Walaloo fi Baacoo😂


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Channelii keenyaaf miseensa tahuun,
💫 Walaloo Oromummaa
💫 Walaloo Jaalalaa
💫 Gaaffii deebii Oromummaa
💫 Baacoolee gara garaa fi kan biroos nu waliin qooddachaa Aartii keenya waliin haa guddifnuu jenna.
💥Yaadaaf @qeransoyebot commentbot qunnamaa!!

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: ButtonKeenya
🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

Channalotin Armaan gadii Channalotaa dhugaa dhaa join godhadhaa Hordoftotaa kenyaa

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

♻️✅ Filadhaa fayyadamoo ta'aa 👋👋
Maal barbaaddu?
Hunduu jiraa. Waliin tanee Afaan kenya ha gudiis nu.
Warren. Channel kessan nu wallii beksiisu fettan gara kanan galmaa'u dandesan @walaaoromo
Warren VIP barbaadan garaa @walaaoromo nu kunamu ni dandesan
@walaaoromo
😜 @walaaoromo

🗣🗣🗣🗣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣
🌹🌹🌹🌹🌹
Chanaalota Gurguddoo Aadaa Seenaa fi Duudhaalee umaaata Oromo Dagaagsan Kan Isiin Join Gochuu qabdan

🌹JOIN 🌹
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣

Channel Keessan bekksifachuuf galmaa

⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

JOIN

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅


Hawwii kankoo yaa siddisee
Jireenya koof sin abdadhaa
Dambalii koo si'eessituu
Kofla keenin an taphadhaa

Hin filamtu at yoomillee
Ni shuumamta kaardii malee
Dhaangaa jiruu yaa buskuta
Sumaa jechan taa'aa bulee

Mul'ata koon siin gahadhaa
Jabina koof sin filadhaa
Dhugaa rabbii naaf taanaanii
Lubbuu tantoo siifin laadhaa

Dhaangaa kankoo dhaangaa jiruu
Hin beelahu sin sooradhaa
Dheebuu jiruus siniin bahaa
Yoon dheebodhee sin unadhaa

✍✍✍ by Shamil Nasir


@dmwaamaraa
@dhwalaloo
@bfwalaloo

👆join our top channel!


Sheeyxana baatanii
Ciigoon budaa arrabsu
Afaaniin toltuu labsaa
Jalaan jalee magarsu..
...
Bakka shantama ciruun
Irraan toltuu dubbisuu
Annaan oromiyaatiin
Saree diinaa guddisu!!
...
Gurra keenya nu duuchuuf
Nutti iyyanii baqaqu
Afaaniin leenca of godhaa
Garuu kallee hanqaaqu.
...
Ofii karaa badanii
baduu keenya lallabuu
Ofumaa ajjeesanii
Booyichaan nu dhaqqabuu!!.
....
Yeroo dabaree isaanii
Oduun Bookee bokoksuu
Yeroo lammiin dubbatu
Dhaadachuudhaan hobobsu

✍✍✍✍✍
Shamil Nasir
Waxabajjii 22/ 2020 Gelemso

@dhwalaloo @dhwalaloo
@dhwalaloo @dhwalaloo


Nuu deebisaa waan keenya😁

Dugda harree irra teessee
Kan dhagaa keessaa bate
Siidaa dabalee saamee
Farda keenyaan galatee....?

Gootummaan of moggaastee
Nu jalaa hattee farda
Harree isaas qalate
Kan isaaf laate dugda.😜

Silayyuu humaa qabdii??
Gaafa dhuftu nafxanyaa
Qurcummaa harka isiituu
Fayyisaan bishaan keenyaa.

