Shamil N Mohammed Officials


Channel's geo and language: Indonesia, Indonesian
Category: not specified


Chaanaaliin kun

Sammuukeef si fayyada
Itti dhihaadhaa qabaa
Bashannanaafi barnoota
Hunda isaatu qabaa.
Facebook:
https://www.facebook.com/shamilnmohammed?mibextid=ZbWKwL
Yaadaaf: @Gurrachicha

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Indonesia, Indonesian
Statistics
Posts filter


Barreessaan Chaarlis Bukowuskiin akkana jedha, “Ilma namaa wanti barbaachisu hunduu abdiidha, wanti nama jibbisiisu abdii dhabuudha!” jedha. Niicheen ammoo akkana jedha, “Dhugumatti, abdiin waanuma hamaa hunda keessaa hamaadha (osoo waan gaarii hin taane hunda walitti qabanii, abditu caalaa hamaadha; akka jechuuti.), sababni isas abdiin yeroo rakkoo namatti waan dheeressuufi.” jedha.

Mee kamtu sirriidha? Moo jarri lachuu sirrii miti? Dhuguma abdiin rakkoon kan guutameedha. Waan wahii yoo kan sirritti hawwitee abdattu tahe, (akka buqqetti) cinqamta. Garuu, osoma si cinqu sitti tola. Falaasfaa Amantii Kiristaanaa fi Barsiisaa Amantii kan ture Phaawlos akka jedhutti, jaalalli abdiif amantis ni caala jedha. Garuu dhugumaa? Kana isinumti kallattii keessaniin deebii kennaafii. Abdii keessa jaalalli (hawwiin) jiraa? Akka buqqetti (sirritti) malee. Amantii keessa hoo jaalalli jiraa? Ani hin beeku, garuu jaalala caalaa sodaan waan keessa jiru natti fakkata.

Duuba gaa, falaasfota baay'eef abdiin homaa miti rakkoo irraan kan hafe; garuu warra ogummaa qabaniif abdiin bu'uura waa hundaati. Adaduma falaasama barataa deemtuun, abdi-dhabaaf amanti-dhabaa taata; waan hedduu qorattuufii waan wantoota controversial tahan dubbiftuuf abdiif hawwiin kee gaduma bu'aa deema. Ogeessota biratti hoo? Abdiin kee dabalaatuma deema, sitti tola. Namoota ogummaatiifii barreessitoota Raashiyaa (kan lamaan isaanii walitti qaban) ogummaaf falaasama yeroo walitti makan argina. Amantiin hoo? Abdii qullaadhaa mitii? Bara meeqa kadhattee, meeqaaf deebii argatte? Garuu, still- Amantiin sababa mataan isheetuu abdi taheef abdii sana hin kutattu. Dubbiin jabduudhaa beeki WALLAHI!

Dubbii Shawshank Redemption kanaanin mataa hidha.
❝Hope is a dangerous thing. Hope can drive a man insane❞

Bonsa Hussen
Galatoomaa!

@sammuukeef




🚨Intalli abbaa Duulaa Gammadaa abbaa warraa ishee waliin ukkaamfamtee gadhiifamuuf qarshii miliyoona 16 gaafatamte.

Tibbana Maatiin Abbaa Duulaa Gammadaa hukkamsamuun maallaqa gaafatamuu isaa miidiyaaleen gabaasaa jiru. Qondaala mootummaa olaanaa, nama paartii OPDO gadi dhaabuurraa qabee PP duuba jiraachuun isaa himamu abbaa Duulaa jalaa maatiin hidhattootaan ukkaanfamuun barameera.

Namootni ukkaanfaman Intala Abbaa Duulaa Aadde Soorettii fi Abbaa Manaa ishee Obbo Mootii yoo ta'an, namootni ukkaanfaman hiikamuuf qarshii miliyoona 16 kaffaluu akka qaban gaafataman jedhame.

Ta'us intalli abbaa Duulaa Gammadaa abbaa isheetti bilbilachuun namoota ishee ukkaamsan tohannaa  jala oolchisuu dandeesseetti jedhame. Qarshii gaafatamte osoo hin kaffalin hiikamuu danda'uu ishees ibsame.

Kanneen ishee ukkaamsan akka isheen maatii aangaa'otaa taate hin beeknu jechuu isaaniis EthioForum gabaasee jira.

Maddeen odeeffannoo akka jedhanitti gareen gocha kana raawwatan miseensa humna addaa Oromiyaa (VIP jechuun kan of-waaman) yoo ta'an, taateen kun Mojootti uumamuu isaa gabaafameera.

@sammuukeef






Forward from: Adem Dhalate
Ganda Beeyladootaa.pdf
4.2Mb
Kitaaba kana dubbiftoota hedduutu akkaan dinqisiifata. Umriin kitaaba kanaa dheertuu taatuus dulloomee totorra’ee mooratti hin galle. Ammallee heddu dhaadheyfama. Afaan Ingiliziin barreeyfame. Afaan Oromootti hiikameeti jira. Yoo isin feesise dubbisaa Ykn firraa dhiisaa.🙏
Chaanaala keenya kana link Asiin gadii tana huggu takka gad tuquun join godhaa‼️👇

https://t.me/ademchannel




Forward from: Dhaamsa Jaalalaa 💝
Life is XXX

🍃Yesterday is Xperience
🍃Today is Xperienment
🍃Tomorrow is Xpectation

So;

Use your Xperience in your Xperienment to achieve your Xpectation.

