🌺akkam jirtu?🌺
💖Asoosama gabaabaa💓
"QAANQEE JAALALAA"✅ jedhu isiniif qabadheen jira.💔 dubbisaa irraa baradhaa.✅
••••••••••••••••••••••••••••••
KUTAA 1FFAA
•••••••••••••••••••••••••••••
beekaan kan dhalate magaalaa Ambootti. abbaan beekaa hojii konkolaachisummaa hojjechuun galii argatuun maatiisaa jiraachisa ture. maatiin beekaa maatii gammadaafi jaalala ho'aan guuteedha.haa ta'u malee gammachuun kun itti fufuu hin dandeenye.guyyaa tokko garuu haala amanuun namatti ulfaatuun konkolaataan abbaa beekaa konkolaataa fe'umsaa waliin walitti buu'ee lubbuunsaanii akka tasaatti dabarte. yeroo sanatti beekaan mucaa waaggaa ja'aa ture. haatii beekaa aadde caaltuun galii ittiin beekaa guddiftu hin qabdu turte. kanuma keessaayyuu gadda abbaa warraashee irraa kan ka'e dhibee onneef saaxilamtee jirti. kanaan utuma jiranii umuriin beekaa barnootaaf waan ga'eef aadde caaltuun akka beekaan mana barnootaa seenu murteessan.beekaanis mana barnootaa seenee barnoota eegale.mana barnootaa keessattis barataa qaxalee ta'uun barsiisota isaa biratti jaalala horachuu eegale.dandeettiin beekaa kan dinqisiifatamu qofa osoo hin taane mana barnootaa sanaaf illee abdii kan kennu ture.haa ta'u malee dhibeen haadha beekaa kan duraanuu caalaa daran itti hammaachaa dhufe.beekaanis barnootasaa addaan kutuun kophee qulqulleessee jiraachuuf dirqame. haala kanaan galii inni argatu waan harra nyaatanii bulan hin darbu ture.kanumaan osoo jiranuu guyyaa tokko haati beekaa....itti fufa