@KIRKIRA _JIREENYAA dan repost
1) Jireenya keessatti itti gaafatamummaa
fudhachuu hin sodaatiin.Tarii yoo milkoofte
gaggeesaa/hogganaa taata. Yoo dadhabde
immoo irraa baratta.
2) Namni waan dubbatuun/jedhuun utuu hin
taane waan hojjetuun ibsama. Kanaaf nama
gocha isaatiin malee jecha isaatiin hin madaaliin.
3) Namni tokko yoo si miidhe baay'ee itti hin
gaddiin/mufatiin. Sababni isaa muka ija/firii
mi'aawaa qabutti dhagaa fi furguggeen baay'atti. (ija muka sanaa cirachuuf)
4) Addunyaa kana irratti namoonni yeroo
mara daandii milkaa'ina kee irratti dhagaa/
dhakaa darbatu. Wanti murteessaan garuu
akkaataa ati dhagaa sana itti ilaaltudha; ittiin
riqicha hojjetachuu ykn ittiin cufaa ofitti ijaaruu filadhu.
5) Bu'aa bahiin/ce'iin jireenya nama
dhamdhamsiisa. Injifachuun immoo hiika
jireenyaa nama hubachiisa.
6) Bilisummaan yoo rakkina qabsoo keessatti
nama mudatu jala dhaabatan malee namatti hin mi'ooftu.
7) Daandiin gufannaa hin qabne galma itti
geessu hin qabu.
8) Waan darbe yaadachuun godambaa
(museum) daawwannaaf namatti toludha.
Keessa turuun garuu kufaatiif nama saaxila.
9) Yeroo hunda/hoggayyuu waan darbe
yaaduun/ dhundhumuun kufaatiif daandii
barbaaduu/ soquudha.
10) Wanti kaleessa hojjette waan guddaa
ta'ee yoo sitti argame har'a waan sana caalu hin dalagne jechuudha.
11) Abjuu kee dhugoomffachuuf hin
dhamaatu taanaan nama kan biraatu abjuu isaa akka dhugoomsituuf si qacarata.
12) Gaara/tulluu dheeraatti ol bahan malee
lafa dakee/diriiraa hin argan.
13) Sammuu gaarii qabdu lafa onaa hin
taasisiin misoomsii waan gaariif oolchi.
14) Sammuu kee ati maallaqaan hin
bitanne;waan gaarii akka ittiin hojjettuf tola
badhaafamte.
15) Namni kan milkaa'uu dhabu waa of
harkaa dhabee utuu hin taane utuu qabuu itti
fayyadama wallaaluudhaani.
16) Nama sitti dhiyaatu tokko hattee/
gowwomsitee yoo milkoofte, namicha akka
gowwaatti hin yaadiin. Hamma ati isa miite
caalaa si amana waan ta'eef si dhiise.
17) Amanamummaan kennaa mi'aawaa/
qaala'aadha. Kanaaf nama bushaa'aa/rakasa
harkaa naaf kennama jettee hin eeggatiin.
Galatooma wani dubbiftanif🌹🌹