๐Dubbisaa๐
Mucaan tokko magaala kessaa akka nama maraatee nama kessaa hulluqaa fiigee nama tax lixuuf deemuu tokko itti marmee " Barsiisaakoo! Barsiisakoo! Na yaadattani? Jedhee sagalee rom'aan itti dubbate. Barsiisichis xiqqo ergaa itti yaaden boodaa lakki dhugaa si hin yaadadhu jedhee deebiseef.
Mucichis Arifacha akkas jedhe " Ani waggaa 13 duraa barataa kessanin turee isin barsiisaa cimoo turtan, kanan ittin isin irraanfachuu dadhabee guyyaa tokko anatu saa'aati harkaa hiriyaa Koo hatee, mucaan sunis nama saa'aati isaa hate waan dhabeef dhufee isinitti himate. Isinis dhuftani akkas nun jettan " Hundumti keessan keenyanitti galagalaati jilbeeffadhaa harkaa keessan immoo waaqatti olqabaa ijaa kessanin immo junuunfadhaa nu jettaan. Hundumti keenyaayyu keenyanitti galagallee jilbeenfannee junuunfanne harkaa keenyaa ol qabne๐isinis tooraa jalqabaa irraa kaatani saa'aati Sana sakkatta'uu jalqabdan. Saa'aatin sun garuu borsaa Koo keessa turee. Anis lafaa lixuun dhabee. ๐Barsiisaa kun saa'aati kana yoo nakeessatti argee ijollee kana fuulaa duratti na salphisa. Ijollenis natti kolfiti akkamittan ijaa barattotaa kana fuulaa duraa dhaabadha jedheen yaaddoo keessattin lafa dha'ee. Kana boodde hin baradhu jedheen abdii kutadhe. Isinis utumaa sakkattaatani dabareen ana biraa ga'ee rukkuttaan onnee Koo baay'ee dabale. Na sakkatta'uu jalqabdan suutaa jettani harkaa keessan boorsaakoo kessaa galchitani saa'aati Sana borsaa Koo keessa fuutan. ๐โโ๐โโ๐๐wayyoo Nan salphadhee kana boodde yoom achii na baasa barsiisan kun jedhen dhiphina kessaa galee๐ Isin garuu homaa utuu hin dubbatin saa'aati Sana fuutani sakkatta'uu ittuma fuftani, akka hanni Koo ana irratti hin baramneef barattoota hundumaa ergaa sakattatanin boodaa saa'aati Sana barataa sanaaf deebistan. Situ hatee jettani garuu ana hin saaxillee, Anis gochaa guyyaa Sana irraa baradheen Hanna dhiisee. Silaa utuu guyyaa gaafa Sana ijollee duratti na salphistanittu ta'ee barumsaa Koo addaan kuteen har'aa jireenyaa kararraaf saaxilama turee. Amma garuu kunoo ebbifamee hojii barbaaddachaan jiraa jedheen. Baarsiisaako Ammahoo na yaadattani jedheen ๐ข Barsiisichis guddaa raajeffatee Taate Sana Nan yaadadha saa'aati boorsaa mucaa tokkoo kessaa fuudhukoo Nan yaadadha๐garuu mucaa hate Sana dhugaa dubbachuuf hammaa ammatti hin yaadadhu jedheen. Mucichis barsiisichatti marmee galateeffate.
๐๐๐๐๐๐๐๐
@Dirree_Yaadaa
@Dirree_Yaadaa
@Tashejcfl