Atoo kam filatta?
.
Biyya Awuroppaa 'Ermine' kan jedhamu bineensa tokkotu jira. Bineensi kun baayyee kan bareedu, rifeensa lallaafaa fi qulqulluu kan qabu yoo ta'u yeroo baayyee adamsamee midhaan irra kan gahuudha. Ta'us garuu akka salphaatti waan hin argamneef kan namoonni kiyyeessan malaani. Boolli isaa eessatti akka argamu erga qoratanii booda, yeroo inni achi keessa hin jirre deemanii utuu inni hin dhufin afaan boollichaa dhoqqee fi balfaa adda addaan balleessu. Isa booda bineensicha qabuuf lafa inni jiruu barbaadanii ari'uu eegalu. Innis yemmuu dhokatee isaan baqachaa gara boolla isaatti dhufu seensi boolla isaa xuriif dhoqqeen guutamee rifeensa isaaf qulqullina isaa waan jalaa balleessuuf gara keessaatti seenuu dhiisee ala dhaabbata. Isaa booda jarri sun haala salphaa ta'een isa ajjeesu. Qulqullina isaa lubbuu isaa calchifatee balfaa sanatti lixuu irra ala dhaabata. "Qulqullummaa yookaan du'a" ~ qajeelfama isaati!
.
Ergaa koo!
.
Har'a jireenya jiraannu keessatti kaayyoo keenya irraa, mana keenya irraa, deemsaaf mul'ata keenya irraa takkaalee nu hambisuuf karaa keenyaaf jireenya keenya naanneessee dhoqqee dibee faalamnee akka qaanoofnuuf, mucucaannee akka kufnuuf, cabnee akka hafnuuf, lubbuun illee akka bannuuf goodaa goree kan itti nu dhiibu danuudha. Namoonni dhoqqee fi balfaa qophaa'eef kaayyoo isaaniif saba isaaniif jecha didanii lubbuu isaanii qaalii aarsaa godhan bara keenya illee jiru. Kanneen garaa isaaniif jecha dhoqqeen faalamanii jiraachu filatanis hedduu argineera.
.
Atoo kam filatta? Jireenya kee keessatti dhoqqee naannoo kee dibanii itti si oofaniin qabamtee keessa jiraachu moo qulqullummaakeef hamma du'aatti dhaabachuu barbaadda? Jireenya hafuurakeen jabaattee dhaabattee gonfoo fudhachuuf moo mucucaattee kuftee hafuufi?
.
Waaqa isa qulqulluu ta'eef qulqullummaan akka jiraannuuf Waaqayyo hunduma keenya haa gargaaru!
.
@Daawwite .....join
@Daawwite .....join
@Daawwite .....join godhaa