AWEL QASIM CHANNEL


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Wanti Guddaan Nuti Irratti Xiyyeeffannu.
1. Tokkichummaa Uumaa Keenyaati.
2. Bareedina Islaamummaati.
3. Dhugummaa Islaamummaati.
4. Nabiyyummaa Nabiyyii Muhammad ﷺ
Kana Irratti Dabalataan Waa'ee Amantiilee Biroos Fedha Rabbiitiin Keessa Deemnee Wal Ba

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter










Forward from: 𝙵𝚄𝚁𝚀𝙰𝙰𝙽 𝙾𝙵𝙵𝙸𝙲𝙸𝙰𝙻
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐘𝐎𝐎 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐍 𝐘𝐀𝐀 𝐀𝐁𝐁𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐀𝐀 𝐌𝐄𝐄 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔


"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”."
[Luqaas 22:42-44]

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?

"Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama."
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada
hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.

Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا

[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna.

𝐀𝐝𝐬 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬: 👇👇
https://t.me/Seyiful_Islam
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
https://t.me/Furqaan_Official


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐀 (𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀) 𝐈𝐘𝐘𝐀𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒


𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖𝒏 𝒆𝒆𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam

Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee; hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni gabricha Gooftaa tokkichaati. Yesuus yoo Gooftaa kan ta’u taate, Gooftaan inni waaqqeffataa ture sun eenyuudhaa?

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 6:12]
"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 14:23]
"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 26:36-44]
³⁶ Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.
³⁷ Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee; gadduu fi yaadaan dhiphachuutti ka'e.
³⁸ Yommuus, "Lubbuun koo hamma du'atti baay'ee gaddite; isin as turaa anaa wajjinis dammaqaa!" isaaniin jedhe.
³⁹ Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate.
⁴⁰ Kana booddee gara bartoota sanaa dhufee, rafanii isaan arge; Phexrosiin immoo, "Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?
⁴¹ Qoramatti akka hin galleef dammaqaa kadhaahaa! Hafuurri illee dhimmaa dha; foon garuu dadhabaa dha" jedhe.
⁴² Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.
⁴³ Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge iji isaanii itti ulfaatee ture.
⁴⁴ Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate.

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 1:35]
"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate."

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 14:35]
"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 6:16]
"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 5:16]
"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke."


[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 9:18]
"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 11:1]
"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko,
"Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 18:1]
"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 22:41]
"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;"

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'e nuuf mirkaneessanii jiran. Inni ergamaadha malee gooftaa miti.Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu. Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee Rabbummaa mataa beeksisee hin turre.

👉 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐊𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚𝐟𝐢𝐢 𝐓𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐉𝐞𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚?

👉 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐧𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚𝐚 𝐊𝐮𝐧𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐞 𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐦𝐨𝐨 𝐎𝐟𝐮𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐎𝐟𝐢𝐢𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐞?

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1022


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Allaahu Akbar
Alhamdulillaah
Kufaatii mootummaa abbaa irree booda yeroo jalqabaatiif muslimoonni kumaatamaan lakka'aman masjiida guddicha, angafaafi seena qabeessa Al-Amwii kan #Syria magaalaa giddugala qaroominaa taate #Damasco keessatti argamutti bifa kanaan salaata Juma'aa guyyaa har'aa salaataniiru Faaruun kan Allaah mootummaa zalaalamiiti.

© Amar Temam
#SpiderMedia


Forward from: ᴅᴀᴀʀᴜ sᴀʟᴀᴀᴍ 🇵🇸
Qur'aana Rabbitu Tiksaa


"Qur'aana Nutu buusee Numatu tiksa"

Quraa'a jijjiiruuf yaaliin hin godhamin hin jiru ammas aakuma argaa jirru kana yaaliin garaagaraa godhamaa jira. Mee seenaa wahii isin haa yaadachiisu.

👉Namoota gaggaarii darban keessaa Amiirri tokko, Namni wahii yeroo hunda kan isa bira dhufu kan amantii biraa hordofu tokkootu ture. Yeroo garaagaraatti Amiirri kun Namicha isa bira dhufu kanaaf akka inni islaama'uuf yaada dhiheessaafii ture.Garuu Namichi kun deebii wahiituu hin kennu. Sana booda yeroo dheeraaf adda ba'anii eega turanii waggaa ① booda namichi sun deebi'ee Amiira bira dhufe.