Takka lama hin jedhinaa
Afaan qabaa callisaa
Farda keenya kan bade
Ammatti nuuf deebisaa....!😜

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Forward from: Galaana Walaloo
#AKKAADAAMII_AFAAN_OROMOO
☆★☆★☆★☆★★☆★
Anis Duula kana, Yoon qooddachuu Baadhee
Anaaf Sifa'aaree, Eenyummaakoo Nyaadhee?
Galaa Dhalootaatu, badaaree Anarkattii?
Lakkii Tumsa Godheen, Qabsiisaa Kallattii

Akkaadaamiin Afaan Oromoo, akka Nuuf dhaabbatuu
Afaan koo Jabeessee, Ormaafuu akka Laatuu
Galma Karoorfame, Fulla'ee akka Arginuu
Martuu haa Tumsinu, callisnee hindarbinuu

Guddina Afaan keenyaaf, Wal tumsuun Qaroomaa
Kan Laaftan Jabaadhaa, Jabaan Galatoomaa

Dhimmi kun salphaa miti Qoosaa osoo hin taanee Akeeka Seena qabeessa Tahuu hin Dagatinaa! #Fedhasaa_Taaddasaa fi Warra waan kanatti mogolee nuuf horaa jiran Hundaan ammallee Jabaadhaan Dhaamsa kooti! Nuti warri jabeessuun nurraa eegamullee nii jabaannaan Shoora keenya!

#Horaa_Bulaa


Forward from: Miyaa L Habiibii ☞ official
👉Hammeenya jibbi malee nama hamaa hin jibbin...
Maalif yoo jatte
👉Doktarrinuu dhukkuba wallaana(dhukkuba jibba ) malee dhukkubsataa hin jibbu...

🌹Obboleysa/tii kee yoo dogongore gorfadhu malee hin jibbitee ofirraa hin fageysin...
✍By Miyaa habiibii

@Miyaahabiibii


🌻Bashannanaaf🌻🙏.

Baadiyyaa dhaqee....

Halkan Edaa
Raafuu nyaadheen rafuu dide
Bariisaammoo
Dubbaa nyaadheen dubbii dide.

Guyyaa keessa
Jimaa qaamee Mallaa guutee
Takka turee
Dubra argannaan Galche butee.

Gandi bahee
Shaggee gandaa buuse narraa
Anis aareen
Gara biyyaa bu'e karaaaaaaaaa

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Forward from: Galaana Walaloo
#DHALATAA_BAADIYYAA
***********
Ilma oromtichaa
An sanyii kuushiitii
Intalo wal barraa
Na hubadhu usiitii

Dhalataa baadiyyaa
Qe'ee xaafiif bunaa
Anumaam intalo
Sanyiin tufaa munaa

Asheeta boqqolloo
Kan Garbuuf qamadii
Oobdii sabboontichaa
Abuurii gammadii

Ancooteefi qochoo
Muuziidhaafi Qaaccoo
Takkooyyeenis jira
Feetus wal dhokachoo

Jabbileefaa tiksaa
Sagaleen weeddistaa
Simbira furrisaan
Garbuurraa deebistaa

Eenyuun akkan tahe
Sitti himeen fixaaree?
Ta'us eenyummaakoon
Nuffiidhaan dhiisaaree?

Dachee eebbifamte
Keessaa ergan dhaladhee
Badhaasa uumaakoo
Hin haalu dagadhee

Kan foolii moggootiif
Addooyyee urgeessuu
Kan aadaa oromoo
Hojiidhaan dhugeessuu

Kan daboo wal waamee
Oomisha calleessuu
Hammaaree dhiyeessee
Kan gabaa wayyeessuu

Qe'ee roobaan margee
Magariisni haguuguu
Keessa Taa'aniitu Seeqaa buna dhuguu

Kan namatti tolu
Sagalee bareedaa
Waca simbirrootaatu
Gurra namaa arreedaa

Maal jedheetan ibsa
Miirakoo mo'ateem
Gammachuudhaan marsee
Na jalaa dhokateem

Miira keessaa baheen
Booda itti sii fufaa
Na eegikaa intalo
Bay'aannadheen dhufaa...

Waan dubbistaniif Galatoomaa!

