Barsiisa Sobaa 'Dag Heward Mills' kanan dubbise keessaa muraasa. Namni kun nama barumsa biyya lafaatiin ogeessa fayyaa ta'e yoo ta'u, barumsa og-waaqummaa /Theology/ hin baranne. Garuu kitaabota pastor keneth Hagin dubbisaa nama guddatedha. Keessattuu barumsa Hermeneutics jedhamu kan waa'ee tooftaa hiikkaa kitaaba qulqulluu barsiisu takkaa hin baranne. Gabaabumatti namoonni barsiisa kenet hagin hordofan hundi isaanii faallaa dubbii waaqayyooti. barsiisota sobaatisi. Sababni isaa barsiisni kanneen armaan gadii kana waan of keessatti qabatuuf:
1. Yaadama 'word of faith' jedhamutti amanu. yaadamni kun muraasni sirrii haa fakkaatuyyu malee dogoggora guddaa of keessaa qaba. Kunis amantiidhaan waan hin jirre jiraachisuu ni dandeenya kan jedhu of keessatti haammata. Namni amma lafarra jiraatu umuriisaa ofiif murteeffachuu danda'a jedhanii amanu. Garuu Hagin mataansaa waggaa 120n jiraadha jedhee ture. Haata'u malee waggaa 86tti boqote. Barsiisni kun deemee deemee nuti waaqa xixiqqoodha kan jedhutti waan geessuuf jireenya kirisataanummaa keessatti dogoggora guddaadha.
2. Yaadama 'Prosperity Gospel' ( wangeela badhaadhinaa) warra adeemsisan keessaas akka Afriikaatti adda dureedha. Kunis sirrii fakkaata garuu dogoggora guddaadha. Namni jaalala horiin akka qabamu taasisa. Jireenyi namaa material irratti qofa akka xiyyeeffatu godha. Faallaa sagalee waaqayyooti. Hiyyummaan abaarsa jedhu. Hanga biyya lafaarra jirtanitti rakkinni isinirra jira isa jedhamee barreeffame hin fudhatani.
3. Hagin Yesus nama yeroo jalqabaatiif lammata dhalate akka taʼe barsiiseera: sababni inni lafa kaa'us "inni akkuma keenya waaqarraa adda baheera waan ta'eef" jedhee barsiiseera. Lammata dhalachuun dhala namaatiifi kan barbaachisu malee Iyyesuus waaqa guutuu ture. kanaaf barsiisni kunis barsiisa sobaati.
4. Nuti waaqa wajjin walqixa. kana qofa osoo hin taane nuti Kiristoosi jedhanii barsiisaniiru. ( maddi isaa Kenneth Hagin, Zoe: The God-Kind of Life, 1989. Fuula 35-36, 41. Irraa fudhatame)
5. Fayyinni hin fudhatamu al tokko erga fayyine akka barbaannetti yoo jiraanne rakkoo hin qabu jedhanii amanu.
6. Walumaa galatti Hagiin barsiisa dogoggoraa kan akka nuti waaqa xixiqqoodha, Yesuus Cubbamaa ta'eera, Yesuus seexanatti jijjiramee ture, waan hin jirre garaa jiraataatti fiduu ni dandeenya fi kkf nama barsiisee ta'ee osoo jiruu Dag Hiward Mills barruu isaa " healing Jesus campaign" magazine jedhamu irratti akkas jedhee waa'ee Hagin dhugaa bahee jira. "Keneth Hagin raajii guddaa, tajaajilaan fayyina kennaa nama turedha. Akkamitti akkan tajaajila shaakalu na barsiiseera. Barumsa isaa irraa funaanuudhaan waa'ee tajaajila baruu danda'eera. Inni Abbaa hafuuraa kooti" Jedhee barreesseera. (maddi isaa Healing Jesus Magazine 32nd Edition irraa fudhatame)
Dag Hiward Matansaa akkas jedhee barsiiseera
1. Haadha manaa hiikuun rakkoo hin qabu.
Waaqayyoyyuu saba Israa'eeliyyuu hiiikeera. Iziraanis saba Israa'eeliitiin haadha manaa ormootaa kan fuutan hiikaa waan jedheef.
2. Haadha manaa Baayyee fuudhuun ni danda'ama. Fkn.
i. uumama irraa barachuun ni danda'ama. Bineensonni akka saree haadha manaa tokkoo ol qabu.
ii. kitaaba qulqulluu irratti namoonni nuti duukaa buunu haadha manaa tokkoo ol qabu kan akka Abrahaam, Yaaqoob, Daawwit, Salamoonfaa....
3. Kitaabasaa "Gospel Salvation" jedhu irratti namni Hafuura jedhee barreesseera.
Walumaa galatti Keneth Hagin Abbaa barsiisa sobaa Addunyaa yoo ta'u, ilmi isaa Dag Heward Mills immoo abbaa barsiisa sobaa Afrika jedhamuun beekamu.
Kanaaf namoonni yeroo ibsan Bushriin ni dhaabe, Dag Heward bishaan obaase seexannimmoo ni guddise jedhu mitiiree!
Waaqayyo hubannaa nuuf haa kennu!
Kristaannummaan guddina Miidiyaa guddaatu nuuf mala Obboloota keessaniif share godhaa biyya hundaan gahaa itti eebbifamaa
SHARE AND JOIN
✍ t.me/jireenyaboruuf
✍ t.me/jireenyaboruuf
YAADA FI GAAFFIIF
@Dawitpost_bot