🍃Ergaan galgala kana argeedha!

Waa’ee hima kanaa gadi fageenyaan baruuf google irratti search godhaa!

🍃Nagaan bulaa!

@orolovechats




Seenaa Gabaabaa Weellistuu Nafiisaa Abdulhaakim
~
Weellistuu Nafiisaa Abdulhaakim Abbaa ishee Abdulhaakim Yaahyaa fi haadha Ishee Aadde Amaniituu Ibraahim irraa bara 1980 keessa godina Jimmaa aanaa Limmuu Gannat, Magaalaa Limmuu Gannatitti dhalatte. Weellistuu Nafiisaan Obboleettii Sittiinaa Abbaaduulaa yoo taatu, Sagalee baay'ee ajaabsiisaa qabachuun beekamti.

Bara 1994 gara Baandii Shanan Gibeetti makamte. Turtii baatii tokko hin caalle keessatti Album "Asaasee Roobee" baasan. Albama kana kan hojjatan Artistoota hardhallee maqaa gaarii Oromoo biraatti qaban kanneen akka Artist
Miliyoon Tigist
Margaa Tafarraa
Abdullaxiif Jemaal
Huseen Ibraahim
Raahimaa Ibraahim turan.

Bara 1999 Albama Lammaffaa
Mallooree (Haceenu Gibee) Jim sadeen irraa Artist Huseen Ibraahim, Nafiisaa Abdulhakim fi Ob. Milion Tigist ta'uun hojjattan. Bara 2000 tti gara Finfinnee Baandii Burqaa Buraayyiitti Artistoota Hawwii Tazarraa fi Muluu Baqqaalaa fa'a waliin makamte.

Weellistuu Nafiisaan Sirboota Qabsoo, Aadaa fi Jaalalaa walumaagalatti sirboota 32 ol Audio fi Video hojjateetti. Artistoota bebbeekamoo akka Kadir Martuu, Jireenyaa Shifarraa, Daani'el Badhaadha wajjinis sirbiteettu.

Sirboota Ishee keessaa kan jaallatamummaa guddaa qabu; Michuukoo
Yaadha Addooyyee
Jimmamoo Daabanaa
Boo'ee Boo'ee
Ansiyyoobee (Kadir Martuu waliin)
Riqicha Gibee
Awwituu Walakkaa Jimmaa
Gurbaa Silaa
Himi Himi
Loomayyaa
Shaayii Dammakoo
Asaasee Roobee
Indoo Jaalalaa
An Simalee
Keenya Dhaale (Tirrii) Jireenyaa waliin
Naaf Jettee Gubattee
Mimmi'eessituu Jaalalaa
Oromiyaa
Leelloo (Tapha ijoollee)
Achooyee fikkf.

Weelliftuu Nafiisaan rorroo mootummaan Wayyanee ilmaan Oromoo irraan ga'aa ture, ogummaa Sirboota Qabsoo sirbuun onnachiisaa turte. waggoota torba dura yeroo qabsoon Qeerroo haalaan finiinaa turetti, Woyyaaneen ilmaan Oromoo kumaatamaan ajjeeftee kaan manneen hidhatti guurtee dararaa turte. Weellistuu Nafisaanis ilmaan Oromoo tika Woyyaaneetiin ukkamfamanii mooraa leenjii waraanaa Xollayitti hiraarfamaa turan keessaa tokko turte.

Erga hidhaa irraa gad lakkifamtes hordoffiin diinaa waan itti cimeef lubbuu isii oolfachuuf biyyarraa baqachuun biyya Masrii Kaayiroo deemte. Bara 2010 keessa yeroo Dr. Abiyi gara aangootti dhufuun biyya Masrii deemee turetti, namoota Xiyyaara ofiin fuudhee deebi'e keessa tokko turte.

Waggaa afur dura yeroo Artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamu Abbaan Manaa Ishee Artist Eliyaas Wuhiib nama cimaa Gitaara fi Kiiboordii taphachuun beekamu jalaa wareegame. Yeroo ammaa Intala durbaa Ganna 14 kan qabdu Nafiisaan, qofaa Ishee daa'ima yatiimumma guddisaa mana kiraa keessatti rakkataa jirti.

Haa ta'u malee kiraadhuma sana keessa osoo jirtuu Abbaan manichaa akka keessaa baatu gaafate. Caarraa Koondomineemii Buraayyiitti gurmoofte turte namoota isii wajjiin gurmaa'anii baasuun Ishee qofa keessaa baasuun dhowwatan. Walumaagalatti Weellistuu Nafiisaa Abdulhaakim waggoota 28 ol Artii keessatti dabarsuun yeroo ammaa daandii irratti keessatti kuftee jirti. Kanaafuu yaa saba koo bor gaafan kufe naaf boo'uurra hardha na qaqqabaa isinii jetti.
👇
Namoonni gargaaruu barbaaddan
Baankii Daldalaa 1000071696956

Baankii Siinqee- 1053180660118
Lakkoobsa bilbilaa Ishee 0954826113

Share waliif godhaa....Galatoomaa

Nabaanii Shaafii

@sammuukeef




ABUBAKAR MUUSSAA

Walaloo koomedii isaa keeysaa qicamte...

