Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Promote our culture
#oromoo
@Ethiopia
@Music
@Comedian #Ever
@World_music

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri




Watch "Ebla 11, 2019
OMN- Ijaarsa Warshaa Xaa'oo Yaayyoo fi Hiree Qonnaan bultoota naannoo

Jiraattonni God" on YouTube
https://youtu.be/rH5xEzH4fZI
Ebla 11, 2019 OMN- Ijaarsa Warshaa Xaa'oo Yaayyoo fi Hiree Qonnaan bultoota naannoo Jiraattonni God


Gaachanaa koo..
~~~`~~~~~~~~
Abshaalummaa achi
Hin jedhu guyyaa guddaa
Sif jedhee kufeen ka'ee
Siif gochuuuf waan Addaa

Dareen sii uffise
Ofii beelaye si nyachisee
Akka of hin laale jedhee
Namaan si qixxeessuuf
Lubbuu koo siif latee
Oolmaa kee barechiisuuf

Kun hunduu waan xinnoo
Siif gochuu koo naan bekka
Akka fedha kee guutuf
Waa xinnoo akkeka

Yoon baleese dhifama
Dirqamaa koo hanqadhee
Sii kunuunsu fi si moqsuu koo
Gaaddidduu tahe yoon dhaabbadhe

Mirga kee dhaabbadhe
Yoo bitta kee gallee
Abbaa tahu koo
Bu’aa isaan walalee

Garuu........
Waan tokkoo si gorsaa
Ilaa yaa ilma koo
Hamma fedhees yaraatuu
Hamma fedhees qal'aatu
Abban gaachanaa.....
.........Utuba sibilaa.......
Ilma abbaa qabnee.....
Ormatu. Guddisee kabalaa
Hammenya barataa...
Hin beeku jalaala....

Kanaaf taha abbaramaa
Haqaa ormaa nyataa
Osoo abbaa qabatee
Waa garaa hammata...
Kolfee taphate oola..
Qixxee hiriyaa isaa
Kaanaf Abbaan gachaana
Eenyuuttin qixxeessaa.
........Itti Fuufa......
Biniyaam. Oromoo
Eblaa13,2015 Finfinnee Oromiyaa.




Bara yaaddoon cimeetti
Gootummaa fixiqqii uffate
Namnii dhuga sabasaa
Addunyaa itti dubbatee

Bor naan rakkadha jedhee
Kan garaan hin shakkinee
Maddii lammii ofii gore
Kunoo bara dukkana fi hamma
Oolee buluus gaaf tokkoo
Akkasiitti kabajama.....
#Fayissaa_Lelisaa










Hawwii koo ijoolummaa.
****"""******"""*******
Yaa sanyii ofii
Dur jedhaa sillaa
Waan waggaa 10 hin guunneef
Jireenya koo maalalaa

Yeroo da’ima tureeti
Hawwiin koo dubbachu
Akka abbaa koo tahe
Maatiif bultii horachuu
Loon kuma horee
Bishillee jirachu

Haa ta’u garuu....
Inni abjuu koo suun
Fagaate hin imallee
Adaadaa guyyaa bari’uu
Inni hedduu naf gallee

Al-tokko qonan bulla
Yeroo tokkoo barsiisaa
Tahe jirachu fedha
Jireenya koo dinqisiisa
Yeroo tokkoo doktora
Yeroo kan immo payiletti
Hawwii koo bayyedha.
Gaaruma qalbii koo jigetti

Tokkoo qabe tokkoo dhisa
Fedhii lubbuu koo waliin
Fuggisoo jiru kootti
Xiqqaa guddaa maalii?




Guggubannee waadamnee
Warqee ta'aa as geenye
Isa dhufu hin dadhabnu
Kan darbe erga dandeenyee...
Kan abjuun malee hin jirre
Buddeena bara beelaa
Warra ilkaan hin qabnetu
Taa'ee akaayii kajeela...
"Abjuudha"n jedheem ani
Dhugaa dhugaa sanbataa
Sirni bittaa kaleessaa sun
Hin deebi'u lammataa...
Wal'aansoo hin dhaabatiinaa
Yaaddoofi sodaa faana
Jabaadhaa - jajjabaadhaa
Kana keessaas ni baana!
~
Maal goonu jedhaa, bakkuma jirtanitti wal
mari'adhaa!




Dhabaa Qufaa keessa.
""''''""'''"""""""_""""""""'"''"""""""
Bar tokkoo sirbee dhiichisa
Bar tokkoo moo ni kooraa
Akka qufee utaluuf
Lafa maqaa hundaa joraa