Amiirris yeroo Namicha ilaalu akka inni muslima ta'ee dhufe arge. Achumaan Amiirris Namichaan akamitti Amanuu dandeesse jedhee gaafate. Namichis {{"Ani ergaan siin adda ba'ee kaasee hojiin hojjataa ture". hojiin kunis, Waangeela walakkaa harka kootiin barreesseetiin  waantoota garaagara jijjiiree, kaan hir'isee, kaaniis itti dabalee, kan fuulduraa booda godhee, kan boodaa fuuldura godhee akka naaf gurguraniif erge. Warrin itti erges fuudhanii baayyisanii naaf gurguran.

Akkuma kitaaba "Ooritis" Akkuma kan ammaa itti dabalee, kaaniis hir'isee waan hedduu jijjiiree akka naaf gurguraniif ergee jennaan fuudhanii baayyyisanii gurguran.

Sana booda haaluma kitaaboota kanaatiin "Qur'aanas" barreesse, Kaan jijjiiree kan fuulduraa booda godheee, kan boodaa dura godhee, kaan hir'isee eegan barreessee booda fuudhee maktabaa musliimaa kan Qur'aaana baayyisee gurguru bira deemeen naaf gurguraa jedhee itti kenne.

Yeruma sana garagaggalchanii ilaalanii fuula kootti darbatan. Maali yeroon jedhee gaafadhu "Kun Qur'aana Muslimtootaa isa sirrrii miti naan jedhan".

Sana booda utuun boo'uu gara mana kootii deebi'een Islaaminnaa fudhachuuf murteeesse. Diinal islaamii fi qur'aanas Rabbiin akka eeguu fi Rabbiin akka buusees hubadhe. Achumaaniin amanee}} jedhee Amiiratti hime.

Qur'aana Rabbiitu tiksa garuu balaa garaagara wanti Rabbiin fiduuf nu fatanuufi waan ta'eef Nama fatanaa kana darbu Rabbiin nu haa taasisu.

By: Abdurahman Mohammed

https://t.me/DAARU_SALAAM


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.[Suuraa Al-Maa'idaa 5:116]

" Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. "(Marqoos 10: 18)

Qopheessaan: Xaahir Galatoo

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/982


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Barsiisa Nabi Iisaa [Iyyasuus kiristoos]
   
Barsiisni Iyyasuus kiristoos maal ture?
Xiyyeeffannoon guddaan barsiisa Iyyasuus kiristoos, waa'ee Tokkochummaa Rabbii akka ta'e Qur'aanaa fi macaafa qulqulluu keessattis dubbatamee jira. Mee haa hubannuu!

"Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. "
(Wangeela Marqoos 12: 29)

Kiristaanonni hedduun, ilaalchota dogoongora irratti hundaa'uudhaan Iyyasuus kiristoosiin Rabbi jedhu. Garuu barsiisni isaa akkas hin turre. Yesuus kiristoos Rabbi jechuun gati dhabeessa ta'uu dubbatee jira.

"ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
(Maatiwoos 15: 9)

Iyyasuus kiristoos gaaffii yahuudotaan gaafatame ennaa deebisu akkana jedheera.

Gurguddoota Yihudootaa keessaa tokko, "Yaa barsiisaa gaarii, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?" jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebiseefii, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. [Wangeela Luqaas 18:18_19]

Namni tokkos gaafa tokko gara yesuus dhufuudhaan, yaa barsiisaa gaarii jannata (jireenya bara baraa) argachuudhaaf maal hojjachuu qaba jedhee gaafate. Innis deebiseefii akkana jedheen;

Kunoo, namni tokko gara Yesus dhufee, "Yaa barsiisa! Jireenya bara baraa qabaachuuf hojii gaariin gochuun anaaf ta'u maal inni?" jedheen. Yesus immoo, "Waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta? Isa tokkicha sanatu gaarii dha; jireenya sanatti galuuu yoo feete garuu, abboommota eegi! ittiin jedhe. [Wangeela Maatiwoos 19:16_17]

Yesuus kiristoos seera waada moofaa keessa jiru tokkos shaaruudhaaf, akka hin ergamnes dubbateera. Waa'ee kanaa Maatiwoos haala armaan gadii kanaan barreesseera.

[Yesus, "Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa odoo fiixaan hin ba'in hin badu].(Wangeela Maatiwoos 5:17_18)

Ergamaan anaan booda ergamu, waanuma hunda isiin barsiisa jedhees dubbateera.

" Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa. "
(Yohaannis 14: 26)

Kitaabani seera uumama waa'ee dhagna qabachuu ilaalchisee akkana jedha:

Ammas kakuun koo inni anaa fi si gidduutti, namoota kee gidduutti, si booddeedhaanis sanyii kee gidduutti eeguun isiniif ta'u, 'Isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabamu!' isa jedhuu dha.  Isin gogaa foon keessan haguuge dhagna qabadhaa! Kunis kakuu isa anaa fi isin gidduutti dhaabateef milikkita in ta'a.[Seera uumamaa 17:10-11]

" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Yuhaannis 17: 3)

Dubbiin kanneen armaan olii fakkaatan, Qur’aana keessattis bakka heddutti dubbatamaniiru.

إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.” [Suuraa  Aal-Imraan 3:51]

Karaan qajeela Iyyasuus kiristoos barsiise, karaa Islaamummaa qofa. Daandii tokkochummaa Rabbiiti. Qur'aanni akkana jedha.

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالَ سُبْحَٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu][Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/981




Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Assalaamu Alyekum warahmatullaah wabarakaatu kitaabini «ክርስቶስ ማነው» Kirstoos Enyu?"   jedhu kan hayyuu Seenaa ustaaz Ahmaddiin jabaliin barreeffame Jamaal kadiirin gara  Afaan oromootti hiikamuun dubbiftoota dhihaateera .kitaabini kun kitaabilee mata duree kana irratti barreefaman keessaa kitaaba akkaan bareeda yoo ta'u waa'ee Nibiyyullaah Iisaa(As) (Yesuus kiristoos)ilaalchisee  gaafilee murteessoo 303 of keessatti hammateera. Kitaabicha kana dubbisuun namootas dubbisiisuun akka sababa qajeellumaa taatan dhaamsa  kooti.

Teessoo kitaabicha itti argattan:-

Finfinnee
Naannoo masgiida Anwaar mana kitaabolee Islaamaa
Ayyarxeenaa
Odeeffannoo dabalataatiif
Lakkoofsa bilbilaa:

+251920781016
+251913463746


MACAAFOTA YIHUUDONNIIFI KIRISTAANONNI GATAN.

Akkuma Beekamu Yihuudotaafi Kiristaanonni Macaafa Yeroo Filatan, Akka Yaada Isaaniitiifi Akka Fedha Isaaniitti Filatu, Yaada Bu'uura Qabu Qabu Irratti Filannoo Isaanii Hin Kaa'anne, Sababuma Kanaaf Macaafa Filatuu Irratti Yeroo Hunda Waldhabu, Isa Kuun Eda'u Inni Kuun Ni Hir'isa, Dubbii Kana Rabbiin Keenya (Inni Guddaa Ta'e) Qur'aana Keessatti Nuuf Ibsee Jira.

Bu'uuruma Kanaan Macaafa Isaanii Yoo Ilaalle, Macaafni Qulqulluu (Jarri Jedhan) Macaafota Hedduu Akka Ragaatti Ni Fidata, Garuu Macaafonni Kunniin Ammatti Hin Jiran, Eessa Jiran? Jennee Yoo Gaafannes Deebii Argachuun Hin Danda'amu, Akkamitti Akka Isaan Gatanis Wanti Beekamu Tokko Hin Jiru, Hundaafuu Mee Macaafota Kanniin Tarreetti Galchinee Haa Ilaalluu!.

1. Macaafa Lolaa Isa Kan Waaqayyoo (Seera Lakkoobsaa 21:14).

2. Macaafa Yaashaar (Macaafa Iyaasuu 10:13).

3. Dubbiilee Salamoon (Mootota 1ffaa 4:32-33).
4.Seera Saamu'el Caafe (Saamu'el 1ffaa 10:25).

4, 5, 6. Caaffata Saamu'el Ilaaltichaa, Caaffata Naataan Ilaaltichaa, Caaffata Gaadi Ilaaltichaa (Seenaa Baraa 1ffaa 29:29).

7, 8, 9. Caaffata Naataan Raajichaa, Caaffata Raajii Ahiiyaa Shiilonichaa, Mul'ata Iddoon Ilaaltichaa (Seenaa Baraa 2ffaa 9:29).

10. Macaafa Yehuu Ilma Haanaanii (Seenaa Baraa 2ffaa 20:34).

11. Macaafa Isaayaas Ilma Amoz Raajichaa (Seenaa Baraa 2ffaa 26:22).

12, 13. Mul'ata Iyaayaas Ilma Amoz, Macaafa Mootota Yihuudaa fii Mootota Israa'el (Seenaa Baraa 2ffaa 32:32).

