SIN KEESSAA KAN FEDHA QABU EENYU?
.
Namichi haadaa yookaan funyoo hidhame irratti agarsiisa agarsiisuun goota harki rukkutameefiidha. Kanaafuu gamoowwan walirraa fagoo jiran lama gidduu funyoo hidhame irra yemmuu inni deemu namoonni daawwachuuf walitti qabamu. Guyyaa tokko garuu gochaa isaa duraa irraa waan adda ta’e tokko godhe. Meeshaa baatee funyoo sana irra deemuuf akka jiru beeksisa baase. Isa booda guyyaan isaa gaafa gahu ba’aa isaa baatee funyoo sana irra deemsa eegaluun haala ajaa’ibsiisaa ta’een xumure. Namoonni naannoo sana jiran harka rukkutuun, iyyuu fi siiksuun ajaa’ibsiifannaa isaaf qaban ibsan.
Waci sun guutummaan erga qabbanaa’ee booda namichi ajaa’ibsifattoota isaa gaaffii tokko gaafate. “Dandeettii kootti in amantuu? Jedhee gaafate. Shakkii tokko illee akka hin qabne sagalee tokkoon mirkaneessaniif. “Yoos egaa isin keessaa baadhee funyoo kana irra akkan deemuuf kan fedha qabu eenyu?” kan jedhu gaaffii itti aanu yeroo inni gaafatu sagaleen duraan ture hunduu cal jedhe. Namoonni sun utuma dhagaa’aanii duudaa fakkaatan.
Yeroo kana garuu mucaan xiqqaan tokko booda namootaatii iyyaa gara namichaatti fiiguu eegale. Mucichis “Ana abbaa koo, anaan baadhuu cee’I!” jechaa gara namichaa dhufe. Edaa mucichi kan namichaa ture. Mucaa dandeettii abbaa isaatti amanu tokkicha.
Ergaan koo kunooti :
Nuti baayyeen keenya karaa abbaa carroomoo miti. Faarfannaan keenya illee abbaa siin hin jedhu abbaa irra naaf caaltatti kan inni baay’aatuuf kanaafiidha. Abbootni baayyeen gita abbummaa isa macaafni qulqulluun kaa’u kanneen guutan miti. Kanaaf Waaqayyoon abbaa keenya jechuun nutti ulfaata. Ta’us garuu Waaqayyo abbaa kee inni ta’e sun haala kam keessayyuu baatee si dabarsuuf amanamaa waan ta’eef isa irratti of gati. Phaawuloos yeroo dubbatu “Abbaa keenya” jennee Waaqayyoon in waamanna jedha. Egaa abbaa keessan isa ta’e Waaqayyo irratti soda tokko malee jireenya keessan isa irratti dhiisaan dhaamsa kooti!
Galatoomaa!
Daawwitee dha!
.
Join ....@Daawwite
Join .....@Daawwite
Join ...........@Daawwite
Join ...............@Daawwite !