Note: ONNANNAA
Asoosama Gabaabaa.
Barreessaa; Oftaanaa Tarreessaatiin.
"AARSAA JAALALAA"
kutaa 4ffaa
.....erga wal hiikanii gargar ba'aniis reefuu torbee lamaa fi guyyaa sadi guutu.
Dheebuu waggaa sadii, yaaddoo waggaa sadii, beela ji'a 36......
Akkuma Sooressaa waliin gargar baateen kallattiman gara magaalaa Amboo kan sochoote Soolaneen Urjii eshee argachuuf fakkaata. Deemsa saati muraasaa boodaa magaalaa Amboo Hoteela Jaarraa fula duratti konkolaata irraa buutee irran gadi lafoo/miilaan kutte. Deemsa daqiiqaa kudhan hin caallee booda nama wal beekan kan Giinciitti waliin barattee Fayyisee argatte. Nagaa ho'aa wal gaafatanii erga wal dubbisanii akka dhimmaaf deemaa jirtu himuun bira kuttee dabarte. Soolaneen. Oolmaa guyyaa sadiin boodaa Urjii nama fakkaatuu agarte. Karaarraa joora. Ni gunguma. Ofitti odeessaa. Carraadha warri jedhan hin dhiban. Hojii waaqaatis kan......akkasuma.
Maarree waan qabduu fi gadhiistuu wallaalte. Lafaan of dhaante. Ni caraantee iyyiite. Urjiinis ni mil'ate. Soolaneedha. Fiigichaan biraan ba'e. Irratti jorgaa of godhe. Walitti maramanii boo'icha itti fufan. Wal fudhatanii karaarraa kutan. Saalfii tokko malee konkolaataa gara Giincii deemuu keessa galanii garasitti kutan. Giincii ga'an. Urjiin akka of baruu ta'ee. Soolaneen gara mana yaalaa Giincii (china meda) waliin deemuun akka qoricha fudhatu taasiste. Urjiin gammachuu waan argateef osoo mana yaalaa keessaa hin ba'iin Lubbuun isaa dabre. Soolaneenis Urjiin du'uu isaa erga hubattee gara dukkaanaa / suuqii deemuun qoricha farra Hantuutaa bitachuun esheenis akka Urjii waliin guyyaa tokko Jannata/Si'ooli dhaalaniif haala mijeeffata.
Xummurameera
@jaalalaafwalaloo
@Ofii_Tar