoo taate qofa malee.
⚔ Kanaafu Ati nama kitaabaa fii sunnaa beeku yoo taate, Waan gama kanaan dhufe kamuu Gara qur'aanaa fii hadiisaa deebisi. Yoo waan isaan lamaan keessa jiruun walgaxxame nu fudhatta. Yoo kana hin tahin gidaaratti gad dhiifta.
⚔ Yoo ati immoo nama Dhimma sitti dhufe san hin beekne, kan qur'aana fii hadiisaas hin beekne taate, gama beektota islaamaa wanta kanaan beekumsaa fii beekamtii qabanii deebisi. Isaan qur'aanaa fii hadiisirraa deebii quubsaa siif kennuu.
⚔ Hubadhu Aqiidaa qofa keessatti osoo hin taane Amrii tee hunda keessatti Waan hojjattuu fii dubbattu hunda miizaana Qur'aanaa fii Hadiisaa irra kaayi. Yoo walgaxxaman hojjadhu/dubbadhu. Yoo walhin gaxxamin achumatti ofirraa lakkisi.
⚔ Wantin kana dubbadheef Imaamu Maalik (Ra) akki jedhan(** booddeen ummata kanaa hin bareedu(hin tolu) waan ummanni duraa ittiin toleen malee***).
قال إمام مالك (ره) . (***" لا يصلح آخر هده الأمة إلا بما صلح أولها "***)
🛠 Kanaafuu khaatimaan keenyaa fii Haallumti keenya amma itti jirru akka toluuf, akka fitinaa irraa nagaya baanuuf, akka Waan namarrati walfakkaatu kan kaafirtoonni fii Warri bid'aa deemaniin hunda jalaa Nagaya baanee, injifannee irra Aanuuf Gara Wanta ummanni duraa ittiin tole sanitti haa deebinuu.
🔔 Wanti Warri duraa ittiin tole immoo #Qur'aanaa fii #Hadiisa . Nutiis Amrii Keenya kan diinii fii Duniyaa hunda Gara Qur'aanaa fii Hadiisaa haa deebisnuu. Miizaana qur'aanaa fii hadiisaatiin haa miizaannu. Ija Qur'aanaa fii hadiisaatiin haa ilaalluu.
✍By HadithOfficial Member.
🔑 join gochuuf____👉
@HadithOfficial🔑 Yaada Keessaniif👉
@hadithofficial_bot