DIRREE YAADAA


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Yaadni bu'uura waan hundumaati! Nu waliin hojjechuu namni barbaadu kamuu @Gech_Ab or
@Getpostbot dubbisuu ni danda'a. Dirreen kuni kan hundi keenya irraa barannuu fi ittiin walbarsiifnu dha.

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Maaliif milkaahuu dhabdee?
...........
Adunyaa kanarratti keessumaa Afirikaa keessatti namoonni hedduun milkaahuu,sooromuu,Hayyuu ta'u fedhu garuu yaadni isaanii Qilleensaa abootu ta'e hafa hawwiin nama hedduu abjuu qofaa ta'a maaliifi ?
1 waan hindandeenye yaaluu
Yeroo jennu lafa feete gahuuf gatii kanfaluun dirqama gatiin kanfaltu taanaan milkaahuu hin yaadiin barataa hedduun dafee hojii qabachu fedha garuu barachuu,quhachuu waan kamuu gochuurra qorumsa hatee milkaahuu fedha galma gahuu yeroo dadhabu haga lubbuu ofiitti murtessuutti gaha
Milkaahuuf,sooromuuf hatuutti ykn daandii qaxxaamuratti hin amaniin yoo hojjette mil'uu ykn sodaa malee jiraatta.
2 dhibaahumma
Yeroo heddu waan har'a hojjetamuu boriif kaahachu
Akkuma gootichi oromoo baran beekaan Barre olkeenya jedhe gaafa carraa hojjechuu argatan humna,qarshii,yeroo,beekumsaa osoon qusatiin yoo fayyadamaan wanti milkii hinfidne hinjiru.
Hub. Gaafa yeroo argatte hojjechuu yoo baatte boru deebite hojjechuu dadhabuu dandeessa ykn humna guddaa sigaafata
3 hindandahu jechuu
Addunyaa kanarratti waanti dadhabamu hinjiru hindandahu yoo jette hindandeessu sababnisaas waan sidandeessiisu kamuu hojjechuurra boodaatti of deebista waan ta'eef
Nan dandaha yoo jette nidandeessa sababnisaas waan hojjechuu feeterratti qaama ilaallatu irra odeffanno barbaachiisu fudhatte deemsa kee itti fuftaa waan ta'eef
4 Firaaf qarshii dhabuu
Kun sababa nama hedduuti garuu dhugaan lafarra jiruu kana miti fkn Bilget sooressi addunyaa kana hoteela galee hojjechaa barate....
Har'a essa akka jiruu hundaaf ifa
5 Abdii kutachu kuftes akka kaatuu hin shakkiin Bayidan president America Amma yoo mucaansaa du'eyyu qorumsa heddu haga aangoo qabatetti milli isaalle cabee dorgomees yoo kufeyyu abdii kutanna malee lafa hawwiisa gahe.....
.............................
....fi kkf gufuu milkaahinaati


Dirreen ati qabdus tokkuma ta'ee,dirreen ati irratti injifatamtus isuma yoo ta'e,
dirreen haaraa siif hin barbaachisu. Sababni isaas dirreedhuma qabdurratti injifachuuf shaakaluu jalqabuu qabda.
Dirreen injifannoo baatee si eegu hin jiru.
Sammuu injifannoof gara dirree seenutu jira malee.
Dirreen itti injifatanis ta'e itti injifataman dirree sammuuti.
Dirree sammuukerratti akka injifatttu of amansiisi.
Yoos ni Milkoofta!
@Icando1
Madda:kan dubbisnerraa.


MAALLAQNI:
▬▬▬▬▬▬▬
⁃ Mana malee, maatii hin bitu!
⁃ Siree malee, hirriiba hin bitu!
⁃ Kophee malee, miila hin bitu!
⁃ Amartii malee, jaalala hin bitu!
⁃ Fuullee ijaa malee, ija hin bitu!
⁃ Qoricha malee, fayyaa hin bitu!
⁃ Rasaasa malee, jireenya hin bitu!
⁃ Cubbuu malee, qulqullummaa hin bitu!


@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


Milkaa'insa kee keessatti dhiibbaan adda addaa si mudachuun waan hin oolle dha.

