Yaa waaq firoota koo irraa na eegi...
.
Jecha kana kan dubbate filoosofera biyya Faransaayi Voolteridha.
.
Wiliyaam Sheekispiir barreeffama isaa waa'ee 'Juuliyees Qeesaar' barreesse keessatti akkas jechuun seenaa mata duree armaan olii kanaan wal qabatu seenessa.
Gootota adunyaan keenya kun horatte muraasa keessaa tokko nama beekamaa biyya Roomaa Juuliyees Qeesaariidha. Waa'ee goota kanaaf fiilmiin hojjetameera, seenaan barreeffameera, hanga har'aatti illee waan hedduutu jedhamaaf.
Yoom illee namni guddaan diina dhabee jiraachuun waan hin yaadamneef Juuliyees Qeesaaris diinoota baayyee qaba ture. Akkuma diinoota baayyee qabu kana firoota baayyee qabu keessaa immoo nama akka garaa isaatti jaallatu michuu Biruutis jedhamu qaba ture.
Diinoonni isaa kunis Juuliyeesiin ofii isaaniitii balleessuun waan hin yaadamneef karaa nama inni michuu godhatee balleessuu yaadan. Haaluma kanaan gargaarsa isaa akka barbaadan itti himuun guddinni biyya isaanii Roomaa sababa Juuliyeesiin akka gufate isa amansiisuun michuu isaa isa amanu jaalala biyya isaaf qabuuf jecha akka ajjeesu waliif gale.
Diinoonni isaa karaa duubaa dubbii isatti xaxaa erga turanii booda guyya tokko keessaa guyyaa tokko Juuliyees guddichi biyyi nagaadha jedhee utuu daandii irra adeemaa jiruu isa irratti wal gahaan. Innis ariitiif siyaa'ina nama ajaa'ibuun ofirraa isaan qolate. Ta'us garuu gidduu kanatti michuun garaa isaatii sun Biruuti cuubee isaa gadi baasee gaafa isa keessa baasu Juuliyees Qeesaar aadaa sagalee isaa harkisee (Et tu Brute?) "Atis moo Biruuti ?" jechuun ofirraa qolachuu dhiise. Isa booda achumaan kufeetu dhuma jireenya isaa ta'e!
.
Obbolootako :
Qeesaariin kan ajjeese jabina diinota isaa osoo hin taane ganuu michuu isaa ture. Atis moo gaafa jedhe sana hammam akka michuu isaatiin ganamuu isaaf gadde ifaadha. Har'a hedduun keenya hanga ormi nu miidhee irra madaa firri numadeesse hedduu qabna. Baayyee fira keenyaa fi michuu keenyaa abdannee itti hirkannee kan cabne baayyeedha. Akkuma biyyaattu fira kolfaa deemuutu numiidhe malee alagaan laga gamaa dhufe nun cabsine!
.
Diina keessan irraa isinuu of eegduu fira keessan irraa waaqni isin haa eeguun kadhannaa kooti!
.
Daawwiteedha!
.
@Daawwite ....join
@Daawwite ..... join
@Daawwite ..... .join godha