#Karaalee_5n_Gaa’ela Dura_Bilchina Qabaachuu qabnu!
Bilchinni ulaagaalee ijoo gaa'elaaf barbaachisan keessaa tokko.Sababni isaas gaa'elli daa'immaniif osoo hin taane warra bilchaataniif waan ta'eef.
➡️Gaa'elatti seenuun dura karaalee 5n kannin bilchina qabaachuu qabna:
✅1.Bilchina Qaamaa![Physical Maturity]
Gaa'ela dura qaamaan guddachuu Fi bilchaataa ta'uun dirqama.Kanaaf,garmalee hin muddamin yeroo kee fudhadhuu guddadhu!Qaamaan bilchina qabaadhu!Qaamni kee guutummaatti akka guddatu eeyyami.Yeroo isaatti wanti hundu ni danda'ama.
✅2.Bilchina Hafuuraa![Spiritual Maturity]
Hafuuraan guddachuu ykn bilchaataa ta'uun bu'uura waan hundaati.Hafuurri Kee foon Kee akka too'atu gochuu qabda.Gaa’elli hidhata hafuuraa qaba.Sababoonni gaa’elli baay’een isaanii hin milkoofneef tokko haguuggii waaqummaa waan hin qabneef.
✓Gaa’elli waaqayyoof toluu fi gammachuu qabu seexanaaf sodaachisaa dha.Kanaaf gaa'ela dura jireenya hafuuraa kee irratti xiyyeeffannoo godhi.Of kenni!Mucaa waaqa dhugaa ta'i.
✓Dhimma hafuuraa irratti bilchaataa ta'i! Kadhannaa taasisi.Waaqa wajjin walitti dhufeenya qabaadhu.
✅3.Bilchina Miiraa![Emotional Maturity]
Miirrii gaa'ela diiguu ykn tolchuu akka danda'u beekuu qabda.Miiraan bilchaataa ta'uun qaroomina.
➡️Hubannoof:
✓Yeroo dhiironni tokko tokko gara jabummaadhaan haadha manaa isaanii reebanii, rukutanii fi waraanani lubbuu baasan hin dhageenye❗
✓dubartoonni tokko tokko akkamitti abbaa warraa isaanii hirriiba keessatti waraananii akka ajjeesan hin dhageenye❗
✓Namoonni inaaffaa qaban tokko tokko akkamitti abbaa/haadha manaa ofii irratti asiidii akka naqan hin dhageenye❗
Taateewwan kun hundi harki caalaan isaa miira ofii too’achuu dadhabuu irraa kan ka’e ta’uu danda’a.Miirrii gaa'ela mancaasu ykn tolchuu akka danda'u hubachuun akkamitti akka bilchina miiraa qabaattu baruu Fi beekuu qabda.Leenjii garaagaraa fudhachuu Fi kitaabolee haala too'annaa miiraa,aarii fa'an si barsiisan dubbisuu qabda.
✅4.Bilchina Sammuu![Mental Maturity]
Dubbii fi gochi keenya haala bilchina sammuu keenyaa mul’isa.Yeroo haasofnu ykn gocha tokko raawwannu daa'ima ykn nama guddaa ta'uu keenya agarsiisaa jirra.
✓Gochi Fi dubbiin keenya Sadarkaa bilchina sammuu keenya mul'isa.Sammuudhaan hammam bilchina akka qabdu qulqullinni murtoo fi filannoo keetii ni murteessa.
✓Filannoo fi murtoon gaa'ela keessatti taasistu fayyaleessa akka ta'uuf sammuudhaan bilchaataa ta'uun filannoo sirriidha.Sammuun bilchaataa ta'uuf kitaabota dubbisi, gorsaa Fi muuxannoo fudhadhu, dandeettii sammuu kee bal’isi,Yoo dandeesse gorsaa qabaadhu...kkf.
✅5.Bilchina Maallaqaa!
Bilchinni maallaqaa maallaqaan bilisa ta’uu fi of danda’uudha.Madda galii kee qabaachuu danda’uu Fi bu’aa argamsiisuu fa'a wajjin wal qabata.Gaa'elli itti gaafatamummaa maallaqaa qaba,hin dogoggorin.Fuudhuuf illee qarshiin si barbaachisa!
✓Liiqeeffattee fuudhuu/heerumuu qabdaree? Booda hoo!Of fannisuu? walhiikuu? hiiikamuu?Hidhamuu? Hudhamuu?...kkf
Nuu haa oolchu!🙏
Kanaaf gaa'ela dura maallaqaan bilchina qabaachuuf daldala ta'ee ogummaawwan adda addaa barachuu fi madda galii qabaachuun barbaachisaadha.
➡️ #Xiyyeeffannoo! Obbolee/ttoo! ❤️
Gaa'ela waaqayyoof tolu,fayyaalessaa Fi milkaa'aa yoo barbaadde dursitee qaamaan, sammuun,miiran,hafuuraa Fi maallaqaan bilchaataa ta'uun abshalummaadha.
Odeeffannoo biroof:
✓Facebook👇
www.facebook.com/MentalHealthMedia1✓Telegram👇
@MentalHealthMedia1Yoo jaallatan hiriyoota keessanii qoodaa!
Galatooma!❤️
©Baeki Mare [Mental Health Professional]