Faayidaalee Callisuu ykn yeroo callisaa
==
✓1.Of beekuu dagaagsa. Yeroo callisaa qabaachuu amaleeffachuun carraa keessa ofii dhaggeeffachuu yaada ofii xiinxaluu fedhiifi gatii ofii hubachuu namaa kennuun gadi fageenyaan of beekuu nama dandeessisa kanaan yeroo yerootti kaayyoo jireenyakee galma gahumsakee akka yaadattu irratti deebitu sigodha.
✓2.Muddama/stress hir’isa.Yeroon callisaa yaaddoo hir’isuu fi tasgabbii miiraai guddisuuf gargaaruu danda’a. Yeroon callisaa fiigicha jiruu idileerraa bilisa nama godha, sirni marsaa dhiigaa namaa akka tasgabbaa’uu godha, hormoonii kortisoolii jedhamu akka hir’atu gochuun muddama / stress namarraa hir’isa, nama qalbii guutuun tocho’u nama gochuun jireenya muddama keessa hin galle yoo gales dandeettii dandamachuu qabu nama godha. Kanaan fayyaa xiinsammuufi qaamaaf gahee olaanaa tapahata.
✓3.Dandeettii hubannaa sammuu guddisa. Namootni yeroo callisaa ofii kennan of-hubbannaa olaanaa qabu, dandeettii waan fedhan irratti xiyyeeffachuusaanii fooyya’aafi qulqulleessanii yaaduu qabu waan taheef dandeettii waa hubachuufi murtoo fooyya’aa kennuu qabu, kalaqxummaan isaanis olaanaadha.
✓4.Hariiroo Cimsa: Callisuun caalaatti dammaqinaa fi xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu kan si dandeessisu siʼa taʼu, kunis wal hubannaa fi walitti dhufeenya fooyyaʼaa akka qabaattu si gargaara.Yeroo tokko tokko, callisuun kabajaa fi hubannoo kan argisiisu siʼa taʼu, kunis namoota kaan wajjin walitti dhufeenya jabeessuuf harka ni kenna.Callisuun waldhabdee laaffisuu keessatti meeshaa cimaa ta’uu danda’a.
Kanaaf namni hundi guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30’f wacaa jireenyaa keesssaa of baasuun, bakka tasagabbii qabu kan bilbilli, ‘social media’n isa hin jeeqnetti callisaan hargansuu isaa qofarratti xiyyeeffachuu amaleeffachuun fayyaa xiisammuufi qaamaa fooyya’aa tahe argachuu danda’a.
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU!
©Kilinika Meelbaa
Odeeffannoo biroof 👇
@MentalHealthMedia1