Ani
.
Joonja'ees miti raata'ee
Basha'ees miti naata'ee
Qabaadhes miti kooree
Fagaadhes miti jooree
Fudhadhees miti saamee
Fidadhees miti waamee
Ol kaa'ees miti kuusee
Bineensas miti yuusee
Cabees miti meeladhee
Rukkutees miti eeladhee
Himatamees miti yakkamee
Dubbadhees miti dheekkamee
,
Maaliif garuu?
.
Natti jigu natti dabuu?
Walfuranii gadnaqabuu?
Nadarbatu na sakaaluu
Hordofanii na takaalu
Quba nyaatu ilkaan qaru
Daandii kootti kosii haru
Na hamatu natti malu
Karaa kootti dalga galu
Hamadhee nama yakku
Hojjetanii maaf na shakku?
.
.
Egaa anis
.
Jalaan qabu nan callisaa
Garaa kiyya nan bal'isa
Gumaan ba'u ofii kootii
Guddadhaa ta'aa mootii
.
Gaariin godhe daba seetuu?
Badii keessan natti feetuu?
Boroon taa'a karra cufee
Haa dubbatu waaqni dhufee
Ani maaliifan dunuunfadhaa?
Kaayyoo koon kunuunfadhaa!
Ani hin beeku sanyii akaa'uu
Daba keessan hin lakkaa'uu.
.
Amayu Tasisa
.
@Daawwite .......join...godhaa!
Facebook koo ... Dawite T Waktola... follow godhaa...!
.
Joonja'ees miti raata'ee
Basha'ees miti naata'ee
Qabaadhes miti kooree
Fagaadhes miti jooree
Fudhadhees miti saamee
Fidadhees miti waamee
Ol kaa'ees miti kuusee
Bineensas miti yuusee
Cabees miti meeladhee
Rukkutees miti eeladhee
Himatamees miti yakkamee
Dubbadhees miti dheekkamee
,
Maaliif garuu?
.
Natti jigu natti dabuu?
Walfuranii gadnaqabuu?
Nadarbatu na sakaaluu
Hordofanii na takaalu
Quba nyaatu ilkaan qaru
Daandii kootti kosii haru
Na hamatu natti malu
Karaa kootti dalga galu
Hamadhee nama yakku
Hojjetanii maaf na shakku?
.
.
Egaa anis
.
Jalaan qabu nan callisaa
Garaa kiyya nan bal'isa
Gumaan ba'u ofii kootii
Guddadhaa ta'aa mootii
.
Gaariin godhe daba seetuu?
Badii keessan natti feetuu?
Boroon taa'a karra cufee
Haa dubbatu waaqni dhufee
Ani maaliifan dunuunfadhaa?
Kaayyoo koon kunuunfadhaa!
Ani hin beeku sanyii akaa'uu
Daba keessan hin lakkaa'uu.
.
Amayu Tasisa
.
@Daawwite .......join...godhaa!
Facebook koo ... Dawite T Waktola... follow godhaa...!