.....Mee ilaalaa! Gammachuu maalii argachuuf lubbu qabeeyyii mancaasuun kuni? Gammachuu akkamii namaaf laata fedha ishee malee obboleettii ofii dararuun? Boqonnaa maalii namaaf laata karaa ofduratti dhiisanii karaa irra ciisuun? Rabbiin keenya dhaloota keenya baay‟eef hubannaa nuuf haalaatu. Ati garuu, nama bu'aa mataa ofii irratti hundaa'ee waa ijaaru inta'iin; sababumaan waa diigdaa. Nama bu'aa ofii irratti hundaa'ee waa dhaabu inta'iin; bu'aa gaafa dhabde waan dhaabde buqqistee gattaa. Sababa malee nama jaaladhu. Waan namni waa siif godhuuf nama injaalatiin, waan namaaf gootu ilaalii nama jaalladhu. “Maal kennu?” jedhi malee, “Maal fudhadhu?” jettee nama injaalatiin. Namaaf malan godha?” jedhi malee, “namni maal naaf godha?” injedhiin.
Nama irraa bu'aa eeguun, jiruu nama hiiksisee nama kuffisa. Nama bu‟aa isaatiin injaalatiin, namni namummaa isaati. Namummaa dhiistee bu'aa irratti xiyyeeffattee jiraatta taanaan, namichis bu'aanis kan kee inta'u. Yoo nama jala miliqxee baatellee Waaqatu si tufsiisa. Intalli nama caala bu’aa jaalattu abbaan manaa ishee sagaltama. Bu'aan barbaachisaaa miti jechuu koo miti. Bu'aan sababa nama ittiin jaalattu inta'iin jechuu kooti.
maddi:Kitaaba faana of dhahuu irraa.
channel keenya hordofaa ergaa guyyaan argachuuf.
@milkaainajireenyaa