Abbaan abbaa dhalee
Abaabuun lakkooysaa
Cittuu gubbaan raaree
Qaxaballaa ciisaa
Eeysumaa karkarroo
Hidhii ilkee dheeysaa
Ifuu quban qabuu
Adeerri jaldeeysaa

Citte calleen mormaa
Geeyse shaniin ormaa

1. Soogidda Soobiroo
2. Hasaassii
3. Taayoo
4. Halaydak

Halaydakuu ni hayree
Hammarro maa hayruu dhabe...

Itti fufti....

Abubakar Muussaa hayyuu Oromooti. Hayyuun beekaa oli. Seenaan hogguu si yaadatti.

Waloo, gaazexeessaa, koomeediyaana, barreessaa asoosamaa, barreessaa tiyaatiraa, barreeysaa diraama (doo'ii), falaasaa fi qabsaa'aadha.

Osoo hayyummaan burraaqee hin quufin abbaan irree dardarummatti qaxara cabse. Du'aa isaatillee awwaalcha hanqisee soora bineensaa godhe.

Guddina Afaanii fi Ogbarruu Oromootiif gumaacheen daaddaan qabu. Asoosama, tiyaatira,koomedii fi doo'ii barreeysuu fi waltajjirratti dhiheeysuun isaatu mataadha. Raadiyoo Harariin dabarsaa ture. Garuu, hiree maxxansuu osoon arkatin qaxara caphe. Warra hin dhiheeysiniis barruun kaa'ee jira.

Gaaddisa gabroomsaa jalatti xoolaqee osuma roorrifamuu yeroo gabaabduu san keeysatti hojii turrin moofeeysinee fi seenaan hin irraanfanne hojjate.

Tooftaa dhiheeysa kurfii miidiyaa fi waltajjiitiin hanga arratti gaazexeeysaan isa gitu asin baane.

Miidiyaan biyyanaa arrallee tooftaa dhiheeysaa inni dhandhaareen sossoo'aa jiran. Ogummaa fi kalaqni isaa gariin bira hin gahamne. Kurfiileen inni dhiheeysu naman hifachiiftu. Bashannansiisaa nama barsiisa. Godaannisaa fi biluu gabroomsaatiiis taphuma keeysa bahata. Diinallee riqoo fi jechoota memmeeysaatiin fajaajeeysee akka isaan laaftutti ergaa isaa hin barre godha. Riqoodhaan waa hunda maraga. Artiin ija qabachuu Abubakar Muussaa keeysaan agarta.

Hundeeysaa Hawwisoo Afran Qallooti. Sossoo'a Afran Qallootiif abbaadha. Hawwisoon 4N Qalloo wallee Oromootiif abbaadha. Namni isaan dura wallee ammayyaatiin wallise hin jiru. Abubakar Muussaa 4NQ hundeeysuu qofa osoon taane, taakkaa duraa walaloo fi yeedaloo qindeeysee walliftoota hangafaatiif kennee akka itti wallisan godhe. Akkasiin babaqaalee, bakaloo guddisee xurree bane. Walliftoota gaafasii keeysaa wallisaan inni keeysaan hin dhawwaaqin hin jiru. Walliftoota hedduutu midhaan isaatiin wallise. Arraas ittiin wallisan. Walaloon isaa arraas haarawuma.

Itti fufa.....

Moonenuus Abduraman
Boorana
Nov 25, 2024

@sammuukeef




WAA 3 FAYYAA DHABE

Yoo barri hammaate waa sadii fayyaa dhabe ja'an.

1. Ibiddaa dhaamote
2. Bishaanii dheebote
3. Qorichaa dhukkubsate

Akka argaa dhageeytiin jettutti
1. Ibiddi dhaamote: DHUGAA
2. Bishaan dheebote: JOOLLEE
3. Qorichi dhukkubsate: JAARSA

Kanuma dhufuu nu yaabbataa
Gabrummaan gad nundhiifnee
Hanga harree harreen kortellee
Lukaan ifirraan dhiinne...

Je'e ja'an Jaarso Waaqoo

Namni dalluu dhabe
Maaf garaacha dhiqa
Namni waan godhu dhabe
Saabunaan soogidda dhiqa
Namni waan fedhu dhabe
Olla waliin tuqa

Hoolaan Adaloodhaa
Ka dirree yaa'u kanaa
Adal waraanan qabuu
Ka jirmaan yaa'u kanaa
Hinaafaan joolleen gahuu
Ka taa'ee boohu kanaa

Osoo maqa namaa dhooytuu
Maqaa kee dhoysita
Osoo mana nama deemtuu
Mana kee onsita

Shimbirroo kanniissaa
Ta dhihanni jiisaa
Waan boruu galataa
Takkaan sii odeeysa

Boorana qe'ee hangafaa..

Moonenuus Abduraman

BOORANA JIRRA

Nov,24,2024

@sammuukeef


KITAABA UMMATAAN ADDA EEGAN

Kitaabni kun osoo hin fagaanne ummatarraa guuramu qaba. Eeybi isaatiis asumatti osoo dhaabbattee gaariidha.

