𝐉𝐀𝐀𝐋𝐀𝐋𝐋𝐈𝐊𝐄𝐄 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀𝐃𝐇𝐀.
1Yohn: 4;15-19
Haala ilaaltee nan jaalanne
Gadi jettee lafaa na fuute
Rakkoo hunda dandeessee
Lubbuukoof darbitee duute.
Yommuu haalli ulfaatu
Na dhiistee nan gattu kophaa
Jaalallikee amanamaadha
Gammachuu of keessaa qaba.
Waadaan kee anaaf waadaadha
Turee bulus hin haalamu.
Yeroo isaatti raawwatamee
Ijjikoo in arga garaa diina kootii waadamu.
Hinuma ta'a naaf dubbiin kee
Haalotarra hin dhaabbanne
Gaaffii kadhata kootii
Jira ammayyuu, fuula kee duraatii hin banne
Situ na beeka
Dhugaan kan koo siif mul'ata.
Cimina koof hanqina koo
Si qofaatu naaf hubata.
Dadhabbii koo natti ilaaltee
Hanqina koon na hin lafaftu.
Gammachuu kootti naaf dhuftee
Guyyaa gaddaa narraa hin haftu.
Ilaalcha koo naaf jijjiirtee
Yoon an kufe ol na kaasta.
Badii keessatti nan dhiistu
Jireenyatti achii ol na baasta.
Kan na danqe naaf mijeessuun
Yoon mudhuke na gargaarta
Rakkoof balaa hammaattu keessaa
Daftee lubbuukoo baraarta.
Sagalee kee jireenyaan
Jajjabeessaa anaaf taatee,
Na moosistee na boonsita
Yoo rakkoon anatti baay'ate
Akkuma jaalalaan na waamte
Jaalalaanis na simatte
Ulfina na eeggatuufis,
Qajeelummaa kee naaf laatte.
Kanaafiyyuu
Homtuu gargar nun baasu
Gonkumaa natti hin dhiyaatu
Kan gargar nu baasuuf asaasu.
Situ kankee na godhate
Dhiiga qulqulluu dhaan na bitee
YESUS koo, sirraa gargar nan baastu,
Biyyi lafaa hangamiyyuu yoo iyyite.
𝑅𝑜𝑜𝑚:8 37-39
𝑯𝒐𝒎𝒕𝒖𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒂𝒓𝒈𝒂𝒓 𝒏𝒂𝒏 𝒃𝒂𝒂𝒔𝒖
𝓦𝓪𝓪𝓷 𝓭𝓾𝓫𝓫𝓲𝓯𝓽𝓪𝓷𝓲𝓲𝓯 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓪 𝓭𝓪𝓬𝓱𝓪𝓪 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓲𝓯𝓪𝓶𝓪𝓪
Abdiisaa Guddaa ✍️✝️📖
1Yohn: 4;15-19
Haala ilaaltee nan jaalanne
Gadi jettee lafaa na fuute
Rakkoo hunda dandeessee
Lubbuukoof darbitee duute.
Yommuu haalli ulfaatu
Na dhiistee nan gattu kophaa
Jaalallikee amanamaadha
Gammachuu of keessaa qaba.
Waadaan kee anaaf waadaadha
Turee bulus hin haalamu.
Yeroo isaatti raawwatamee
Ijjikoo in arga garaa diina kootii waadamu.
Hinuma ta'a naaf dubbiin kee
Haalotarra hin dhaabbanne
Gaaffii kadhata kootii
Jira ammayyuu, fuula kee duraatii hin banne
Situ na beeka
Dhugaan kan koo siif mul'ata.
Cimina koof hanqina koo
Si qofaatu naaf hubata.
Dadhabbii koo natti ilaaltee
Hanqina koon na hin lafaftu.
Gammachuu kootti naaf dhuftee
Guyyaa gaddaa narraa hin haftu.
Ilaalcha koo naaf jijjiirtee
Yoon an kufe ol na kaasta.
Badii keessatti nan dhiistu
Jireenyatti achii ol na baasta.
Kan na danqe naaf mijeessuun
Yoon mudhuke na gargaarta
Rakkoof balaa hammaattu keessaa
Daftee lubbuukoo baraarta.
Sagalee kee jireenyaan
Jajjabeessaa anaaf taatee,
Na moosistee na boonsita
Yoo rakkoon anatti baay'ate
Akkuma jaalalaan na waamte
Jaalalaanis na simatte
Ulfina na eeggatuufis,
Qajeelummaa kee naaf laatte.
Kanaafiyyuu
Homtuu gargar nun baasu
Gonkumaa natti hin dhiyaatu
Kan gargar nu baasuuf asaasu.
Situ kankee na godhate
Dhiiga qulqulluu dhaan na bitee
YESUS koo, sirraa gargar nan baastu,
Biyyi lafaa hangamiyyuu yoo iyyite.
𝑅𝑜𝑜𝑚:8 37-39
𝑯𝒐𝒎𝒕𝒖𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒂𝒓𝒈𝒂𝒓 𝒏𝒂𝒏 𝒃𝒂𝒂𝒔𝒖
𝓦𝓪𝓪𝓷 𝓭𝓾𝓫𝓫𝓲𝓯𝓽𝓪𝓷𝓲𝓲𝓯 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓪 𝓭𝓪𝓬𝓱𝓪𝓪 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓲𝓯𝓪𝓶𝓪𝓪
Abdiisaa Guddaa ✍️✝️📖