WAADAAN TORBAN TOKKOTTI QABAME GUYYAA TOKKOTTI ISINIIF RAAWWATAME!
Kunimmoo SOBAA Nan godhu Dafee kan waadaa guutu Na godha malee

Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif Barreessaan👉@UmerAbdela


Forward from: Galaana Walaloo
#Dandeessanii_ni_dubbistuu? WALALOO ni jaallattuu? Yaadni keessan #Hamilee chaaneelii kanaa Tahuu hin dagatinaa! Qeeqni isin Chaaneelii kanaaf dhiyeessitanis Egeree isaatiif #Jabina tahuu hin dagatinaa! Torban kana Walaloo "DHALATAA BAADIYYAA" Jedhu Bifa bareedaadhaan Yaadannoo yeroo ijoollummaa fi Jaalala Baadiyyaaf Qabdan Kan isiniif Akeektutu isiniif dhufaa jira! Nu eegaa.
Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif Barreessaa👉@UmerAbdela


Guruc Guruc!!
Wayumaafan jedhe
kobonni abidda dhalee
Abiddi daaraa dhalee
Ihi'i innuu eessaa??
Yoo bobeessan malee
Faltii jidhaa sanii
Gaafa goggogsanii
yoo jiran loowwanii
Jennaan jenne malee
Wanna odeessaniif
Wanna bobeessanii
Hin dhaban jedhanii!

✍✍Bonsi wami

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Forward from: Galaana Walaloo
#ATI_SOMBA_KOOTI!
←→→→→→→→
♥Imaanaa kee sana
Onneekoo baneetan
Kaa'ee itti siif cufaa
♥Yoon si arguu fedhes
Akka simbiraattan balali'ee dhufaa

♥Mana keessan bira
Harbuurran qubadhaa
♥Sumatti dhiyaadheen hafuuras fudhadhaa

♥Soorata jaalalaa
Bilcheessinee nyaannaa
♥Utubaa jaalalaa
Jabeessinee dhaabnaa

♥Ati somba kooti
Gumaachituu qilleensaa
♥Onneen siif baname
Mee maaf si xiqqeessaa?

♥Atihoo jaalalaaf
Ogeettii dhugaatii
♥Gumaachituu Rahaa
Michuu gaafa hundaatii

Umer Abdela:
Umer Abdela:
Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif 👉@UmerAbdela
Waan dubbistaniif Galatoomaa!


Forward from: Galaana Walaloo
#UUMAMA_HIN_DAFQINE!
°°°°°°°°°°°°°°°°
Uumama hin qaanfanne
Booyyee maaf taatanii?
Safuuf seera uumaa
Maaliif haqaaqxanii?

Uumama qaamnisaa
Balfaan utubamee
Uumama hin dafqine
Kan dhibeen guutamee


Uumamni qulqulluun
Dafqaan Xurii baasuu
Booyyeen garuu hin dafqu
Xuriidhaam durasuu

Foon booyyee yoo nyaatte
Booyyomuun kee hin hafuu
Isa bobbaaf fincaan
Ofii quufee rafuu

Kan saal_quunnamtii
Gochuuf
daawwiif wal afeeruu
Isa balfa coree
Xeeriisaa guuteeruu

Warri booyyee nyaattan
Kana booda dhiisaa
Akka hin gonfanneef
Amala rakkisaa
Umer Abdela:
Umer Abdela:
Liinkii kana Tuquun 👉@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif 👉@UmerAbdela

Waan #DUBBISTANIIF Galatoomaa!




Si dura deemuudhaaf
Kofoon narra hin teessu
Ati mee na dursi
Hamma guyyaan geessuu

Siduuba deemeetin
"Dabbaa" kee ilaalaa
Tarkaanfii kee faanan
Kiyyallee madaalaa

Atilleen yoo deemtu
Fuul_dura koo buutee
"Sheeppii" kee eeggachaa
"Dabbaa" waliin dhooytee
Yogguusin mirqaanee
Kofoonuu na qabdee
© #Dhibba /~Shamil Nasir
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo

Dabalataaf👇
T.me/dhwalaloo


Dhandhaarraa moggaarraa
Shuuroo quufee muga
Dubbii baraa mara
Siqee laalee raaga.

Takka ciisee ka'ee
Tamboo xuuxa maree
Qorrondee kaa'atee
Halaaka marmaaree.

arrabni gurraacha
Abbaa Abaarsa hamaa
Nama itti ka'e
Ciibsee irra deemaa.

