#Dura_Bu’ootaaf,
#Barsiisotaaf,
#Admin
-----------------------------------
Yeroo baay’ee wanta afaan keenyaan namootatti dubbannuu fi gorsinuun faallaa taanee argamna. Barsiisaan tokko akka barsiisetti hin jiraatu taanaan yookiin waan barsiise sana hin fakkaatu taanaan akkasumas jireenyi isaa barattoota isaatiif fakkeenyummaa gaarii hin qabu taanan barsiifni/haasofni isaa gatii hin qabu. Hojiirra oolchuuf miti gorsa isaa dhaga'uuniyyuu gurratti hin tolu. Nama hin kakaasu. Hojii itti dadhabee hojjetu kana irraas bu’aan inni argatu tokkollee hin jiru. Amala barsiisaa irraa wanti gadheen mul’achuu akkasumas barsiisa isaatiin faallaa ta'ee argamuun isa irra hin jiru.
Namni fuulduratti bahee dhalootatti karaa argisiisu jireenya isaa qulqullinaan eeggachuu qaba. Yoo kana hin taane immoo amalli hamaan dura bu'aa, barattootatti darbuu waan maluuf, gara milkaa'inaatti gaggeessa utuu hin taane qilee buusuu danda'a. Kuni immoo barsiisuu utuu hin ta’in balleessuu dha.
#Gaggeessaan, #dura bu'aan, #barsiisaan yoomiyyuu dubbii dubbatuuf amanamummaa qabaachuutu irra jiraata. Nagaan Oolaa!
@Gech_Ab
@Dirree_Yaadaa