Koroonaa vires#COVID-19#
♠ Alhamdulillaahi
Yaa rabbii hundarraa
Humna tee garsiifte
mujrimtoota mara
Yaa khaaliqal khalqi
yaa uumaa waa maraa
Hangam yoo laffa'ee
meeqa ramadellee
Waraana keetirraa
eenyuutu waa tara
Kunoo gubbaa baheet
Achirraa gad haraa
Yaa mootii hin shaaramne
bara dhufaa dabraa
Badiitu bawy'ate
addunyaa tanarra
Saniif nutti fidde
waraana kee arra
Jiraataa zalaalam
yaa rabbii qaadira
Kan gorsa fudhatu
nullee godhi irraa ×2
♠ Yaa rabbii tokkoicha
yaa jabaa hundarraa
Rabbii laman taane
yaa mootii gararraa
Dureessan haajamne
waa takkallee nurraa
Addunyaan baarayde
waraana keetirraa
Aangoon hundi teeti
duniyaaf aakhiraa
Hundi sumaan taati
aangoon jaraa dharaa
Silaa murtii tantee
danda'een deebisu
abbaan fedhe firraa
Fiduus hin dandahu
waan hin dhufin sirraa
Nu sitti dheessina
hin baqannu sirraa
Yaa rabbi nu eegi
koroonaa kanarraa ×2
♠ Yaa rabbi nuuf dhiisi
tan hojjanne badii
Khalqiin walbaqate
Godaggale hundi
Harka walfuudhuunis
hundi taate badii
Walissiqnee taa'uun
Inuu lola fiddi
Obbolaan waldheessuun
itti taate fardii
Jaarsi jaartii dheese
diddiigame gandi
Jum'aa fi jam'alleen
firraa lakkifamee
namutuu baqate
min baabil masjidii
Rabbii koo nu dhibdi
malee yoom si dhibdi
Humna tantee malee
humni namaatii fi
qabeenyi maal fiddi
Yaa rabbi toowbanne
akka keenyaa miti
rahmatuma keetiin
furmaata nuu fidi ×2
@AhmadHusseen
https://t.me//AhmadHusseen
♠ Alhamdulillaahi
Yaa rabbii hundarraa
Humna tee garsiifte
mujrimtoota mara
Yaa khaaliqal khalqi
yaa uumaa waa maraa
Hangam yoo laffa'ee
meeqa ramadellee
Waraana keetirraa
eenyuutu waa tara
Kunoo gubbaa baheet
Achirraa gad haraa
Yaa mootii hin shaaramne
bara dhufaa dabraa
Badiitu bawy'ate
addunyaa tanarra
Saniif nutti fidde
waraana kee arra
Jiraataa zalaalam
yaa rabbii qaadira
Kan gorsa fudhatu
nullee godhi irraa ×2
♠ Yaa rabbii tokkoicha
yaa jabaa hundarraa
Rabbii laman taane
yaa mootii gararraa
Dureessan haajamne
waa takkallee nurraa
Addunyaan baarayde
waraana keetirraa
Aangoon hundi teeti
duniyaaf aakhiraa
Hundi sumaan taati
aangoon jaraa dharaa
Silaa murtii tantee
danda'een deebisu
abbaan fedhe firraa
Fiduus hin dandahu
waan hin dhufin sirraa
Nu sitti dheessina
hin baqannu sirraa
Yaa rabbi nu eegi
koroonaa kanarraa ×2
♠ Yaa rabbi nuuf dhiisi
tan hojjanne badii
Khalqiin walbaqate
Godaggale hundi
Harka walfuudhuunis
hundi taate badii
Walissiqnee taa'uun
Inuu lola fiddi
Obbolaan waldheessuun
itti taate fardii
Jaarsi jaartii dheese
diddiigame gandi
Jum'aa fi jam'alleen
firraa lakkifamee
namutuu baqate
min baabil masjidii
Rabbii koo nu dhibdi
malee yoom si dhibdi
Humna tantee malee
humni namaatii fi
qabeenyi maal fiddi
Yaa rabbi toowbanne
akka keenyaa miti
rahmatuma keetiin
furmaata nuu fidi ×2
@AhmadHusseen
https://t.me//AhmadHusseen