⁃ Utuu hin miidhamin wanti argachuu dandeessu waan salphumatti baduu fi sirraa fudhatamuu danda'u qofa dha.

⁃ Dhiibbaa fi hanqina si mudatu hunda moo'attee keessa darbuun cimina kee siif mirkaneessa.

Karaaleen ittiin rakkina sitti dhufu too'achuuf si gargaaru tooftaalee barbaachisoon beekuu qabdu ni jiru.

❍ Rakkina si mudate tokko keessaa bahuuf tooftaan inni jalqabaa rakkina kee beekuu miti.
❍️ Hamma rakkinni (diinni) kee gahu xiinxalii sirriitti qayyabadhu!
❍️ Rakkinicha, diina yookiin gufuu guddina keetii gadi xiqqeessii ilaali!
❍️ Dandeettii qabdutti amani!
❍️ Akeeka qabaadhu!
Akeeka kee hojiitti hiiki!


@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


😎Dubbisaa😎
Mucaan tokko magaala kessaa akka nama maraatee nama kessaa hulluqaa fiigee nama tax lixuuf deemuu tokko itti marmee " Barsiisaakoo! Barsiisakoo! Na yaadattani? Jedhee sagalee rom'aan itti dubbate. Barsiisichis xiqqo ergaa itti yaaden boodaa lakki dhugaa si hin yaadadhu jedhee deebiseef.
Mucichis Arifacha akkas jedhe " Ani waggaa 13 duraa barataa kessanin turee isin barsiisaa cimoo turtan, kanan ittin isin irraanfachuu dadhabee guyyaa tokko anatu saa'aati harkaa hiriyaa Koo hatee, mucaan sunis nama saa'aati isaa hate waan dhabeef dhufee isinitti himate. Isinis dhuftani akkas nun jettan " Hundumti keessan keenyanitti galagalaati jilbeeffadhaa harkaa keessan immoo waaqatti olqabaa ijaa kessanin immo junuunfadhaa nu jettaan. Hundumti keenyaayyu keenyanitti galagallee jilbeenfannee junuunfanne harkaa keenyaa ol qabne🙌isinis tooraa jalqabaa irraa kaatani saa'aati Sana sakkatta'uu jalqabdan. Saa'aatin sun garuu borsaa Koo keessa turee. Anis lafaa lixuun dhabee. 🙂Barsiisaa kun saa'aati kana yoo nakeessatti argee ijollee kana fuulaa duratti na salphisa. Ijollenis natti kolfiti akkamittan ijaa barattotaa kana fuulaa duraa dhaabadha jedheen yaaddoo keessattin lafa dha'ee. Kana boodde hin baradhu jedheen abdii kutadhe. Isinis utumaa sakkattaatani dabareen ana biraa ga'ee rukkuttaan onnee Koo baay'ee dabale. Na sakkatta'uu jalqabdan suutaa jettani harkaa keessan boorsaakoo kessaa galchitani saa'aati Sana borsaa Koo keessa fuutan. 🙆‍♀🙆‍♀🙆🙆wayyoo Nan salphadhee kana boodde yoom achii na baasa barsiisan kun jedhen dhiphina kessaa galee🙂 Isin garuu homaa utuu hin dubbatin saa'aati Sana fuutani sakkatta'uu ittuma fuftani, akka hanni Koo ana irratti hin baramneef barattoota hundumaa ergaa sakattatanin boodaa saa'aati Sana barataa sanaaf deebistan. Situ hatee jettani garuu ana hin saaxillee, Anis gochaa guyyaa Sana irraa baradheen Hanna dhiisee. Silaa utuu guyyaa gaafa Sana ijollee duratti na salphistanittu ta'ee barumsaa Koo addaan kuteen har'aa jireenyaa kararraaf saaxilama turee. Amma garuu kunoo ebbifamee hojii barbaaddachaan jiraa jedheen. Baarsiisaako Ammahoo na yaadattani jedheen 😢 Barsiisichis guddaa raajeffatee Taate Sana Nan yaadadha saa'aati boorsaa mucaa tokkoo kessaa fuudhukoo Nan yaadadha😚garuu mucaa hate Sana dhugaa dubbachuuf hammaa ammatti hin yaadadhu jedheen. Mucichis barsiisichatti marmee galateeffate.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa

@Tashejcfl


Wanti ati har'a hojjettu borutti firii godhata.
Kan wanta gaarii hojjetuuf firii gaariitu argama,kan wanta hamaa hojjetuuf firii hamaatu argama. Mee ilaali;mukti abukaadoo abukaadoo buufata, mukti hiddii hiddii buufata..
Kanaafuu ati hoo maal hojjetaa jirta? Hojiin ati guyyaadhaa guyyaatti hojjettu borii keef maal argamsiisa? Har'a wanta gaarii hin hojjenne taanan,bor gaabbii furmaata hin qabne gaabbita! Gaafa ummuriin kee waggaa 60 ol ta'e, teesset gaabbita! inni wanta gaarii hojjette garuu gammachuutu sitti dhaga'ama. Seenaa NOOBELII yaadadhaa!


"Waan Beeknu Ni Dubbanna
Waan hin Beekne Ni Baranna."


@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


You must be to know this, ok!


"Carraa moo carraaqqiitti amantaa?" Mata duree jedhu irratti ibsi bal'aan kan yaada Namoota adda addaa walitti qabate akka dhiyaatu ni barbaadduu?
@temesgengudeta


Wanti hundinuu si diduu danda'a. Akka ati yaaddes siif ta'uu dhiisuu danda'a. Jireenya barbaadde jiraachuuf maal gochuu qabda?

→→→→↓↓↓↓↓

Yeroo baay'ee yaadni namoota tokko tokkoo dammaqaa fi qophaa'aa waan hin taaneef taatee har'a jireenya isaa irratti mul'atu keessaa bahee nama addaa ta'uu danda'uun isaaf gaaffi dha. Na dhaga'i sittan himaa! Boru akka har'aa miti. Wanta har'a mul'atu qofaan jireenya gara fuulduraa ilaaluun tarkaanfii ofiitti daangaa gochuu dha. Namni tokko hamma lafa kana irra jiraatutti waa'ee ofii isaatiif ilaalcha nama milkeessuu danda'u qabaachuu qaba.
⁃ Ani hin danda'u.
⁃ Ani kana booda abdii hin qabu.
⁃ Galma gahuuf humna hin qabu.
⁃ Ani kana booda du'uufan jira. Arraba ittiin ofirratti dubbannu hin too'annu taanan dhugumaan milkaa'inni keenya mamsiisaa ta'a. Egaa amma waan siif malu tokkon sitti hima. Oolmaa kee guyyaa guyyaa irratti jechoota gammachiisaa fi guddinaaf karaa banan, labsii haaraa ofirratti labsuun gara hojiitti bobba'uu qabda. Haalota humna nama buusanii fi abdii kutachiisaa ta'an irraa fagaachuu qabda. Kan si ajaa'ibu keessaa inni tokko, namni biroo kan siin mormu caalaa ofii keetiin kan ofiin mormitu yaada gola sammuu kee keessaa sitti wacu injifachuuf yoo murteessite addunyaan kuni qabee si dhaabuu hin danda'u!
Itti fufa...

@Getu_Abera


@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


GALATOOMAA!

Nu waliin hojjechuuf kaka'uumsa guddaa qabdaniif galata guddaa qabdu! Hanga ammaatti #Admin lakkoofsaan 20 ol ta'an waliin hojii eegalleerra!

Namoonni barnootaa fi gorsa mata duree adda addaa irratti barbaaddan akkasumas hojii keessan guyyaa guyyaa irratti mudannoo isin mudatan tooftaa kamiin moo'achuu akka dandeessan irratti yaada waliin corree isin gargaaruuf qophiidha. Yeroo itti aanutti #Adminota keenya waliin wal isin barsiifna.

Channel kuni barattootaaf, daldaltootaaf, qonnaan bultootaaf, hojjettoota garee kamiitiif, qaama mootummaatiif daran ni barbaachisa.

