Forward from: Islaamummaan Qaroomina!
Assalamualaikum warahmatullahi Wabarakaatuhu
Ilaa kana haa hubannu!!
بسم الله الرحمن الرحيم
°Jalqaba irratti maqaa rabbii mararfataafi rahmata godhaa ta'eenan eegala....
Namoota Islaamummaa kana kessa jiranu ta'anii osoo itti hin yaadin jecha jiruu isaanii balaa irra buusu jedhaa jiranuuf dhaamsa ni taati jedheen yaada.
•Yeroo hedduu namoonni baayyeen Yaada fedhii isaaniitiin waliif galu Amantii keessatti yommuu argan, Bakki kun naaf ta'eera Ennaa jedhan ni agarra. Kanarraa wanti hubachuu qabnu bakki naaf hin ta'in ni jira jechuu isaati. Garuu Amantii Islaamummaa keessatti Qoodanii itti amanuun gonkumaa hin danda'amu. Sababni isaas Amantiin kun qajeelfamni isaa kamiyyuun rabbii hundarra guddaa, beekaa fi jabaa ta'een nuuf kenname waan ta'eefidha. Kana jechuun waan ta'uu qabuufi ta'uu hin qabne isatu Beeka waan ta'eef ati murteessuu keessatti gahee tokkollee hin qabdu. Hanga muraasa qofatti amantee kaan ni didda taanaan ati haalli keessa jirtu haala wallaalummaan lubbuu Ofii miidhanuudha.
Mee waan Qur'aanni jedhu kana waliin haa ilaallu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا
Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane.Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.
Quran 33:36
Kanarra gabaabbinumaan wanti hubannu filannoo kenninaaf taanaan nuti nama rabbiifi ergamaa isaa S. A. W dide taanee argamna. Namni kana godhee argame immoo jallina ifa galaa kan jallina ta'uun isaa nama hin dhibne keessatti ta'a.
Maarree jechoota akkasii irraa of eeggannee, kaanis haa eegnuun dhaamsa kooti.
@islamumanqaromina