Barruu Walaabuu


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Walabu Post

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Dogoggora uumameef Haqnee irra deebiin dhoobne nu oofkalchaa




Dubbisuun Guutuu Nama Taasisa!


Jildii 2ffaa








Kunoo guyyaan Ni fiiga
Takkaa gad hin dhaabanne
Gumaakee baasuuf illee
Cancalaan sakaalamne

Dina si galaafatee
Abbaa isaa osum beeknu
Gara humnaa ko'oommanne
Dubbachuu hin dandeenyu

Atis deemtee fagaattee
Karaa isa deebii hin qabne
Gubaankee nu waxala
Nuti boqonnee hin rafne

Siyaasa biyyattiitu
Guyyaa malee si nyaate
Warraa aangoo Araaduuf
Qarshii qumaaraa taate

Erga jiraakee dhabnee
Guyyaan sokkee fagaatu
Madaanke nu hin fayyine
Inni Gubee nu nyaatu

Garuu, ........
Bar tokko kana jennee
Gumaakee Baasna tarii
Qumarri siin taphatame
Dirree Aango tikse bari

Wal falmii Dirree Aangoo
Tapha Goodaa Siyaasaa
Lubbukeetin taphatani
Hedduu gubee nama aarsa

Inni kichuu si mure
Bor bakkakee hin hanqatu
Nagaatti qaalii Sabaa
Biyyoon sitti Haa salphatu

Osoo lubbuun jiraattee
Waayee keenya nuuf Aartaa
Ta'uyyu ati har'as
Nuun warra jiru caalta!




Forward from: Imaltuu
Siidaa Warraa PDF.pdf
738.1Kb
#Siidaa-Warraa
Kitaaba haaraadha. Dubbisaa yaada naaf qoodaa! #Share taasisuun hiriyoota keessanis affeeruu hin dagatinaa.
Hub. Kitaaba kana channel biraa irratti fe'uun dhorkaadha!

@Imaltuukaayyoo


Forward from: Jobs sites
#Maaluma_Naaf_Wayya

Qimmiiddaa qirqirsaa fakkaatu
Kan jireenya koo uruursu
Ijjannaa koo na falfalee
Teessuma koo na furursuu

Yaa'ii teessoo wal saamuuf
Dirree koorratti taa'amuu
Ani keessummaa ta'een
Ormi jilaaf waamamu

Daboon ani hin beekne
Jila yaa'ii warra firaa
Anaaf jiruun sunsuree
Maafan arga gidiraa?

Taphataan marti keeti
Gooliin lachuuttu dhiitta
Dorgommii yeroon xumurteef
Ana maaf hojii na hiikta

Takkaa na sossobaa
Takkaa na qimmiidda
Daaraa narraa dhiqxee
Dhoqqeemmoo na dibda

Marti kee faalladha
Bitaa natti gale
Mana keetti sangaatu
Waatiyyoo siif dhale

Adiin siif gurraacha
Gurraachi siif adii
Badiin kee naaf tola
Tolli koo siif badii

Barbaaddu ol yaata
Akka bishaan gaayyaa
Amala keetu addaa
Maaluma naaf wayyaa?

@siifjedhee


Kana sana jennee
Ibsuuf ulfaatullee,
Jirra uumaaf galata
Ega har’aaf bullee...!


Barruu Walaabuu guddifna;
Aadaaf aartii keenya mul'ifna!


Aadaaf duudhaa ganamaa
Safuuf sinicha Gadaa
Walii keessaniif amanamaa
Dhiisaa waan badaa!

Fb Waloo Abdii Egereetiin...


Yooyyaa Maatii Og-barruu oromoo Barruu Walaabuu Dubbistanii namoonni cimina keenyaaf laafina keenya nuuf eertan Isin galateeffachaa, Fuulduratti Kana caala Bareechinee Akka Isiniif dhiyaannu waadaa isiniif seena!




Barruu Walaabuu dubbisuudhaan Yaadaaf qeeqa Nuuf qabdan Nuun gahaa!


Barruu Walaabuun galma geenya;
Subscribe gochuun qooda keenya!
⚫⚫⚫⚫⚫🔴🔴🔴🔴⚪⚪⚪





20 last posts shown.

583

subscribers
Channel statistics