Dhibdeen seenaa teenyaa guddoon barreeysitoota seenaa dabsee fi ajjeesee barreeyse seeraan gaafachuu dhabuudha. Seenaan abbaa dhabuudha. Akka Oromiyatti seerri kun jiraachuu dhabuun isaanuu akka ifiif seenaa ajeeysan godhe.

Jaldhaaba rakkoo

1. Seenaa uumuu
☆Seenaa namni tokko uume tokko jalaa barreeysee ardiin faasadu jira. Kitaabban 4 oltu seenaa uumamte tanaan barraa'ee ummata keeysa jira. Seenaan tun takkalleen lafarra hin jirtu. Akka namni san ta'u qaba je'ee uume qofaatu jira. Namuu sanuma rima'a fuudhee akka seenaa dhugatti jaldhaabaan dabarsa. Inumaa ummata silaa seenaan irraa funaanamtu sanittuu isaantu akkana je'ee hima. Seenaan kijibaa ta hin jirre tun osuma afaanii fi kitaabaan waljalaa darbanii dhugaa taati.

2. Mala qorannoo fayyadamuu dhabuu.

Iddattoo, iddatteessuu, madda ragaalee, tooftaa funaansa ragaalee,meeshaa funaansa ragaaleeti fi kkf malee ija guduunfatanii seenaa barreeysan.

☆Keeysattuu madda ragaalee sirrii bira gahuu dhabuu. Kunis:-
Yaaxxinaa fi mala qorannoo tokko malee namoota seenaa hin beeynerraa carraan odeeyfannoo guuranii barreeysan. Humnaa fi yeroo qisaas godhuun eega hin hafin silaa manguddoo fi hayyoota seenaa dhugaa beekan iyyaafachuun odeeyfannoo funaanu qaban. Namoota seenaa beekanii fi warri seenaa katabu walin arkanne. Osoo manguddoo kuusa seenaa taatee fi hayyootarraa seenaa hin guurin namuma arkanirraa sababa ganda san ta'eef barreeysuun dogongora seenaa guddaadha uuma.

3. Ummata waa'ee isaa hin beeyneef seenaa barreeysuu.

Ummata keeysatti hin dhalatin, ka waa'ee isaa hin qoratin, ka waa'ee isaa hin dubbisinii fi ka keeysa hin beeyneef lafumaa ka'anii seenaa barreeysuun dhibdee guddoodha uumaa jirti.

Barreeysaan bakka fedhe ta'uus waan sanirratti yoo hubannoo qabaatee fi waan beekurratti barreeysuu ni danda'a. Garuu, waa'ee ummata sanii qorannoo gadifagoo godhu qaba. Amma haalli san hin jiru. Namuma arkanirraa odeeyfannoo guuranii mana maxxansattiin fiigan. Kun seenaa hankaaksuu fi balleeysuudha. Wanni amma ta'ees kanuma. Seenaa ifii abbaatu beeka, abbaatu barreeyfata.

3. Miidiyaa hawaasaa (social media) irraa katabuu
☆Miidiyaan hawaasaa luugama hin qabu. Abbaa fedheetuu irratti bulga'a. Akkuma waa hedduu irraa argatan waa heddu nama dogongorsiisa. Warra kanaaf maddi Facebook, Google fii YouTube faadha. Ija guduunfateetuma katabee maxxansa. Seenan asirraa guuramtu guutuu miti. Maraafuu, online ka'umsa godhattanillee ummata keeysa gad bu'aa madda dhugaatirraa waraabaa. Ammoo, online gargaaramuuniis gaariidha. Ta online irraa agartanii fi Ta ummata keeysa jirtuun wal simsiisaa.

4. Kitaabban qormaata malee katabamerraa garagalchuu

Kitaaba seenarratti barraa'e kamuu barruu teetiin gabbisuuf dubbisuun gaariidha. Ammoo, sirrii fi sirrii ta'uu dhaba sirritti miici. Barruu teetiin walqabachu qaba.
Kitaabban hedduun jibbarratti katabaman. Kitaabban hedduun ragaa male katabame. Kitaabban hedduun kitaaba ififuu ragaa malee fii jibbarratti katabame kanarraa katabame. Kanaafuu, seenaa guutuu ta'auu hin danda'u.

Kitaaba seenaa teenyaa hanga ammatti kitaaba sirrii hin agarre. Gariin haasawa namaati. Sanummaanuu guutuu miti. Kitaabni arraa kun moggaasa maqaaatirraa kaasee hanga seenaa keeysatti dogongora seenaa guddaadha qaba. Kitaabni arraa kun kitaaba dhalootaan adda eeguu qabnu.

Isiniitu qalbiin hin laalini malee, kitaabni kitaaba kana daranii kan karaa Bahaa kanarratti barraa'e mistakumi.Inumaa ka seenaa uume faatu jira.

Seenaa abbaa hin qabne abbaa fedheetu itti abbaadha. Tuffii.....

Seenaa abbaatu barreeyfata.......

