Lencho Dhiba


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan



Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


waan hunduu yeroo qabaa, kabaja kee eeggadhu
👫👬👉👉Leencoo Dhibbaati
✌✌ Horaa bulaa
https://t.me/lencho1001000


Baraticha
💘💘💘💘💘💘💘💘💘💘💘💘
Barataan kun barnootaa isaatti haalaan cimaa ture
Hawaasa naannoo isaa keessattis baay'ee jaallatama
Baruumsa haalaan waan danda'uuf mana baruumsichaatti namni qabxii isa caalaa fidu hin jiru
Akka mana baruumsichaatti urjiidha jechuudha
Kanaafuu namoonni baay'een akka iddo bu'ee mana baruumsichaatti laalu
Mucaan kun akkuma umuriin isaa dabalaan deemuun qileensi isa seenuu waan eegale fakkaata
Nama sadarkaa baruumsaan isaa ol jiru irra jaalalli isa qabe
Gaaffii jaalalaas dhiyeesseefi
Mucaan kun beekamtii waan qabuuf isheenis gaaffii isaa kufaa hin taasisfne
Jaalala eegalan. Faayidaaf miidhaa jaalalaa osoo hin beekiin bishaan jaalalaa habbuuqachuu,aannaan jaalalaa unachuu eegale
Ibidda jaalalaan waadamaa,danfa jaalalaan affeelamaa...jaalalaaf harka kenne
Jaalala harka mirgaan qabee,baruumsa harka bitaatti dabarse
Duraan irra caalaa yeroo isaa dubbisaan dabarsaa ture. amma garuu ,yeroo daree seenuu irraan kan hafe guutummaan guutuutti yeroo isaa isheen waliin dabarsa
Yeroo daree ta'uus,yeroo ciisuus,yeroo deemuus....ishuma yaada
Haalasaa kana arganii ,namoonni itti siqaaniif barsiisonni isaa isa akeekachisanis inni garuu dhagayu didee jaalala isaa itti fufe
Qabxiin isaas akka gaagura funyoo kuttee kan guddaa ture sun saffisaan gad bu'e
Waan inni gochaa jiru kun jireenya isaa boriif sirrii akka hin taane beekus,akka malee waan ishee jaallatuuf irraa of qabuu hin dandeenye
Hima didduun du'a hin diddu akkuma jedhan sana amma dubbiin itti haammaatee, rakkoo cimaan isa mudate
Kutaa 10 ffaa qoramee qabxii darbinsaa eegachaa jira
Yeruma kana jaalallee isaa inni akka malee jaallatu kana garaatti hafe
Ulfa baasiisuuf walii galan garuu hin milkoofne
Ulfi ishees guddatee,namni quba itti qabuu eegalera
Guddaanis xiqqaanis "muu" jechaa bira darba
Kaaniis " salphoo soqolatte soqolaa gargaru" jedhee itti mammaaka
yeroo muraasa booda innis isheef furmaata tokkoyyuu osoo hin kaa'iin ijaafi gurrasaa qabatee biyyaa baqate
Siifan du'aanis maqaatti hafe.waadaan waliif seenaanis diigamee . gaddi jaalallesaa godoo godhate
Isheenis calliftee hin dhiifne,dubbicha gara mana murtii geessite
Manni murtiis akka inni dhiyaatu ajaja dabarse
Waan biyyaa baqateef firiin qormaata isaa to'annoo jala akka oolu yookaan akka haala kamiiniyyuu dabarfamee hin laatamneef mana baruumsaaf barreesse
Firiin qormaataas deebi'e.innis firii qormaata isaa osoo hin fudhatiin deemuun akka isa hin fayyadne waan beekuuf mana murtiitti dhiyaachuuf dirqame
Mana murtiittis "Jaalallee koo turte garuu mucaan kan koo miti" jechuun haale...
Waakkachuun rakkoo jala isaa hin baraarre
Manni murtiis daa'ima akka guddisu itti murteesse
Inni ilma haadha hiyyeesaati,abbaan isaa ijoollummaatti irraa du'e. maaliin haa guddisu? Innoo baruumsarra turee
Sanas ta'u kana, filannoo biraa waan hin qabneef yeroof kaffaltii manni murtii daa'imaaf ji'aan akka kaffalu murteesse kaffalus garuu sababa hiyyummaaf itti fufuu hin dandeenye
Kan duraan dhiisee baqate,jaarsa meeqa itti baasee,jilbeenfatee kadhatee jaalallee isaa duraanii hadha mucaa isaa amma waliin gaayila raawwatan
Baruumsis daa'ima guddisuu waliin itti ulfaate
Dhumarrattis qormaata seensa yuunivarsiiti kutaa 12ffa fudhatee qabxii darbiinsaa osoo hin fidiin hafe
Abjuun isaas karatti hafte,kaayyoon isaas dhadhaa ibidda buute taate
Sareen leencaaf guddisan,jaldeessa baqatti akkuma
Jedhan barataan biyyaaf eegamaa ture sun kan isaayyuu wallaalee harka maratee taa'e...
#######################
Marree kanumaafi namoonni tokko tokko dhiirri kaayyoo qabu yeroof jaalallee hin qabu kan jedhaniif
Namoonni ijoollummaan wal jaallatanii milkaa'an muraasa
Kanuumaaf maatiinis ijoollee isaani jaalalarraa tiksu
Yaa obboleesa koo jaalala ni qaqqabdaa nagaan baruumsa kee baradhu
Atis yaa obboleetti koo dhiirri baay'een siifan du'a ,si malee jiraachuu hin danda'u jedhee si sobuu danda'a . si sobaa hin dhagayiin
Gaafa dubbiin jabaatte galgalee sin ilaalu beeki
Ati hoolaa miti kan abbaan arge soqolee si laalu
Ati sigaaraa miti kan abbaan arge bitee xuuxu
Ati mana fincaanii miti kan abbaan arge goree sitti fincaa'u
Kanaafuu👇👇👇

2 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

105

obunachilar
Kanal statistikasi