@Getu_Abera

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


#Dura_Bu’ootaaf,
#Barsiisotaaf,
#Admin
-----------------------------------
Yeroo baay’ee wanta afaan keenyaan namootatti dubbannuu fi gorsinuun faallaa taanee argamna. Barsiisaan tokko akka barsiisetti hin jiraatu taanaan yookiin waan barsiise sana hin fakkaatu taanaan akkasumas jireenyi isaa barattoota isaatiif fakkeenyummaa gaarii hin qabu taanan barsiifni/haasofni isaa gatii hin qabu. Hojiirra oolchuuf miti gorsa isaa dhaga'uuniyyuu gurratti hin tolu. Nama hin kakaasu. Hojii itti dadhabee hojjetu kana irraas bu’aan inni argatu tokkollee hin jiru. Amala barsiisaa irraa wanti gadheen mul’achuu akkasumas barsiisa isaatiin faallaa ta'ee argamuun isa irra hin jiru.

Namni fuulduratti bahee dhalootatti karaa argisiisu jireenya isaa qulqullinaan eeggachuu qaba. Yoo kana hin taane immoo amalli hamaan dura bu'aa, barattootatti darbuu waan maluuf, gara milkaa'inaatti gaggeessa utuu hin taane qilee buusuu danda'a. Kuni immoo barsiisuu utuu hin ta’in balleessuu dha.

#Gaggeessaan, #dura bu'aan, #barsiisaan yoomiyyuu dubbii dubbatuuf amanamummaa qabaachuutu irra jiraata. Nagaan Oolaa!

@Gech_Ab

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


Dogongora kee Osoo si hin miine dura gaafa addaan baafattu Daftee furmaataan dhaqqabnaan milkoofte!

Yaa Rabbi warra dogongora ofii hubatu nu godhi. Sirreessuufis dandeettii nuuf kenni!

@DIRREE_YAADAA


☞︎︎︎ "𝐀𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐬𝐢 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧, 𝐡𝐚𝐦𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐢𝐢𝐧! 𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐟 𝐛𝐚𝐫𝐢. 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐟 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐝𝐡𝐮, 𝐨𝐟 𝐝𝐡𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐝𝐡𝐮..... 𝐭𝐢𝐥𝐦𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐧 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐬𝐢𝐭𝐮 𝐨𝐟 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚. "
@temesgengudeta
Maddi: Kan dubbisnerraa.

@Dirree_Yaadaa




😕 Warri sammuun dadhaboo dhiifama gochuu hin jaallatan, Hubataan garuu abbaa dhiifamati👌
Dhiifama gochuun Bilisummaa sammuu fida.

Guyyaa Gaari 🙋

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa




BAGA NAGAAN GARA DIRREE YAADAA TTI DHUFTAN! ✋

╔╦╦╦═╦╗╔═╦═╦══╦═╗
║║║║╩╣╚╣═╣║║║║║╩╣
╚══╩═╩═╩═╩═╩╩╩╩═╝
🤝 ANAA DHUFU! 🤝

Channel kuni namoota yaada kaka'uumsaa fi milkaa'inaa qabaniin kan hundeeffamee fi namoota nu waliin hojjechuu barbaadan hundumaaf balballi keenya banaa dha.

Haaluma kanaan guyyaa guyyaadhaan yaadolee fi sagantaalee keenya dadammaqiinsaa fi milkaa'insaa namoonni argachuu bardaattan join gochuun dhangaalee keenya irraa akka hirmaattan kabajaan isin affeerree jirra.
Yaada yoo qabaattan yookiin gaaffii karaa link armaan gadiitiin nu argadhaa!
@Gech_Ab
@Getpostbot

Admin taatanii nu waliin hojjechuu kan barbaaddan @Getu_Abera dubbisaa!

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa


Channel kana irratti Yaadolee kaka'uumsaa fi milkaa'insaaf nama onnachiisu qopheessuun dhiheessina. Yaadoleen channel kana irratti gadhiifaman hundinuu karaa kamiiniyyuu
⁃ Siyaasa,
⁃ Amantii,
⁃ Yaada dhuunfaa irraa bilisa kan ta'ee fi namoota addunyaa irra jiran hundumaaf kan barbaachisuu fi hirmaachisuu dha. Dirree kana irratti hundumti keenya yaada onnachiisaa fi milkaa'inaaf karaa argisiisan, qophiilee nama bohaarsan, abdii namatti horan, walitti fidnee, waliin taanee, kan wal irraa barannu, walbarsiifnu, karaa xinsammuu fi beekumsaan itti guddannu dha.

@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa



20 last posts shown.

492

subscribers
Channel statistics