Moonenuus Abduraman
Oromiyaa
Nov 17,2024

@sammuukeef




Warra Jalqaba baandii Afran Qalloo keessatti artii Oromoo jalqaban keessaa tokko akka ture himama. Hordoofaan bara Haayilee irraa kaasee hanga bara mootummaa Darguuti Sirba warraaqsaa fi sirba mirga ummataa falmu sirbuun beekama. Qabsaa'aa fi Artisti hangafa tahuu qofa osoo hin tahin, Hordoofaan gocha gootummaa yeroo hunda ummata Oromoo biratti ittiin yaadatamu tokko qaba. Waan dheeratuu dandayyuuf, Posti itti aanuuti maxxansine. Hordoofaan goota, gocha gootummaa Haacaaluu Hundeessaa bara 2010 waltajii galma barkumeeti raawwata san gocha fakkaatu, bara 1772ti, angawoota Darguu nama Nyaatoo tahan duratti qophii "Innaat Hagar Xirrii" jatturratti hojjachuun artistii goota tahu gochaan mirkaneesse, kan hanga arraa lubuun jiruu dha. Hordoofaas kan oromoof arjoome Oromoota Ituu, warra Qaalluu ti.

7.#Ahmad_Bishiidimoo;-
Seenaa isaa maxxansa keenya kan amma duraa keessatti keenyee jirra. Ahmad Bishidiimoo Namoota muraasa lubuun jiran kan qabsoo bilisummaa Carcaritti Elemoo faan jalqabamte keessatti hirmaannaa guddaa godhani dha. Goota joolummaarraa hanga bara guddinaa kanatti ilmaan oromootiif warreegama hammana hin jadhamne kaffalaa ture dha. Bara darguutis yeroo meeqa hidhame ture. Dararaa bara mootummaa woyyaanetillee isarra gahaa turte kan qaamaan argine beeknu dha. Hidhaa yeroo adda addaa qofa osoo hin tahin hanga qabeenya isaa guutuuti saamuu hundaatu irra gahe. Goota onneen hin dulloomne, sabboonummaansa hin raafamne, yeroo ammaa madda seenaa lola carcar Xirroo tahun dhalootaaf hayyuu waa dabarsaa jiru kanas kan Arjooman, ilmaan Ituu,warra Qaalluu ti.

8.#Haaji_Ahmad_Nuuree;-
Waa'ee Haaji Ahmad Nuuree maxxansa keenya kan torbee darbee irratti keenya waan jirruuf ilaaluun eenyummaa Haaji Ahmad Nuuree mirkaneefachuun ni taati. Isaas kan Sabaaf Arjoome Oromoota Ituu, Warra Qaalluu ti.

9.#AfandiiMuttaqii
Afandii Mutaqii Atiivistii, Ethnographera fi Hayyuu yeroo ammaa ummani Oromoo Hararghee qabu keessaa tokko fi adda duree dha. Seenaa ummata Oromoo, keessafuu seenaa ummata Oromoo Hararghee, Seenaa Sabaaf sablamooti baha oromiyaa barreessuun, kitaaboota 5ni ool hayyu gumaachuu dandayye dha. Akkumma Adeera isaa Ahmadtaqii (Hundee Dhaabaa), Akkumma Abbaa isaa Mutaqii fi Akkumma Akaakoo isaa Sheikh Mahammadrashiiditti, Afandii Mutaqiitis
Hayyuu, gootaa fi Activistii falmaa mirga dhala namaa irratti faayidaa fi qilleensaan hin raafamne dha. Dargaggoo Hayyuu tahe, kan yeroo ammaa ummanni Oromoo "Niqabna" jadhee ittiin boonu kanas kan sabaaf arjooman oromoota Ituu,warra Qaalluu ti.

8. #Mama_Afriikaa;- #Dr_Suad_Muktaar.
Dubartoota Hayyuu tahan Ciccimoo yeroo amma Oromoon qabdu keessaa takka Dr Suad Muktaari. Hayyuu Saayinsii Diinagdee ti. Suad Muktaar hojii enterprinershii hojjatuun nama bu'aa ol'aanaa galmeesse tahun, yeroo adda addaa sadarkaa Afriikaati nama badhaafamuu dandeesse dha. Yeroo ammaa Maqaa Mama Africa ja'uun, Telegrama fi Youtube irratti barnoota bilisaa kennuun akkamitti ummanni keenya hojii hojjatan kamiinuu bu'aa qabeessa tahu akka dandayyan, yaada qabaatee, otoo qabeenya harkaa hin qabne yoo akkamitti diinagdee horachuu dandesss? Kan jadhu fi Mata duree adda addaa Jiruu fi jireenya ummataa foyyeessuu danda'an irratti beekumsa qabdurraa ummata ishiitiif qoodun, namoota hedduun bu'aa akka argatan kan taasisaa jirtu, Hayyuu cimtuu hawaasa bilisaan fayyadaa jirtuu dha. Seenaa ishii bal'oo fuuldura kan itti dachaanu yoo tahu, Dr Suad Muktaar Maatii ishii kan Hararghee fi Walloo keessa jiraatan irraa kan argamte, Hayyuu Oromooni Ituu,warri Qaalluu sabaaf arjoomee dha.

