Islaamummaan Qaroomina!


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Chaanaala kana irratti Dhugaa,Cimina fi Qaroomina addunyaa keenya keessatti Islaamummaan qabu hubatta. Gara tamsaasa keenyaatti makami! Yaadaaf @faridfira

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: Daandii Milkii(Jennataa)
Aal-e-Imran 3:5-6

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَخْفَىٰ عَلَيْهِ شَىْءٌ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِى ٱلسَّمَآءِ

Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu.


هُوَ ٱلَّذِى يُصَوِّرُكُمْ فِى ٱلْأَرْحَامِ كَيْفَ يَشَآءُۚ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْحَكِيمُ

Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocu Haqaan gabbaramaan isa malee hin jiru [Inni] injifataa, ogeessa.

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1058


𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀!!

𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐮𝐮? 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐘𝐨𝐨 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐓𝐚'𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐮 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!!

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐓𝐞𝐤𝐧𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐓𝐚𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐋𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐓𝐮𝐪𝐚𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚!!

Ads: 👇👇
https://t.me/+6yGiMXEw3Nk1OWJk


Forward from: Gali Ababor
Warra Ibsa Barbaaddaniif

Yeroo ammaa baay'inaan dubartoota hijaaba uffatan, dhiira masjiidatti deddeebi'u, kan mallattoon Islaamaa irraa mul'atuun "sobduudha, nama gowwoomsuuf akkas godhatu, hijaaba keessa dhokatanii waa heddu balleessuuf..." kan jedhu ogga dhageessu, faallaa kanaa immoo warra salaata hin jabeessine, kan mallattooleen Islaamaa irraa hin mul'anne, dubartii ajaja Rabbii ifatti faallessituun "qalbiin jaraa qulqulluudha, nama dhugaati..." kan jedhu dhageessa.

Kun miizaanni haqaa gara galuudha. Nuti gubbaa namootaa ilaalla; keessa Rabbitu beeka. Nama gubbaa tolfate gaariitti yaadna. Nama gubbaan isaa ajaja Rabbii faallesse yakkamaatti fudhanna.

Namni ajaja Rabbii tokko guute kallattii sanaan warra ajaja Rabbii hin guutin ni caala, namni ajaja Rabbii tokko faallesse kallattii isii faallessee sanaan yakkamaadha. Keessoon kiyya gaarii waan ta'eefin badii kana hojjadhe jechuun gonkuma sirrii miti.

Nuti Keessoo namaa Rabbiif dhiifna; gubbaa malee keessa qorachuun ga'ee keenyaa miti.
Ws wr wb


إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُور
Gabroota Isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa. Dhugumatti Rabbiin injifataa, araaramaadha
[فاطر : 28]
@islamumanqaromina


Haalli har'a ati itti jirtu kun gaariis ta'ee badaa borii kee irratti Dhibbaa qaba. Borii kee irratti murteessuuf filannoon harka Kee jira. Akka taatu situ beeka.
https://t.me/Islamumanqaromina


Assalamualaikum warahmatullahi Wabarakaatuhu

Ilaa kana haa hubannu!!

بسم الله الرحمن الرحيم
°Jalqaba irratti maqaa rabbii mararfataafi rahmata godhaa ta'eenan eegala....
Namoota Islaamummaa kana kessa jiranu ta'anii osoo itti hin yaadin jecha jiruu isaanii balaa irra buusu jedhaa jiranuuf dhaamsa ni taati jedheen yaada.