14. Faarfannaa Ermiyaas Raajichaa Yosiyaasiif Baase (Seenaa Baraa 2ffaa 35:25)

15. Macaafa Seenaa Baraa Kan Biraa (Nahimiyaa 12:23).

16. Macaafa Seenaa Mootummaa Salamoon (Mootota 1ffaa 11:41).

17. Macaafa Shemaa'iyaan Raajichaa (Seenaa Baraa 2ffaa 12:15).

18. Macaafa Seera Waaqayyoo (Seenaa Baraa 2ffaa 17:9).

19. Macaafa Ilaaltotaa (Seenaa Baraa 2ffaa 32:19).

20. Ergaa Phawlos Warra Laa'odiiqeyaatti Barreesse (Qolosaayis 4:16).

21. Ergaa Phawlos Sadaffaa Kan Warra Qorontosiif Caafe (Qorontoos 1ffaa 5:9).

Macaafonni Kun Macaafota Eeraman Keessaa Muraasa, Macaafota Kana Keessaa Tokkos Kan Jiran Hin jiru, Kanaaf Muslimoonni Yiduudotaafii Kiristaanonni Macaafota Eeguu Hin Dandeenye Jennee Dubbanna.

https://t.me/Awel_Kasim_Channel


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
WARRONNI IYESUUSIIN WAQAYYOO JEDHU HUNDI ISAANII JAHANNAM SEENU!!!!!

( لقد كفر الذين قالوا إن الله هو المسيح ابن مريم وقال المسيح يابني إسرائيل اعبدوا الله ربي وربكم إنه من يشرك بالله فقد حرم الله عليه الجنة ومأواه النار وما للظالمين من أنصار ( 72 )

"warri rabbiin masiihi ilma mariyami jedhan dhugaa kafar*nii jiru.Iisaan ni jedhe 'yaa ilmaan isiraa'eel rabbii (goofta) kiyyaafi rabbii (goofta) keessan gabbara namni rabbiitti waa qindeesse (makee) gabbare rabbiin Isa irratti #jannata haraama godha qubsumni(teessoon) isaa #jahannamiidha.kaafir*otaf tumsaan hin jiru" (#maaida 5:72)

"Si waqayyoo tokkicha Isa dhugaa, iyesuus kiristoos Isa ati ergites beekuun jireenya barabaraati (#Yohannis 17:3)

👉Akkana jechuun waqayyoon waqayyoo jettee beekutuu iyesuusis ergamaa waaqayyooti jette beekutuu jireenya barabaraati si galcha jechuudha.

"Dhaga'i yaa isiraa'eel gooftichi waqayyoon keenya kophaa isaa gooftaadha" (maarqoos 12:29)

👉 Waqayyoon kophaa isaa waqayyoodha jechuu qabxiin Kun nuuf mirkaneessa.wanni waqaa Abba,waaqa ilmaa,waqaa hafuura wanni jedhamu hin jiru waqayyoon kophama isaa waqayyoodha.

#Maatiwoos 7:22-23
"Guyyaa Sana Namoonni hedduun 'yaa goofta yaa goofta nu maqa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Hafuurota hamaa baasneerra mitii? Maqaa keetiin raajiwwan baay'ee hojjanneerra miti? Naan jedhu.
Ani immoo 'isin yaa warra hamaa hojjattan Ani takkuma isin hin beeku na duraa badaa jedhee ifatti baasee isaanitti hima*".

Sila musiliima moo kiristaanatuu iyesuusiin waqayyoo (goofta) jedhaan? Yoo jenne Akkuma beeknu Kan dubbii kana dubbatu warra kiristaanaati.
Musiliimonni iyesuus gabricha waqayyoo fi ergamaa waaqayyooti jedha.

🌹Kanaaf Kan jannata galu #musilimoota ta'uu arganneerra.
❌Kan jahannam seenus warra #kiristaana ta'uu arganneerra.

👥Karaa si baasu situ laallata.
🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍🤍Kanaaf namni waqayyoon dhiiftee iyesuusiin waqayyoo jettu akkasuma iyesuusiin waqayyootti dabaltee waqayyoo jettun teesson Kee #jahannamiidha. Kana qur'aana fi macaafatuu siif mirkaneesse anaa miti.
#Dubbii_adii_kan_jedhamu_kana_Kan_dhoksaa_hin_qabne
Kanaaf dafaatii warri iyesuusiin waqayyoo jettan gara waqayyoo tokkichaatti kootta gara amantaa waqayyoon filatee gara isilaamummaatti kootta 🙏🙏🙏 Sana malee abadan jahannamiin irraa najaa hin baatan.quraanniniifi macaafnis sitti mallatteesseera/murteessera.

Kan si baasu situ laallata obboleessa/obboleetti🙏
https://t.me/Gingilchaadhugaa

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/928


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
Video is unavailable for watching
Show in Telegram
قَالُوا۟ يَٰمَرْيَمُ لَقَدْ جِئْتِ شَيْـًٔا فَرِيًّا


[Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fidde.


يَٰٓأُخْتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمْرَأَ سَوْءٍ وَمَا كَانَتْ أُمُّكِ بَغِيًّا

Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati keetis sagaagaltuu hin turre.”


فَأَشَارَتْ إِلَيْهِۖ قَالُوا۟ كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِى ٱلْمَهْدِ صَبِيًّا


(Isiinis) gara isaatti akeekte[Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan.


قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا


Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.


وَجَعَلَنِى مُبَارَكًا أَيْنَ مَا كُنتُ وَأَوْصَٰنِى بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمْتُ حَيًّا

Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.


𝑺𝒖𝒖𝒓𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒓𝒚𝒂𝒎 19:27-31

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/927


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
16, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀 𝐁𝐀𝐑𝐀𝐀 𝐀𝐑𝐆𝐀𝐓𝐓𝐔𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄? 𝐀𝐍𝐀𝐓𝐓𝐈𝐌𝐎𝐎 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄?

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Yohannis 5:24

17, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐍𝐈 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐀𝐓𝐀 𝐆𝐀𝐋𝐔 𝐁𝐀𝐑𝐁𝐀𝐀𝐃𝐔 𝐔𝐋𝐀𝐀𝐆𝐀𝐀𝐋𝐄𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐆𝐔𝐔𝐓𝐔𝐔 𝐐𝐀𝐁𝐔 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐁𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐓𝐔𝐑𝐄𝐄?

Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.
Yohannis 17:3

18, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍𝐈𝐈 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐍 𝐈𝐒𝐀𝐀𝐍𝐓𝐔 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐈𝐒𝐑𝐀𝐀'𝐈𝐋𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈?

Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi,
“ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa,
ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti;
bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu
si keessaa ni baʼaatii’
jedhee barreesse sanaa dha.””
Maatewos 2:5-6

19, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐅 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄



Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
Hojii 5:31

“'Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko saba koo Israa'eliin kan, bulchu in ba'a' kan jedhu jira" jedhan.”
  — Mat. 2:6

𝐐𝐨𝐩𝐡𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧: 𝑹𝒂𝒇𝒊𝒊𝒒𝒖𝒍 𝑰𝒔𝒍𝒂𝒂𝒎

𝑵𝒂𝒎𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝑩𝒂𝒓𝒓𝒖𝒖 𝑲𝒂𝒏𝒂 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒊 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒏𝒖𝒖 𝑬𝒓𝒈𝒂 𝑫𝒖𝒃𝒃𝒊𝒔𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑲𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑳𝒂𝒎𝒎𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑲𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂 𝑲𝒂𝒏 𝑲𝒊𝒓𝒊𝒔𝒕𝒂𝒂𝒏𝒐𝒕𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒇 𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 𝑮𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖 𝑯𝒊𝒏 𝑫𝒂𝒈𝒊𝒕𝒊𝒏𝒂𝒂 𝑱𝒛𝒌.

𝑾𝒐𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒂𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/920


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
11, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐃𝐈𝐃𝐃𝐀𝐀𝐅 𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝐖𝐎𝐑𝐑𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀𝐓𝐈 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐀𝐍



Tajaajilaan koo inni ani filadhe,
inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana;
ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa;
innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.
Maatewos 12:18

Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
Hojii 3:13

12, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐇𝐎𝐉𝐉𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐎𝐃𝐎𝐎 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄𝐄 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐆𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐍 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐒𝐒𝐔𝐔 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐖𝐎𝐉𝐉𝐈𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔


Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
1 Qorontos 15:25

13, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒𝐈𝐈𝐍 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐓𝐔 𝐈𝐒𝐀 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐓𝐄𝐌𝐎𝐎 𝐎𝐅𝐈𝐈𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄


Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;”
Yohannis 7:28

Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.”
Yohannis 7:33

14, 𝐀𝐍𝐈 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄𝐍 𝐘𝐎𝐎 𝐌𝐀𝐀𝐋 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄𝐓𝐔 𝐌𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐒𝐈𝐑𝐑𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈

Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
Ibroota 3:1

As-Saf 61:6

وَإِذْ قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَىَّ مِنَ ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمُبَشِّرًۢا بِرَسُولٍ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِى ٱسْمُهُۥٓ أَحْمَدُۖ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ

Amharic - Sadiq/Sani Habib

የመርየም ልጅ ዒሳም፡- «የእስራኤል ልጆች ሆይ! እኔ ከተውራት በፊቴ ያለውን የማረጋግጥና ከእኔ በኋላ በሚመጣው መልክተኛ ስሙ አሕመድ በኾነው የማበስር ስኾን ወደእናንተ (የተላክሁ) የአላህ መልክተኛ ነኝ» ባለ ጊዜ (አስታውስ)፡፡ በግልጽ ተዓምራቶች በመጣቸውም ጊዜ «ይህ ግልጽ ድግምት ነው» አሉ፡፡

Oromo - Ghali Apapur Apaghuna

Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.