Kan biraatis hedduutu jira. Arraaf kanumaan nuuf haa gahu. Isinitti dheereeseetiin jira. Na ofkoolchaa.
#Horaa_Bulaa
#Deebanaa.
ITUU POST ✍️

@sammuukeef


Elemoo Qilxuu fi qeerroon ganamaa biyya alatti erga leenjii argataniin booda, tan marsaa lammaffaa gara biyyaa seenan, iddoo qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo jalqabaatiif maqaa ABO jalatti dhukkaasa itti bananis carcar Xirroo filatanii akka jalqaban kan haala mijeesse, goota Onneen Guutuu Ahmadtaqqii dha.

Hundee Dhaaba osoo qabeenya hin ja'in, Dhaleetiin ilmaan hora osoo hin ja'in, Hardiimitti Elemoo faa Afaan bahee itti makamuun, qabsoo jalqabanii battala Xirroo gahan. Qabsoo bilisummaa Saba Oromoo maqaa ABO tiin jalqaban. diina irratti miidhaa takkaa dhaqabee hin beeyne geeysisuun, goota lubuu isaa sabaaf warreegama kaffale, Oromoo biraa guyyaa hin irraanfatamne qabaachuu danda'ee dha. Ahmadtaqiin Goota ifaa bilisummaa saba isaa tahuun, qabsoo walabummaa oromoo hammayaa tahe dhiigaan qabsiisuun, hadaraa dhalootaati kenne kanas kan oromoof arjooman, Ilmaan Oromoo Ituu, warra Qaalluuti.

4.#Artist_Abdii_Qophee.

Abdi Qopheen Ona Obborraa keessatti guddatus ilma Ituu kan warra Qaalluuti. Bara mootummaa Haayilasilaasee barataa Yuunivarsiitii finfinee yeroo tureti, qabsoo mirga walqixxummaa saba Oromoo keessatti hirmaachuu eegale. Abdii Qopheen kallattii sadiin ummata Oromootiif warreegama hammana hin ja'amne goota kaffale dha. Gara qabsoo bilisummaa Oromootiin, Finfinee hanga Dirree Dhawaati, Dirree Dhawaa hanga Biyyoota Ollaati, ammas biyy ollaati hanga biyya keessatti nama warreegama lubuu saba isaatiif kaffalee dha.

Gara Midiyaatiin afaan Oromoo fi ogbarruu afaan oromoo guddissuuf mindaa gad aanaan Raadiyoo Harar keessatti qaxaramuun hojii hin irraanfatamne hojjatee, kumaantamaaf fakkeenya guddaa nama tahe dha.

Abdii Qopheen Waan hunda caalaa Asxaa artii ummata Oromooti. Artii Oromoo namni lubuu itti hore, Artistoota Oromoo gurguddaa urjii ummata Oromoo tahan kan oomishee, Afaan Oromoo afaan artii bareedaa tahu akka tahe kan mirkaneesse hayyuu fi goota Oromoo, kan ummata oromoorraa ija banee jechuun ni dandayyama. (Seenaan Abdi Qophee bahara, yoo cilfaan waraabne malee toonee fixxuun hin dandeenyu). Goota Seenaan isaa himamee, barreefamee, fixxuun hin danda'amne kanas kan Ummata Oromootiif arjoome, Oromoota Ituu, warra Qaalluu ti.

5.#Artist_Qamar_Yuusuuf.

Qamar Yuusuuf nama osoo kutaa 10 baratuu, roorroo saba isarra gahu irratti qabsaa'uuf nama barnoota muree qabsooti galee, sababuma kanaan biyyaa bahuuf dirqamee ture. Qamar roorroo saba isarra jirtuuf qabsaa'ee dirqama biyyaa bahuu mudatuus, erga biyyaa bahes artii fayyadamee qabsaa'uu itti fufe. Akkumma ilma adaadaa isaa Abdii Qopheeti, Qamar Artii keessatti ergaa mirgi dhala namaa akka kabajamuu qabu dabarsuun, ummanni Oromoo akka mirga isaatiif falmattu kakaasaa ture. ammas itti jira.
"Qara Billooyni koo gamni lachuu.
Kaniin diina kootiin halaalchu.
Maallayyaa isaaniin wal fakkaachuu
Nu hin feenu isaan wajiin jiraachu....kan jadhu albama isaa kan jalqabaa keessatti sirba hedduu jaalatamaa fi hawaasa biratti fudhatama guddaa itti horate dha. "Minilik namaa miti bineensa" jadhe sirbuun warra diina ummata miidhe oromoorratti faarsuuf deebii cimaa, biyya kana keessatti gatii lubuu nama kaffalchiissuu dandeessu kan kenne waan yeroo dhiihooti. Qamar yuusuuf artii fi sirbi afaan oromoo ummata Oromoo bira darbee sadarkaa biyyaa fi adunyatti fudhatama dhagayyamuu akka argatu, gochuun hojii saba boonsu hojjatee jira. Qamar yuusuuf Qabsaa'aa dha. Artisti artii oromoo keessatti ashaaraa mataa isaa hambissuu danda'ee fi aktiivistii dha. Kana malees qamar Yuusuuf gara laafoo ijoolee Oromoo Maatii hin qabne baayyee nama barsiisuu fi guddisaa jiru dha. Artistii hammayyaa'aa fi artii Oromoo keessatti qooda guddaa qabu kanas kan ummata Oromootiif arjoome, oromoota Ituu, Warra Qaalluuti.

