Barnoota Salaataa !
✅♻️✅♻️✅♻️✅♻️✅♻️✅♻️
Utubaan (Arkaanni) Salaataa 14
Isaanis:-
1. Dandeetii wajjin dhaabbachuu
2. Allaahu akbarii hidhannaa
3. Alhaamduu (faatihaa qara’udha)
4. Jilba qabachuu
5. Jilba irraa oldeebi’uu.
6. Humna torbaan irratti
sujuuduu.isaanis harka lamaan, jilba
lamaan, qubben milaa lamaan fi
addaa funyaan waliin.
7. Sujuuda irraa ol deebi’uu.
8. Sujuuda lamaan jiddu taa’uu.
9. Attahiyyaatuu boodaa taa’uu.
10. Attahiyyaata qara’uu.
11. Nagayaa fi rahammata ergamaa
rabbii irratti buusuu.
12. Salaamataa lamaan baafachuu.
13. Xumaaninaa godhuu (jarjaruu
dhabuu).
14. Walfaana ofuu
SHURUUXNI (ULAAGALEEN)
SALAATAA 9
Shuruuxa jechuun waan osoo salaata
hin eegalle dura guutamuu
qabanidha.isaanis akka armaan
gaditti tarreffamaan kana:-
1. Namtichi islaama ta’uu kaafira
ta’uu dhabuu
2. Sammuun fayya ta’uu maraata
ta’uu dhabuu
3. Beekumsa qabaachuu
4. Janaaba ofirra deemsiisuu
5. Najisaa ofirraa deemsisuu
6. Qaama qulqulleffachuu
7. Yeroon salaata gahuu
8. Ka’abatti garagaluu
9. Niyyatuu
WAAJIIBAATA SALAATAA (8)
1. Allaahu akbarii salaataa keessaa
tan hidhannaa malee.
2. Subahaana rabbiyal aziim (yeroo
jilba qabatan).
3. Samii allahu liman haamiidahuu
(imamaaf ykn nama qopha salaatuuf)
.
4. Rabbanaa walakal hamduu (nama
hundafuu).
5. Subahana rabbiyal a’alaa (yeroo
sujuudaa).
6. Rabbigifirlii sujuuda lameen
jidduu.
7. Attahiyyaata duraa qara’udha.
8. Niyyachuudha
Bakki niyaadhaa onneedha, afaanin
dubbachuun bid’aadha (baasa)
ragaan hadiisa Ergamaan Rabbii
dubbate ﷺ wanni
dalagaan nama fayyaa taatuun
niyyaadhaani.
Garaagarummaa arkaanaafi
waajiibanni qabduu.
1. Waajibaataafi arkaanni waan yoo
beekaa dhifte salaanni baduu.
2. Arkaanarra waan irraanfatte dhiifte
itti guuttattee, ega salaata fixatte
sujuuda irraanffi goota.
3. Waan waajibaata irraa irraanfatte
dhistee sujuuda irraanfitin
goolabdaa.
Obboleeyyan kee kan hin beyne
hedduu jiraatuu mala. Sababa atii
waan kana share godhuutiin namni
irraa baratuu mala kanaa share waliif
godha.
@AhmadHusseen@AhmadHusseenhttps://t.me//AhmadHusseen