Al-Ma'idah 5:75

مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْءَايَٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Amharic - Sadiq/Sani Habib

የመርየም ልጅ አልመሲሕ ከበፊቱ መልክተኞች በእርግጥ ያለፉ የኾነ መልክተኛ እንጅ ሌላ አይደለም፡፡ እናቱም በጣም እውነተኛ ናት፡፡ (ሁለቱም) ምግብን የሚበሉ ነበሩ፤ አንቀጾችን ለነርሱ (ለከሓዲዎች) እንዴት እንደምናብራራ ተመልከት ከዚያም (ከእውነት) እንዴት እንደሚመለሱ ተመልከት፡፡

Oromo - Ghali Apapur Apaghuna

Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa mitiHaati isaas akkaan dhugoomsituudhaLamaanuu nyaata kan nyaatan turanAkkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaaliErgasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.

15, 𝐊𝐀𝐀𝐘𝐘𝐎𝐎 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐄𝐑𝐆𝐀𝐌𝐄𝐄 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐄 𝐌𝐀𝐀𝐋𝐈?


Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
Yohannis 5:30

Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.”
Yohannis 4:34

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/919


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝑸𝑨𝑩𝑿𝑰𝑰𝑳𝑬𝑬 𝑴𝑨𝑨𝑳𝑼𝑴𝑴𝑨𝑨 𝒀𝑬𝑺𝑼𝑼𝑺 𝑰𝑩𝑺𝑼 𝑲𝑨𝑵𝑨 𝑯𝑨𝑮𝑨 𝑹𝑨𝑩𝑩𝑰 𝑵𝑼𝑼𝑭 𝑳𝑨𝑨𝑭𝑭𝑰𝑺𝑬𝑬𝑵 𝑳𝑨𝑴𝑴𝑰𝑰𝑾𝑾𝑨𝑵 𝑲𝑬𝑬𝑵𝒀𝑨 𝑲𝑨𝑵 𝑲𝑰𝑹𝑰𝑺𝑻𝑨𝑨𝑵𝑨𝑨 𝑩𝑰𝑹𝑨𝑨𝑵 𝑯𝑨𝑨 𝑮𝑬𝑬𝑵𝒀𝑼𝑼!!

𝑱𝑶𝑰𝑵 𝑴𝒀 𝑪𝑯𝑨𝑵𝑵𝑬𝑳 @RAFIIQUL_ISLAAM



1, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐓𝐀𝐇𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐃𝐇𝐀𝐀𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔


Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
Hojii 2:22

2, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀


Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. ”
Maatewos 17:22

3, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐈𝐋𝐌𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔


Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.
Luqaas 12:8

4, 𝐇𝐈𝐃𝐃𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒 𝐒𝐀𝐍𝐘𝐈𝐈 𝐃𝐀𝐀𝐖𝐈𝐓 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀


Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:
Maatewos 1:1

5, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐃𝐀𝐍𝐃𝐀'𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.


Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.
Ibroota 13:8

6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐍𝐀𝐌𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄, 𝐈𝐋𝐌𝐈 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀𝐒 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐓𝐀𝐀𝐍𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐀𝐊𝐊𝐀 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐍𝐄 𝐌𝐈𝐑𝐊𝐀𝐍𝐄𝐄𝐅𝐅𝐀𝐂𝐇𝐔𝐔 𝐘𝐎𝐎 𝐅𝐄𝐄𝐓𝐀𝐍.


Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu;
yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu.
Ani Waaqa malee nama miti;
ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha.
Ani dheekkamsaan hin dhufu.
Hooseʼaa 11:9

6, 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐍𝐈 𝐇𝐈𝐍 𝐆𝐄𝐄𝐃𝐃𝐀𝐑𝐀𝐌𝐔 𝐇𝐈𝐍 𝐉𝐈𝐉𝐉𝐈𝐈𝐑𝐀𝐌𝐔


Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
Miilkiyaas 3:6

7, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀

silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada;
namnis biyyootti deebiʼa ture.
Iyyoob 34:15

Ar-Rahman 55:26

كُلُّ مَنْ عَلَيْهَا فَانٍ

Amharic - Sadiq/Sani Habib

በእርሷ (በምድር) ላይ ያለው ሁሉ ጠፊ ነው፡፡

Oromo - Ghali Apapur Apaghuna

Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.