6.#ArtistHordoofaa_Kamaal.(Haacaaluu Hundeessaa bara Durii).

Qabsaa'aa mirga dhala namaati fi hangafoota artii Oroomoo jalqabani dha.


Sheikh Xalhaan Walloo keessatti akka malee waan barbaadamuuf, asuma lammii isaa keessa, ona ilmaan Murawwaa carcaritti deebi'uum, toora Naannoo Balbaleeytii fi Baddeessaatti Madrasaa hundeessuun diini fi Siyaasaa barsiisuuti seene. Bara Xaaliyaan Itoophiyaa weeyraru, Nafxanyarraa "Xaaliyaan barate kana wayya" jechuun gara Xaaliyaan hirriiree Oromoonni Ituu akka hidhannoo argatan godhan. Hanga bara 1936ti Sheikh Xalhaan Ona Ituu Carcar keessa, Toora Balballeetti ,Ganda Gooroo bakka ja'amtu ti du'aan addunyarraa akka boqqoote fi achumatti akka awwaalame himama(Yaanni kun sirriitti qulqullaa'uutu irra jiraata). Sheikh Xalhaan nama mirgaa fi walqixxummaa ummata Oromoo fi muslimaatiif biyya meeqa keessa jooree qabsaa'ee darbee dha. Dhalootaan walloo keessa tahus, ilma Ituu, warra Qaalluuti ture jadhu manguddoonni.

2.#Sheikh_Alii_Jaamii_Guutoo.
Nama jabaa Oromoon Ituu jaarraa 21 ffaa keessatti qabdu keessaa hangafa jechuun ni dandayyama. Abbaa Muudaa Caffee Gadaa Ituu bara 1880n ture. Sirna Muuda Abbaa Gadaa Caffee Gadaa Ituu Yahyaa Alii Siree isaantu gaggeesse jadhama. Erga Amantaa muslimaa fudhatan booda Hanga Walloo Daaniyyii dhaquun Diin baratanii deebi'an. Nama hidda dhalootaatiin Oromoo Ituu tahe fi Carcar keessaa Nama yeroo jalqabaatiif jiddu gala amantaa islaamaa hundeessee barsiisuu jalqabe dha. Nama sadarkaa Qaallummaa guutuu qabu fi QAADUREE QAALLUU ture yoo tahu, Seenaa Oromoo Ituu keessatti, Qaalluu muslima tahee sirna muudaa gaggeesse kan jalqabaati. Onni Ituu Ona itti dhufanii Diin keessatti baratan akka tahu gochuu kan jalqaban sheikh Alii Jaamiiti.

Qaalluu Muuda gaggeessu tahee osoo jiruu nama jalqabaa lola hogganuun caffee Gadaa Ituu tikse, Lola orgoobbaa wajiin gaggeefamee fi lola Galamsoo kan Waldagabreel itti Ari'anii Awaashitti itti dachaassan san nama qindeesse, jiraa lammii ti. Sheikh Alii jaamii Ulee Bokkuu Caffee Odaa Ituu Waldagabreelirraa deebi'ee booji'uun, Qubbii Busooytuu keessatti dhooysee waggaa 134 booda arralle akka dhalootaaf darbitu kan godhe dha.

2.#Ayyuub_Abubakar;-

Cirooti dhalatee guddate. Ilmaan Oromoo keessaa Nama yeroo jalqabaatiif Afaan Oromoo Raadiyoo keessaan tamsaase dha. Biyya keessatti Raadiyoon Afaan Oromoo akka hin banamne dhorkamnaan, umrii dargaggummaatiin Biyya soomaalee dhaquun, Mootummaa Somaaliyaa kadhatee, qophii tamsaasa afaan oromoo yeroo jalqabaatiif biyya somaalee keessaa tamsaase. Seenaa Midiyaa keessatti gaazeexxeessaa Afaan oromoo kan jalqabaati. Walooleessaa fi barreessaa cimaadhaasi ayyuub Abubakar. Mootummaan Haayilasilaasee sagantaa Ayyuub Abubakar Somaaliyaa irraa tamsaasuun, biyya keessatti ummanni irratti dammaquu waan jalqabeef, Warra humna tikaa itti ramaduun, Achuma biyya somaaleeti osoo bishaan daakuuti jiru ajjeefame. Goota fakkii dargaggoota Oroomoo miliyoonootaaf tahu dandayye dha Ayyuub Abubakar. Goota akkanaa kanas ilmaan Ituu, Warra Qaalluutu Oromoof arjoome.(Seenaa isaa Guutuu amma dura barreesine jira laalu dandeessu).

3.#Hundee_Dhaabaa; (#Ahmadtaqii_mahammadrashiid;-

Goota goota caalu, sabboonaa Oromoo qixxee hin qabne dha. Ahmadtaqiin Carcaritti dargaggoo abbaa qabeenya tahe cimaa ture. Osoo daldalaaf Carcarii fi Shaggar jidduu dadeebi'uu, Finfineeti Sabboontoota akka Elemoo Qilxuu fi Alii Birraa faa wajiin wal arge. Alii Birraa Giitaarii jalaa dulloome ture. "Akkamitti artistii keenya Giitaara caccaphaa fi dulloomaan deema" jechuun, Giitaara haarawa bitee kenneefii gargar bahe. Elemoo Qilxuu moo warra Habashaa wajiin waldhabee finfineeti hidhamee jiraachusaa dhageenyaan gara mana hidhaa elemoon jira jadhamutti imaluun, Kaffaltii barbaachissu kaffalee,wabii tahun Elemoo hidhaa baase.

