Maaliin beekkamuu barbaaddaa?
Biyya Giriik keessa namicha tokkotu ture. Namichi kun ijoollummaa isaa irraa kaasee hawwiin isaa beekkamaa ta’uu ture. Akkuma guddachaa adeemuun fedhiin keessoo isaa, inni beekkamuuf qabu dabalaa deeme. Kana irraan kan ka’e gaaf tokko maaliin beekkamuu akka qabu murteesse. Innis mana amantaa guddicha kan Arxeems (artems) gubuun beekkamaa ta’uuf murteesse. Manni amantaa kun ijaarsawwaan ajaa’ibsiisoo torban addunyaa durii (seven wonders of ancient world) warra jedhaman keessaa tokko ture. Maarree akkuma karoora isaa guyyaa eeggatee mana amantaa kana gubuun barbadeesse. Kana booda mootummaafi uummanni biyya sanaa maqaan nama kanaa akka hogbarruuwwaan, afoolaafi iddoo hunda biyya sana keessatti hin waamamne dhorkame. Guyyaa mana amantaa sana gube irraa eegalee maqaan namicha kanaa guyya tokko illee biyya sana keessatti osoo hin waamamin hafe. Maqaan nama sanaa Herostiraates jedhama.
Dhalli namaa beekkamtii dheebochuun isaa ifadha. Waan ittiin hojjetee beekkamu barbaaduuf, hedduun dhama’aa oola. Kun waan wal nama gaafachiisu miti. Garuu gaaffii dhaloota bara keenyaa ta’uu kan qabu, maaliin beekkamuu akka qabnuufi maaliif beekkamuu akka qabnudha. Beekkamtiin nuti goonfannu kan ittiin dhaloota egeree faalluufi hambaa seenaa warra keenya kaleessaa barbadeessuu hin qabu. Beekkamtiin keenya waan kaleessa qabnu balleessuun, qaroofi qarooma biyyaa balleessuun ta’uu hin qabu. Beekkamuun dura beekuun barbaachisaadha. Beekkamaa ta’uun dursa beekaa yoo taane, waan ittiin beekamnuufi beekkamtii keenyaan maal akka hojjennu karaa nutti agarsiisa.
Join
@orovision