Amma iyyuu si gudeedaa jiraam!
.
Shamarree Raashiyaa tokkotu turte. Umurii waggaa 14tti gudeedamte. Guyyaa gaafa sanaa kaastee dhiira ijaan arguu jibbite. Jireenya ishee keessatti dhiira akka seexanaatti lakkooftee dhiiste. Garuu guyyaa tokko umuriin ishee gaafa 24 tahu baabura keessatti jaarsa tokkoon wal bartee seenaa ishees itti himte. Ijoollummaa isheetti akka gudeedamteef sababa sanaafis dhiira akka jibbitu ibsiteef.
.
Jaarsis deebisanii “Yaa mucaa koo biyya lafaa kana irratti namni hunduu salphaa yookaan cimaa kan tahe madaa ofiisaa qaba. Jibbi jibba dhala, jaalalli garuu jibba qulqulleessa. Utuu dubbannuu ati kan dhiiraan miidhaan sirra gahe yoomi” jedhanii gaafatan.
Waggaa 14 har’a dura jette.
Amma waggaan kee meeqa dhalako?
24 dha abba.
“Gochi kun kan inni sirratti raawwatame waggaa kudhan dura jechuudhaa?”
Eyyee
“Yoos namni sun hanga har’atti akka sigudeeduuf yookaan akka sigudeedaa jiraatuuf maaliif heyyamteef? ”
Naaf hin gallee ababba
“Argitee dhalako waan tokkoon mo’amuu kana ati qabdu si’a tokko qofa tahu qaba. Ati garuu waa’ee nama sigudeedee hanga har’atti hin daganne. Kanaaf namni sun ammayyuu yaadaan sigudeedaa jira. Kanaaf namicha kana mo’achuu qabda. Seenaa darbe sana kutaa isaa cuftee furtuu gatuu qabda. Ganamni tokkoon tokkoo isaa guyyaa itti akka haaraatti dhalannuudha. Jireenya keenya keessa dukkanni hammamii illee yoo jiraate isa osoo hin taane ifa xiqqoo jireenya keenya keesaa jirtu yaaduu qabna.”
Guyyaa sanaa qabee ilaalacha isheetu jijjiirame.
.
Nutis seenaa kana irraa kaanee waan nurratti raawwatame osoo hin taane waan gara fuulduraatti raawwachuu dandeenyu irratti haa xiyyeeffanuun dhaamsa kooti!
.
Phaawuloos iyyuu isa booddee koo dhiisee isa na fuulduraattin aggaama jedhe mitiiree?
.
Filannoon keenya lama. Yookaan waan nuratti ta’e yaannee teenyee boo’uu, yookaan sana dagannee kaayyoof ka’uu!
.
Galatoomaa!
.
Barnoota dabalataa bashannansiisoo akkasii argachuuf
@Daawwite join godhaa!