🚨Intalli abbaa Duulaa Gammadaa abbaa warraa ishee waliin ukkaamfamtee gadhiifamuuf qarshii miliyoona 16 gaafatamte.
Tibbana Maatiin Abbaa Duulaa Gammadaa hukkamsamuun maallaqa gaafatamuu isaa miidiyaaleen gabaasaa jiru. Qondaala mootummaa olaanaa, nama paartii OPDO gadi dhaabuurraa qabee PP duuba jiraachuun isaa himamu abbaa Duulaa jalaa maatiin hidhattootaan ukkaanfamuun barameera.
Namootni ukkaanfaman Intala Abbaa Duulaa Aadde Soorettii fi Abbaa Manaa ishee Obbo Mootii yoo ta'an, namootni ukkaanfaman hiikamuuf qarshii miliyoona 16 kaffaluu akka qaban gaafataman jedhame.
Ta'us intalli abbaa Duulaa Gammadaa abbaa isheetti bilbilachuun namoota ishee ukkaamsan tohannaa jala oolchisuu dandeesseetti jedhame. Qarshii gaafatamte osoo hin kaffalin hiikamuu danda'uu ishees ibsame.
Kanneen ishee ukkaamsan akka isheen maatii aangaa'otaa taate hin beeknu jechuu isaaniis EthioForum gabaasee jira.
Maddeen odeeffannoo akka jedhanitti gareen gocha kana raawwatan miseensa humna addaa Oromiyaa (VIP jechuun kan of-waaman) yoo ta'an, taateen kun Mojootti uumamuu isaa gabaafameera.
@sammuukeef