•Yeroo hedduu namoonni baayyeen Yaada fedhii isaaniitiin waliif galu Amantii keessatti yommuu argan, Bakki kun naaf ta'eera Ennaa jedhan ni agarra. Kanarraa wanti hubachuu qabnu bakki naaf hin ta'in ni jira jechuu isaati. Garuu Amantii Islaamummaa keessatti Qoodanii itti amanuun gonkumaa hin danda'amu. Sababni isaas Amantiin kun qajeelfamni isaa kamiyyuun rabbii hundarra guddaa, beekaa fi jabaa ta'een nuuf kenname waan ta'eefidha. Kana jechuun waan ta'uu qabuufi ta'uu hin qabne isatu Beeka waan ta'eef ati murteessuu keessatti gahee tokkollee hin qabdu. Hanga muraasa qofatti amantee kaan ni didda taanaan ati haalli keessa jirtu haala wallaalummaan lubbuu Ofii miidhanuudha.
Mee waan Qur'aanni jedhu kana waliin haa ilaallu.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ وَلَا مُؤْمِنَةٍ إِذَا قَضَى اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَمْرًا أَن يَكُونَ لَهُمُ الْخِيَرَةُ مِنْ أَمْرِهِمْ ۗ وَمَن يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا مُّبِينًا

Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane.Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.
Quran 33:36

Kanarra gabaabbinumaan wanti hubannu filannoo kenninaaf taanaan nuti nama rabbiifi ergamaa isaa S. A. W dide taanee argamna. Namni kana godhee argame immoo jallina ifa galaa kan jallina ta'uun isaa nama hin dhibne keessatti ta'a.
Maarree jechoota akkasii irraa of eeggannee, kaanis haa eegnuun dhaamsa kooti.
@islamumanqaromina




𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐌𝐮𝐬𝐥𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐚𝐚𝐟 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐥𝐮𝐮𝐟 𝐐𝐨𝐩𝐡𝐢𝐢𝐧 𝐗𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐫𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐈𝐧𝐬𝐡𝐚𝐚 𝐀𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡 𝐘𝐨𝐨 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐅𝐞𝐝𝐡𝐞 𝐁𝐨𝐫𝐮 𝐍𝐢 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚!!

𝐇𝐢𝐫𝐢𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐓𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐖𝐨𝐥 𝐉𝐚𝐣𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐧𝐮𝐮.

𝐃𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐀𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐈𝐧𝐬𝐡𝐚𝐚 𝐀𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡 𝐆𝐚𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐒𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 4:30 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐚𝐬𝐞𝐞 𝐋𝐢𝐯𝐞 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐚𝐧 𝐃𝐚𝐫𝐛𝐮 𝐓𝐚'𝐚𝐚


Namoonni Amantii Kiristaanaa hordoftan keessattuu protestant kanneen taatan, soma hanga kana ga'u sobuutti maaltu isin kaase? Osoo Ustaazota wajjin haasawaa taasisaa jiranii Amantaa Muslimaa irraa gara Amantii kiristaanaatti akka jijjiirrattee turte dubbatti. Garuu dubbiin dhugaa miti. Akkana ture gaaffii hedduu sheekni gaafate keessaa tokko akkana jetti;Yeroo islaamummaa keessa turte sanatti yommuu salaattu waduu'a keessatti yeroo meeqa gadi Jetta jennaan yeroo 4 jettee seebisteef... Wuduu'a salaata seete bar sheeknis sammuu irratti hojjate. Kan biraan immoo Isa saatii 7:00tti salaatamu/Maghriba jettee waamte!
Maaloo Obboleeyyan Keenya Islaamummaa hanguma xiqqeessuu barbaaddaniin faallaa isinitti ta'a. Isinumatu xiqqaata. Yoo jibbitan callisaatii nu ilaalaa malee sobaa fi dhara uumtanii yeroo keessan hin gubinaan dhaamsa kooti!!
#Hub... Ragaa yoo barbaaddan asirran Isiniif kaa'a sagalecha...

@Islamumanqaromina


إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِالذِّكْرِ لَمَّا جَاءَهُمْ ۖ وَإِنَّهُ لَكِتَابٌ عَزِيزٌ

Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha

لَّا يَأْتِيهِ الْبَاطِلُ مِن بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِ ۖ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ

Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.

مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدْ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبْلِكَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ

Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru.Dhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati.

وَلَوْ جَعَلْنَاهُ قُرْآنًا أَعْجَمِيًّا لَّقَالُوا لَوْلَا فُصِّلَتْ آيَاتُهُ ۖ أَأَعْجَمِيٌّ وَعَرَبِيٌّ ۗ قُلْ هُوَ لِلَّذِينَ آمَنُوا هُدًى وَشِفَاءٌ ۖ وَالَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ فِي آذَانِهِمْ وَقْرٌ وَهُوَ عَلَيْهِمْ عَمًى ۚ أُولَٰئِكَ يُنَادَوْنَ مِن مَّكَانٍ بَعِيدٍ

Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan.(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni(Quraanni)warra amananiif qajeelfamaafi qoricha.Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira.Innis isaan irratti jaamummaadha.Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”
Alquran 41:40_43

@Islamumanqaromina


عن أبي هريرة رضي الله عنه ،
عن النبي ﷺ قال :

"لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ وَلَكِنَّ الشَّدِيدَ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الغَضَبِ".

[مسند الإمام أحمد].
Hadiisa Abaa hureyraan(( rabbi Isa irraa haa jaallatu)) ergamaa rabbii(sallallaahu aleyihi wasallam) irraa odeesse keessatti, Rasuulli rabbii akkana jedhan. "Jabaa namaa jechuun Isa humnaan nama kuffisu Sana osoo hin taane, jabaa namaa jechuun nama yeroo aariin isatti jiru miira Ofii to'ateedha/Of qabeedha".
@islamumanqaromina


𝑲𝒐𝒕𝒕𝒂𝒂 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒈𝒈𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂 𝑨𝒌𝒌𝒂 𝑯𝒊𝒏 𝑯𝒂𝒇𝒏𝒆𝒆

Namoonni sagantaa Har'a mata duree "Amala Nabi Muhammad  (SAW)" ustaaz Awel kesim qopha'e san tiktok deemtani dhageefachuu hin dandeenye live stream  Telegramaan daawwadha👇👇

https://t.me/Dhugaan_Dhufe?livestream=90158661eae6c20ea7


𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮 𝐀𝐥𝐚𝐲𝐢𝐤𝐮𝐦 𝐖𝐨𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐖𝐨𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡𝐮𝐮

𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐀𝐣𝐚𝐚'𝐢𝐛𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐈𝐝𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐃𝐡𝐮𝐟𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐃𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐮𝐮

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮 𝐁𝐢𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐃𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐬𝐚 𝐇𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐉𝐢𝐫𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐮𝐮!!

𝐒𝐚𝐠𝐚𝐧𝐭𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮

𝐀𝐝𝐬:👇👇👇
https://t.me/+VUGaT9pCfqI0YTk0


Video is unavailable for watching
Show in Telegram


Forward from: Ifa Islaamaa
#Daandii Jannataaf #Salawaata

عن عبدالله بن عباس رضي الله عنه قال قال رسول الله ﷺ «مَنْ نَسِيَ الصَّلَاةَ عَلَيَّ خَطِئَ طَرِيقَ الْجَنَّةِ» صححه الإمام الألباني رحمه الله

Namni Salawaata Narratti Buusuu Irraanfate Daandii Jannataa Irraa Maqeera

صحيح الجامع -6568 - أخرجه ابن ماجه (908)، والطبراني (12/180)

🛰 @ifaislaamaa

▪️Hadiisa Kana Ilaalchisee Ibsa Gabaabaa 👇


Forward from: 𝙵𝚄𝚁𝚀𝙰𝙰𝙽 𝙾𝙵𝙵𝙸𝙲𝙸𝙰𝙻
𝐘𝐄𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐖𝐀𝐀𝐐𝐀 𝐘𝐎𝐎 𝐉𝐄𝐍𝐍𝐄 𝐄𝐄𝐍𝐘𝐔𝐔𝐍 𝐘𝐀𝐀 𝐀𝐁𝐁𝐀𝐀 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐄𝐄 𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐀𝐀 𝐌𝐄𝐄 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔


"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”."
[Luqaas 22:42-44]

Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ?

"Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama."
[Maatewos 27:46]

[Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”]
(Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55)

Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan;

❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama.

❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada
hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre.

❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu.

❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa.

❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6]

❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu.

❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13]

Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef.

Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi
haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira.

وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا

[Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157)

بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا

[Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158)

Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna.

𝐀𝐝𝐬 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬: 👇👇
https://t.me/Seyiful_Islam
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
https://t.me/Furqaan_Official


السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
اليوم يوم الجمعة صلو على سيدنا محمد صلى الله عليه وسلم


SEEQADHAA!!
Haadha manaatu Abbaa warraa isheetti aartee,Osoon gaafan sitti eerumu shayxaanatti eeruma jette.
Innimmoo bar akka qajeelfama amantii keenyaatti,Dubartiin tokko Obboleessa isiitti heerumuun dhorgaadha jedheen!!😁😁😁😁
@islamumanqaromina


Forward from: 𝐑𝐀𝐅𝐈𝐈𝐐𝐔𝐋 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌 🇸🇩
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐀 (𝐊𝐀𝐃𝐇𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀) 𝐈𝐘𝐘𝐀𝐒𝐔𝐔𝐒 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒


𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒕𝒂𝒂𝒔𝒊𝒔𝒖𝒖𝒏 𝒆𝒆𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂!!

https://t.me/Rafiiqul_Islaam

Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee; hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati.  Inni gabricha Gooftaa tokkichaati. Yesuus yoo Gooftaa kan ta’u taate, Gooftaan inni waaqqeffataa ture sun eenyuudhaa?

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 6:12]
"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 14:23]
"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."

[𝐌𝐚𝐚𝐭𝐢𝐰𝐨𝐨𝐬 26:36-44]
³⁶ Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.
³⁷ Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee; gadduu fi yaadaan dhiphachuutti ka'e.
³⁸ Yommuus, "Lubbuun koo hamma du'atti baay'ee gaddite; isin as turaa anaa wajjinis dammaqaa!" isaaniin jedhe.
³⁹ Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate.
⁴⁰ Kana booddee gara bartoota sanaa dhufee, rafanii isaan arge; Phexrosiin immoo, "Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee?
⁴¹ Qoramatti akka hin galleef dammaqaa kadhaahaa! Hafuurri illee dhimmaa dha; foon garuu dadhabaa dha" jedhe.
⁴² Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.
⁴³ Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge iji isaanii itti ulfaatee ture.
⁴⁴ Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate.

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 1:35]
"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate."

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 14:35]
"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "

[𝐌𝐚𝐚𝐫𝐪𝐨𝐨𝐬 6:16]
"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 5:16]
"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke."


[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 9:18]
"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 11:1]
"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko,
"Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 18:1]
"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."

[𝐋𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬 22:41]
"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;"

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'e nuuf mirkaneessanii jiran. Inni ergamaadha malee gooftaa miti.Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu. Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee Rabbummaa mataa beeksisee hin turre.

👉 𝐋𝐚𝐦𝐦𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐊𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚𝐟𝐢𝐢 𝐓𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐉𝐞𝐭𝐭𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚?

👉 𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐧𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚𝐚 𝐊𝐮𝐧𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐓𝐮𝐫𝐞 𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐈𝐧𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐟 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐦𝐨𝐨 𝐎𝐟𝐮𝐦𝐚 𝐈𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐎𝐟𝐢𝐢𝐬 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐞𝐞?

https://t.me/Rafiiqul_Islaam/1022


Forward from: Hope Promotion
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2

Ads: 👇👇👇👇
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk

20 last posts shown.