TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Daawwitee post

15 Nov 2020, 12:52

Open in Telegram Share Report

Kutnaan kutee buusuu malee
Kan hin hambifne irratti
Bahee galee boonsuu malee
Kan qaanii hin finne warratti
Kutataadhaaf jabaa ilmaa
Kan hundumtuu deemu eebbisaa
Kan dhugaadhaaf iddoo laatu
Maaf ta'uu dhiisee namnisaa?

Inni har'aa kunoo garaaf du'ee
Quufee dagatee nu arguu
Har'as boris iyyuu qofa
Nufoo in didee nuu darbuu
Kaleessa kan nujjiin iyyuu
Waa'ee quuqama lammisaa
Gaafa argate waan garaasaa
Innis marmaratee ciisaa

Fuulaaf haasaa isaa ilaalee
Inni nuti jennus keenya
Kan isa caalaa qabu hin jiru
Gumbii jallinaaf hammeenyaa
Kanaafan afaan qabadhe
Waanan jedhus narkaa badee
Dalga iyyuu adeemee hin quufne
Jaalladhee hin kaane irraangadee
Yaada kootiin laga bu'ee
Ilaalee afaan banuu jawwee
Waliif dhooftuu nama har'aa irra
Ani dhaloota darben hawwee!
.
@Daawwite

2.8k 1 7
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot