Abidda of irraa dhaamsanii ka'anii nama irraa dhaamsu!
Mootummaan Xoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemadiin durfamu biyya keessattis alattis abidda ofitti qabsiisaa oola. Mootummaa gubee of barbadeessuu irratti xiyyeeffatudha.
Biyya keessatti uummata waliin nagaa hinqabu. Biyyoota ollaa waliinis naga maleessa mootummaa kan ta'e mootummaan Xoophiyaa, shira siyyaasaa yeroo garaa garaatti uumee lubbuu ilmaan iyyeessaan kumaaraa taphachuu barbaada. Isa kanaaf itti dammaquu barbaachisa.
Seenaa dhuma irraa qabee hanga har'a waan ijaan argaa jirruutti uummata keenya lola hinfeesifne keessa galchuudhaan akka uummati ajandaa halagaa qabatee socho'u taasisuu irratti dalagama. Isa kana amma sichi uummati ifachuu qaba. Ilmaan Oromoof lola Oromoo hinilaallanne keessaa baahuu barbaachisa. Lolli yeroo qaba, ammatti uummati lolli isaa mootummaa waliini. Mootummaan uummatatti osoo hinaraaramin lola biyyoota ollaa xuxxuquunis uummata ko'omsuuf (Busy) taasisuuf waan akeekkate fakkaata isa kanatti dammaquu wayyiti. Uummata ajjeesaa, uummata hidhaa uummataan na cina dhaabbadhu jechuun hintaatu.
Biyya isaa keessatti abidda waraana mootummaan itti qabatee jiru of irraa dhaamsuun dirqama Oromooti. Mootummaanis abidda ofitti qabsiise kan dhaamuu hindandeenye keessa seenee jira. Kana booda fala waan qabu hinfakkaatu. Gubatee barbadaa'uudhaan nagaan uummataa dhufa. Mootummaa shiftaa irreen qaba jedhee dhaadatu yeroo uummati dacheetti maku dhiyoodha. Isa kanaaf ammoo uummati keenya of qopheessee itti seeneera. Oromoon sabboonummaa isaa du'a jalaa baraaruuf qabsootti jira. Oromummaa isaa dhabama irraa baraaruuf qabsootti jira.
Uummati eenyummaan irraa molqame eenyummaa isaa deeffachuuf qabsaa'a. Uummati eenyummaan irraa molqame of kabachiisuuf qabsaa'a. Kanaafuu ajandaan Oromoo ammaa Oromiyaa diigama irraa baraaruudha. Qabsoo ofii tikfachuudha.
Oromoon abidda of irraa dhaamsuutti jira. Yeroo utuu abiddi isa gubuu qaama biraa irraa abidda dhaamsuuf socho'u hinqabu.
https://telegram.me/GamtaaBarattootaOromoo