Bara tokko ni bohaa
Ni iyyaa mataa qabatee
Waan hama amma argatte
Kunoo gaaf tokkoo waakkate
Dhabuun duaa se’ee
Yoo mararfatu hadheesse
Gaaf jiruu dagatte
Eessa fida Lubbuu dirqisiise

Yoo qabatee sorrii kee
Fayyaa fi qalbii qabadhu
Baran osoo marartahiin
Waggaa kuma jiradhu
Jedhaa Akaakayyuu koo
Qufaa bara jibbe
Osoo amma nyaatu
Gara inni seenes dhabee

Osoo nyaatu beelaye
Osoo dhuguu obacha
Qonqoo osoo diduu
Garaachii beelaye jecha
Fataaf faloo isaa
Walalee akka goonu
Bittaan gaarii hammaraa
Mirgaan dhabeef yoo boonu

Kanaan jedhee kunoo
Bicuun guyyaa fakkeessa
Argatani dhabuun immoo
Dhabaa Qufaa keessa


Dhufaa jira kunoo qophiin marii xumuramee gumaata tokkoo jedhee ciniinsuu koo woggoota baayyee hobafachuuf jedhaa waqayyo si waliin haa jirtu naan jedhaa. @sikkoo1000 inbox naf godha.




Yaa qamadii baddaa keenya
Billee Asheete kalee
Ilmi yaraan waan si busuu
Nyaapha sitti Horaa maale
Mee takkaan gungumaa
Waan gara koottin hima
Fayyaa dettee harme
Gootaa biyya fayyisuu
Qomoo lubbuu ofii hin hille
Ni geeraru malee maaf callisuu.

.......Ishoo.......

Isaa dacheen dubbatuuf
Alagaan maqaa jijjiirraa
Isa biyya gurgurate
Seenaa dabse maqaa nutti miciraa

Dachee moggorii kaase
Abbichuu hanga Dobbaa
Kuma kittillayyoo maale
Gooni koo waa dhibbaa
Eenyu kassee dubbadha
Bayyina akka cirracha bishanii
Kan ijaree biyya si’i
Garuu maqaa keetti dhoqee fallanii. ×2

.........Ishoo...........
Furrisoo ilmaa baatti
Ejerree loon bobasuu
Alaagaa nama dhugituu
Biliq godhanii gummaa baasu
Taddasaa yaa ilmaa Birruu
Maalif si gatte maaramiin
Kan nyaachiftetu si nyaate
Salaale galamsoo lanani.
...
....
.....Itti fufaa.....


Hibboo
÷×+-=
Hudhaa qonqoo ofii
Iccitii jireenya kaleessa
Kan ittin bulfatu seenaa
Dhuka'amaa hiyyeessa
Hibboo.. Hibbakka jedhee
Sorgoo koo barbaada
Cinaacha isaan tuqe
Cirrachaan gadoodaa

Dachee koo balissee
Bitachuu f addunyaa hunda
Gulantaa koo baayyisee
Eenyummaa koottin Addaa

Geeraree shaalalee galaa
Araddaa naf latameetti
Ulfiina itti horee darbaa
Finnaf Firaa koottii

Anaa ilmaa warra sanii
Qoltuu rorroo fi Beelaa
Tokkicha kuma dachaasuu
Sabaa koo eenyu walalaa

Jecha lafaf mukkan geerare
Qubsuma koo yoon gahuu
Yaada yeelalus anii
Dubbiin akkas hin tahu
Of sobeen hamma kalee
Abjuun coomaa muraa
Lafa handhuura koo
Alagaan kenyumarra keenya f cirraa

Hibboo koo kaleessa
Ishee agarsiiftuu jiruu
Hamma bateef hamma katees
Kan barsiifte tiruu

Eessa kan anaf kennite
Dachee Galaniif Ekaa
Finfinnee harii gogee
Anii Maqaa qofa bekkaa

Eessa kamisee koo
Araddaa Harxuumaf Jillee
Agarsiisoo dandii falmii
Inni lubbuu ofii hin hille.
....itti Fufaa.......
Biniyaam. Oromoo
Araddaa Lichoon irra..
Amajjii 23 1999




Ni bariisa yogu kamuu
Fiigee dachee qaxxamuree
Baha galaa isaa kunoo
Jireenya mankaraaree

Taphaa seeqa hin qabnee
Dukkana dimisaa
Kufee kadha jedhus
Dhabee bu’aa isa
Ni darbaaf egga
Haqa dabee falma
Akka kufee hin beeku
Abjuun eega gummaa.
.....

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

605

obunachilar
Kanal statistikasi