Ar-Rahman 55:27

وَيَبْقَىٰ وَجْهُ رَبِّكَ ذُو ٱلْجَلَٰلِ وَٱلْإِكْرَامِ

Amharic - Sadiq/Sani Habib

የልቅናና የልግሥና ባለቤት የኾነው የጌታህ ፊትም ይቀራል፡፡ (አይጠፋም)፡፡

Oromo - Ghali Apapur Apaghuna

Fuula Gooftaa keetii, kan guddinaafi ulfinaatu hafa.


8, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐍𝐀𝐌𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐒𝐔𝐌𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐋𝐋𝐄𝐄 𝐉𝐄𝐂𝐇𝐔𝐔𝐍 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐍𝐔 𝐃𝐇𝐎𝐑𝐆𝐀𝐍 𝐊𝐔𝐌𝐀𝐀𝐓𝐀𝐌𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐀 𝐌𝐔𝐑𝐀𝐀𝐒𝐀

Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
Ermiyaas 32:27

9, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐑𝐁𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐊𝐔𝐔 𝐌𝐎𝐎𝐅𝐀𝐀 𝐊𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀?

?


Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,
filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana;
ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa;
inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
Isaayyaas 42:1


10, 𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐆𝐀𝐁𝐑𝐈𝐂𝐇𝐀 𝐓𝐀'𝐔𝐔 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀



Maryam 19:30

قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا

Amharic - Sadiq/Sani Habib

(ሕፃኑም) አለ «እኔ የአላህ ባሪያ ነኝ፡፡ መጽሐፍን ሰጥቶኛል ነቢይም አድርጎኛል፡፡»

Oromo - Ghali Apapur Apaghuna

Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/918


AMANTAA QABAACHUU IYYASUUS

Iyyasuus kiristoos Amantaa kiristaanaa odoo hin taane amantaa Islaamaa hordofaa ture. Inni muslima malee kiristaanaa miti. Garuu kiristaanonni hedduun isaanii Iyyasuus kiristaanummaa barsiiseera amantaa jedhan qaban. Inni kiristaanummaa odoo hin taane Islaamummaa barsiisaa ture. Sababbiin isaas, inni Nabiyyii Islaamaati. Kana yeroon jedhu qabatama ragaa dhugaa irratti hundaa'eeti. Macaafa qulqulluu keessatti ragaan qabatamaan heddutu jiru. Garuu mee wangeelaa  Afranii fi Qur'aana irratti haa xiyyeeffannuu.
Wangeelota Afran kanneen jedhaman; Wangeela Maatiwoos, luqaas, Maarqoosii fi Yuhaannisi.

" Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture."
(Wangeela Maatiwoos 4: 23)

" "Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru. "
(Wangeela Maatiwoos 6: 2)

Dabalataaniis, wangeela maatiwoos 6:2, 9:23, 9:35, 10:17, 12:9, 13:54 jalatti dubbatameera.

Wangeela Maatiwoos 9:23 xiinxaluun yeroo ilaalle;

" Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, "
(Wangeela Maatiwoos 9: 23)

" Namni hafuura hamaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaaniii keessa ture iyyuu, si'uma sana caraanee,"
(Wangeela Maarqoos 1: 23)

" Yesus masgiidaa akkuma ba'een, Yaaqoobii fi Yohannisii wajjin mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe."
(Wangeela Maarqoos 1: 29)

" Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture."
(Wangeela Luqaas 4: 15)

" Yesus Qifinaahomitti yeroo barsiise mana sagadaa keessatti kana hundumaa dubbate."
( wangeela Yohaannis 6: 59)

" Abbaan isaa fi haati isaa Yihudoota waan sodaataniif kana jedhan; namni "Yesus Masiihicha" jedhee dhugaa ba'u, tokkummaa mana sagadaa isaanii keessaa akka baafamu Yihudoonni sun irratti walii-galanii turan. "
(Wangeela Yohaannis 9: 22)

" Yesus immoo deebisee, "Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas masgiidaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti walga'anitti, barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne."
(Wangeela Yohaannis 18: 20)

Yesuus kiristoos, muslima ta'uu isaa ilaalchisee Qur'aannis ifaan ifatti dubbateera.

