SABABA MALEE JAALADHU!Sababa jechi jettu kun boolla guddaa dhalli namaa inarginedha. Garuu, dhaloota baay'ee lafa irraa duguugaa, arraabaa, nyaataa kan jirtudha. Sababni kun ijaa kanaa/waan kana ta'eef/ kana waan gootuuf/kana waan naaf taatuuf kan jedhudha. Sammuu bu'aati. Bukoo isaatis. Bukootu dura qophaa'a sana booda biddeen yookaan bixxillee/qixxaa, daabboo yookaanimmoo cumboo ta'a.
Sababiitu du'a fida. Du'a seexaas, du'a seenaas. Wayyaaneen bara dheeraa Oromoo nyaachuun ishee sababa wayiiti. Ollaan manaafi biyya osoo qabuu qe'eetti nu galuun sababa wayiitiifi. Wanti ati namarraa feetu yookaan wanti namni sirraa fedhu sababa wayiiti. Sababa sanaaf nama feeta yookaan namni si fedha jechuudha.
Namni sababaa waanuma sirraa barbaadu sirraa eeggata. Waan sababeeffatee si hiriyoomfate, si firoomfate, ittiin sitti hirkate, waan sirraa buufachuu fedhe yoo sirraa dhabee mataa isaa hamma gaanii/okkotee sitti geessifata. Aarii yoon jedhe sun naaf inibsu waan ta'eefi. Mee miiltoowwan kee sakatta'i. Waan yeroo dheeraaf barsiifte, waan si irratti jaallatan, waan godhaafii turte addaan kutiitii altakkaaf ilaalimee. Yoo si wajjin hafan isaan miiltoo gaariidha. Kanaa achi garuu, nama tokko ofbiratti inargitu. Kanaafi Oromoon, Yaa orma gaafa kolfaa, yaa fira gaafa golfaa" kan jedhuuf. Barsiisaan tokko guyyaa hunda barsiisee erga goolabee xumura barannoo irratti barattoota isaa gaaffilee akka baacoo gaafata. Guyyaa tokko “barattoota koo waa isin gaafadhuu” jedhaan. Isaanis gammadoo akka itti ta‟an himuuf. Innis deebisee „simbirroota 100tu muka tokkorra jira, 1 keessaa rukuttanii yoo ajjeestan meeqatu isiniif hafa?" ittiin jedha. Isaan keessaa tokko harka baasee, barsiisaa warra rukutan gaafadhaa malee, ani harka keessaa inqabu" jedha. Barsiisaan sunis maal jechuu akka barbaade wallaaleetu, maal jechuu keeti?" jedhaan. Ani simbirrootas ta'ee uumama biroo nan kunuunsa malee inajjeesu. Kanas barnoota saayinsii isin na barsiiftan irraan bare. Warri bu'aa mataa isaaniif jedhanii simbirroo ajjeesanii dhiphina isheetiin boqotanimmoo asuma daree kana keessa waan jiraniif isaan gaafadhaa" jechuu kooti jedhaan. Ammas dubbiin mucaa sanaa yoo barsiisicha garaa raaseyyuu, eenyutu ajjeesa? Bu'aa maal argachuuf?‟ jennaan. Baratichi akka kophaatti barsiisaa isaa haasofsiisuu danda'u eeyyama gaafata. Barsiisaanis baacoo sanaan guyyaa biraa akka walitti deebi'an barattootatti himee mucaa sana fudhatee dareedhaa baha. Eenyutu bu'aaf jedhee simbirrota ajjeesa? Naaf himimee" jedhaan hafuura jaalalaatiin.
Mucichis amma waa beeku hundumaa tokko lamaan akkas jedhee itti hima. Zinnaan simbira cirrii jedhamtu adamsee ajjeeseetu, aduu keessatti ishee goggogsee, moonyeetti galee erga tumee daakuu ishee daakeetu yeroo ijoolleen durbaa fincaan fincaa‟an hordofee geessee, fincaan isaaniirra kaa‟a. Sana booda isatu durba gaafata osoo intaane, durbatu isa gaafata. Ilaalaamee barsiisaa tokkoffaa simbirroo lafarraa mancaasuudha. Lammaffaammoo waan Oromoon inqabne nutti fiduudha. Sadaffaammoo fedhii isaanii malee shamarran karaatti cabsuudha. Arfaffaanimmoo kaayyoo isaa borii karaa gubbaatti hambisuudha" jedhaan. Hammanumaan miirri barsiisaa sanaa tuqamee, inni hojii akkasii eessaa bare?" jedhaan. Obboleessi gurbaa sanaa yuunvarsiitii gara kaabaa kanaatti waan barateef, michuu ijoollee achiis waan qabuuf, ogummaa baay'ee isaanirraa baree akka gale mucaan kunimmoo obboleessa isaarraa akka bare gaafa himamuuf barsiisichi imimmaan qal'oo tokko buusee achii deeme. Kuni seenaa kalaqaa wayii fakkaata mitii? Lakki seenaa dhugaati. Oromoon falfalas, moras inbeeku. Warruma baretu achii as itti fide malee, Oromoon sagaagalummaas inbeeku. Haasaa isaa yoo himullee, Waaqaafi lafaa isinii margaa" jedha. Margi! jedhamee ka'eetu dubbii isaa itti fufa. Sababii mataa isaaf jedhee waa balleessaa inturre. Sababii dhalootaatiif jiraataa ture malee.