Bara durii mootiin tokko dhagaa ulfaataa ta'e daandii namni baay'ee irra deddeebi'u fi gara masaraa mootummaatti geessu irratti kaayee; eenyu akka kaasu arguuf bakka dhokataa ta'e ta'ee hordofuu jalqabe. 🏔👀
Ammas, namootni dhihoo mootichaa ta'an tokko tokko fi abbootiin qabeenyaa daldaltoota masaraa mootummaa naannoo sanaa hin dhabamne, dhagichi daandii irratti akkamitti akka kaayame fi mootichi maaliif akka hin kaasisne dinqisiifachaa; gungumaa osoo hin kaasin bira darban. 🚶♂️💭
Sana booda, qotee bulaan hiyyeessi tokko kuduraa fi fuduraa baatee yeroo darbu, dhagicha daandii irratti yoo argu ba'aa kuduraa fi fuduraa isaa lafa kaayee; dhagicha kaasuuf tattaafachuu jalqabe. Akkuma ta'etti dhagicha yeroo gangalchu, dhagicha jalaa warqee baay'ee fi waraqaa mallattoo mootichaa qabu kan "
Nama dhagicha kaaseef, warqichi kan isaati!" jedhu argate. 💪💰✨
Daandii jireenya keenya irrattis gufuwwan baay'een ni jiru. Warra isaan dura dhaabbataniif gufuwwan carraa baay'ee qabatanii dha! Warra abdii hin kutanneef gufuwwan hundi akka nu jabeessanii fi gara sadarkaa ol'aanaatti akka nu ceesisaniif, kaayyof kan kaayaman gaarummaadha. 🌟⛰
Gufuwwan fuuldura keenyatti nu mudatan nama dhibaa'aa ta'e ni kuffisu; nama jabaa ta'e ammoo ni ceesisu. Filannoon kan keenya! 🤝🚀
Akka waan bara baraaf jiraattuutti bari (baradhu), akka waan bor duutuutti ammoo jiraadhu. 📚🌅
@kurulus_Orhan_Oromo @kurulus_Orhan_Oromohttps://t.me/kurulus_Orhan_Oromo