مَا قُلْتُ لَهُمْ إِلَّا مَآ أَمَرْتَنِى بِهِۦٓ أَنِ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْۚ وَكُنتُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا مَّا دُمْتُ فِيهِمْۖ فَلَمَّا تَوَفَّيْتَنِى كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيْهِمْۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ

Waan ati itti na ajajje ‘Rabbiin, Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin janne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa turte. Ati waan hunda irratti ragaadha. [Suuraa Al-Maa'idaa 5:117]
Akkasumas, Islaamummaan amantaa yesuus kiristoos ta'uu ilaalchisee Qur’aanni jedha:

وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha” jedhe. [Suuraa Maryam 19:36]

Qur’aanni suuraa shuuraa keessattis akkana jedheera;

شَرَعَ لَكُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا وَصَّىٰ بِهِۦ نُوحًا وَٱلَّذِىٓ أَوْحَيْنَآ إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِۦٓ إِبْرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَىٰٓۖ أَنْ أَقِيمُوا۟ ٱلدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا۟ فِيهِۚ كَبُرَ عَلَى ٱلْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِۚ ٱللَّهُ يَجْتَبِىٓ إِلَيْهِ مَن يَشَآءُ وَيَهْدِىٓ إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ

Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.[Suuraa Ash-Shuuraa 42:13]

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/899


🛑 5. Yesus Kiristos, dinqii raawwateera
Qur’aanni kanaan wal qabatee akkuma Waadaa Haaraa keessatti dubbatamee jiruun ibse, dinqii baay’ee Yesus Kiristos, hayyama Waaqayyootiin raawwate ifaan ifatti dubbateera. 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮𝗳, suphee irraa waan akka simbirroota uumee; isa keessatti afuufuudhaan eeyyama Rabbiitiin allaattii ta'uu. Dhukkubsattoota, jaamaa fayyisuu, warra du’an deebisee du'aa kaasuu. Haa ta’u malee, dinqiiwwan kun hundi akka mallattoo Nabiyyummaatti kennameef.

𝗛𝘂𝗯; Dinqiiwwan kun hundi Namoota Yesus Kiristos Ergamaa Waaqayyoo ta’uu isaa shakkii qaban amansiisuuf kan kennameefii dha malee, mallattoo waaqummaa hin turre.

● Yesus Kiristos, dinqii fi milikkata hojjate hunda walitti qabee kaayyoo isii yoo ibsu akkana jedha:

" Isa Yohannis cuuphaan dhugaa ba’e irra caalaa kan dhugaa anaaf ba’u qaba; hojiin abbaan koo akkan raawwadhuuf dabarsee anatti kenne baay’ee dha; 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶𝗻 𝗮𝗻𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗸𝘂𝗻𝗶𝘀 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗲 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳 𝗶𝗻 𝗯𝗮'𝗮. Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf
dhugaa ba’eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan."
[Yohannis 5:36-38]

Dabalataan 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 Kiristos yeroo Namticha 𝗔𝗹𝗮𝗮𝘇𝗮𝗮𝗿 jedhamu du’aa kaasuu gara awwaalichaa deemes akkana jechuun Rabbii isaa kadhate:

“… Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗮𝘁𝗶 𝗮𝗻𝗮 𝗲𝗿𝗴𝗶𝘁𝗲 𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗺𝗮𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗱𝘂𝗯𝗯𝗮𝗱𝗵𝗲” jedhe. Kana jedhee sagalee guddaadhaan, “Alaazaar as ba’i!” jedhee
waame. Kanaaf namichi du’ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba’e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu! jedhee isaan abboome.” [Yohannis 11:41-44]
Haala kanaan yoo hin hubatin nabiyyoonni mu’jiizaa (raajii) hojjatan hundis waaqa ta’u.

🛑 6. Yesus Kiristositti, amanuun Muslima ta’uuf ulaagaa dha.

Namni tokko Muslima ta’uuf nabiyyootaa fi ergamtoota hundatti amanuudha qaba. Nabiyyitoota sana keessaa tokko ganuun ykn diduun hunda isaanii ganuu dha. Kanaaf Nabiyyummaa Iisaa (Yesus Kiristos) ganuun, namni tokko Muslima ta’uu dhabuu fida. Yesus Kiristositti amanuun Ulaagaa amantaa Islaamaati waan ta'eef.

🛑 7. Yesus Kiristos, dhufaatii Nabi Muhaammad (SAW) dursee dubbateera.

Qur’aanni Yesus Kiristos dhufaatii Muhaammad dursee akka dubbate ibsa:

وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِن بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ

“Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa] Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.” (Qur'aana 61:6)
Maqaan Ahmad fi Muhammad jedhu hundee jecha Arabaa tokko irraa kan dhufanii fi hundee isaa keessatti maqaa tokko.

🛑 ...

Qabxiileen irraa hafe itti fufa ...

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮:
© Ifaa Dhugaa
Dhugaa sakattaa'aa, qoradhaa... dhuma irratti eyyama Rabbiitiin haqa irra gahuun keessan hin hafu isniin jedha.

Namni dubbisee xumuree jiru ... ❤

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/892

20 last posts shown.