Jennaan jenne malee
Jechi isan arku
Eenyu akka tahe
Eenyuyyuu hin beeku


✍✍Salah Qeeransoo


@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Maaloo! Cigoo (Dubbii qolaa)kanaa gadii kana naaf dubbisaa,hanga dandeessan yaalaa!
#Hima dachaa(Sobbooqqoo)
#hiika kallattii (soorgoo)
#Hiika dhokataa (sookoo)
isaa waan isinitti fakkaate naaf kaa'aa!
👉Dhiifama yoon isin cinqe!

Dhakaa meeqa tullee
Dura bu'aa nuuf taate
Dhiibnee ol si baafnee
Qarree gubbaa geenyaan
Gaarrarraatti baatee
Gad mul'achuu dhabdee
Waadaa nyaattuu taatee!

Galatoomaa!🙏🙏
#BW#


Forward from: Dhaangaa walaloo
Intala nadhii sonsaa
Miidhagina facaastu
Ilkaan kee cabbii sanaan
Kan qalbii koo na raastu

Hafuura natti baasuun
Maddii koo naaf qaqqabii
Laphee koorratti kufuun
Kishkish jedhii caccabii

Na gurraacha keef jedhii
Bakka hin beeknellee dhaqii
Gorora kee damma sanis
Afaan kiyyatti naqii!

✍ Shamil Nasir

@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@bfwalaloo


Forward from: Miyaa L Habiibii ☞ official
😅
Yaa Rabbi Anaaf sinootirakii Dinaa kootiif Bajaaji keennii, sana booda wan hafe narratti dhiisii 😅😅
@Miyaahabiibii


Isinirraa turuu kiyyaaf dhiifama jaallan! Haajaa wahiitu na mudatee. Innis maali seetan dhiheenya kanatti balbala gurra kiyyaa qollafeetiin qulfiin na jalaa baddee barbaadaa ture😜😜 Naaf hubattaniimii! Hayyee galatoomaa.

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Maaf akkas taane

Osoo jaalalli jiruu
Jibba waliin haammachaa
Osoo gaarummaan jiruu
Daba hedduu hojjechaa

Osoo hojii qajeelaa
Hojjechuudhaaf dandeenyuu
Osoo gaarii hojjennee
Bakka barbaanne geenyuu

~~~~~

Nuti faallaa kanaatiin
Jibba yoo gurmeessine
Nuti faallaa kanaatiin
Dabaan of qajeelchinee

Garuu.....

Madaalliin kan jaalalaa
Jaallatanii agarsiisuu
Nama jaalala hin beeknes
Amalumaan barsiisuu

Malee afaaniin jaalalli
Garaadhaan immoo jibba
Gubbaan immoo jaalala
Garaa keessaan walgubaa

Ofii keenyaa haasaadhaan
Jaalala odeessinee
Hojii keenya gubbaadhaan
Jibba yoo bobeessine
Mee eenyamatu jaallataa
Hojii furmaata hin qabne

Kanaaf.....

Ilaamee hiriyaakoo
Ilaamee jaalallee koo

Jaalala jechuuni beeki

Ofii aarsaa ta'anii
Nama gammachiisuudha
Qabeenyaan osoon taane
Hojiin agarsiisuudha
Inni kan biraan immoo
Dandahanii agarsiisuudha

Malee afaaniin jaalala
Garaan waan biraa yaaduu
Kun jaalala oson taane
Osoon dhukubin aaduu

Koottumee yaa jaalakoo
Teenyeeti mari'annaa
Hanga jaalala dhiifnee
Teenyee jibba labsinaa
Hanga yoom obsa walii dhabnee
Jechaan wal madeessinaa

Koottumee hiriyaakoo
Suuta wal_gorafannaa
Yoo tokko dogoggore
Waliifis irra kunnaa

Yoosuu fakkeenya taanee
Kaanitti jaalala agarsiisna
Yoosuu dur waliigallee
Yoosuu tabba ni ceena
Yoos dhumni keenya tolee
Warra jaalalaa taana
Mee Koottumee koodeekoo
Haala kanaan waltaana
Mee Koottumee lubbuukoo
Isa kanaan waltaana
Yoos jaalala dhugaasaa
Hojiin mirkaneessina
Yoos jaalala sirriisaa
Hojiidhaan agarsiisna

✍ Shamil Nasir

@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo

20 last posts shown.

1 271

subscribers
Channel statistics