#Maaliif_du'u #Kutaa3ffaa
@Galaasammuu@Galaasammuu@GalaasammuuObboloonni Musliimaas maqaa Allahwaamanii duwaayii gochaa jiru.Gaaddidduun du'aa kutaa sana marsee jira. Sodaa guddaa. Garuu maaliif? Jimaata sa'atii sagalitti maaliif du'u? Sa'atii 8:55 ta'e. Beellamni du'aa ga'uuf
daqiiqaa 5 qofatu hafa. Namuu
sodaadhaan calliseera. Calleensa
guddaatu ta'e. Sagalee maashinoota yaala fayyaa qofatu dhaga'ama. Amma Jimaata sa'atii 9 ta'e egaa! Duuti dhufe jechuudha. Namni icciitii sana
beeku hunduu ija isaa sirettii irratti irraanfateera. Akkuma sa'atii sagal ta'een ququlleessituun haaraan, yeroo
hafaa isheetti hospitaalicha keessaa hojjechuuf kan qacaramte sun, meeshaa
ittiin qulqulleessitu (vacuum cleaner) ishee oofaa dhufte. Ariitiidhaan deemti.
Daftee qulqulleessitee gara hojii idilee
ishee deemuuf. Asii yeroo hafaa ishee
hojjetti mitiiree? Akkuma ol seenteen
gara siree sodaachistuu sanaa deemte.
Sirettiin jalqaba irra jirti waan ta'eef.
Akkuma sirettii bira geesseen
maashinnii hargansuu dhukkubsatichaa
gargaaru (life support system) bira
dhaabbatte-meeshaa ishee. Achumaan
sookkettii ibsaa maashinii hargansuu
sana irraa buqqistee kan meeshaa
qulqullina ishee itti kaa'atte... itti fufa #join #share
@Galaasammuu@Galaasammuu@Galaasammuu