San booda achumma finfineeti Elemoo wajiin roorroo fi dararaa saba isaanirra gahaa jirtuu fi akkamitti jalaa akka baasuu danadayyan mari'atanii, gargar bahan. Elemoon Gara Yamanitti deebi'ee jaarraa abbaa gadaa faa wajiin Waraana Adda Bilisummaa Oromoo hundeessanii, leenjissuuti seene. Hundee Dhaabaa carcar, Galamsooti deebi'uun ummata Oromoo ijaaruu jalqabe. Qabeenya qabuun meeshaa waraanaa bitee hawaasa Oromootiif raabse.


#Jajjaboota_Qaalluu_Ituu. #ilmaan_Murawwa

Akkumma Beekamu Ituu Kurnan Keessa tokko Qaalluu dha. Qaalluun Ituu ibidda Lama qabdi. Lameen #Hidhabuu fi #Beerri. Hidhabu Torba. Beerri Saddeeti. Mirrigga Carcar kan gosa Qaalluu Ituu keessatti akkana jechuun waa'ee hidda laatinsa Gosa Qaalluu Ituu dur jiru himu.

Tuqaa wayyuu innaa
Burree qeerreenssaa qabaa
Halngaa meetaa qabaa
Gootummaa finxee qabaa,
Beerii hidhabuu
qumbii nyaaraa qabaa
Addaa kallacha qabaa
Gurmuu cuuqaa qaba,
Yaayyaa tiilee uukkoodhaa
Mana wayyootii qabaa,
Tuqaa wayyuu innaayyee
Lammii siree Iyyaagee
Lammii dooyyoo diramuu
Niinnii wayyoo gumuroo
Hidhabu boruu Anduu
Beerii daadhii duree
Gowwaa himannaa beeynee
Manni isaa ulee.
Akka gaaddisa tolee
Akka Cina miidhagee
Qaalluyyee lammii tiyyaa
gama kee gara gale.
Areera lammii tiyyaa
Beerriye ibidd lamaa
Dhaalati fi Goona'aa
Hidhabuu ibidd lamaa
Areeroo fi Boonayya.
Hidhabuu lammiin torbaa
Beerriyee lammiin Saddeeti
Lama Qaalluu Manni duubatti hin hafne.

1. Beerre
2. Hidhabuu

1. Beerre (2)
1) Dhaalati fi
2) Goona/Goota'a

Dhaalat (4).
1.Dhanqa.
2.Diinni.
3.Dhaaya
4.Hurratti

Goona (4).
1.Manxe.
2.Silaalu.
3.Sibbu.
4.Himanuu.

2. Hidhabuu (2)
1) Areeroo fi
2) Boonayya

Areero (3).
1). Andu,
2). Saaluu,
3). Noola

Boonayyaan (4)
1.Wallooyyee,
2.Asheetee,
3.Didiimtuu
4.Iyyeega

;- jechuun mirriiggu. Mirrigni Heera hima, mirrigni foormullaa hidda laatinsa Oromummaa gosa takkaa hima. Mirrigni waan dur ture tokko dhalootaaf dabrsaa. Mirrigni kun arr'a guyyaa keessaa hidda gosa namaa abbumti fadhe ka'ee jiniiruu akka hin dandeenye nuuf mirkaneessa. ibidda ,Balbalaa fi warra gosa Qaalluu Ituu jala jirtu gafi faggeenyaan qorannee jirra. Fuuldura Kitaaba keessatti isiniif maxxansina.

Yeroo ammaa Gosti Qaalluu Ituu Bakka adda addaa qubatanii kan argaman yoo tahu, kun wanni taheef sababa mataa isaa kan ofdandayye qaba. Dur Gaafa Oromoon Waaqqeefataa turetti, Bareentuma keessatti, keessaaffuu Murawwaa, Humbannaa fi Qalloo keessatti muuda kan gaggeessuu fi kan sirna Muudaa adda addaa hoogganan Qaallu Ituuti waan tahef, tajaajiluma kanaa milkeessuuf jecha Qaalluun Ituu Ona Barreentuma bakka adda addaa akka qubattu caffee gadaa ituutiin godhamee ture akka Manguddoon Ituu himanitti. Gosti Qaalluu Keessaaffuu ibiddi Beerre irra guddaan Walloo kaasee, Obborraa, Anniyyaa fi Daga ,Naannoo erreri, Dirree DawaaFuuldura dabalatee iddoo adda addaa qubatanii jiru. Beerre Hangafa Qaalluu ti. Haa tahu malee, Onni Gosa Qaalluu handhuurti Galamsoo. Dur Galamsoo Ona Qaalluu jechuun kan beekamu kaabaa gara kibbaatti toora Bordooddee, Dirree Qaalluu irraa kaasee hardiimiin qabee, gubbaa qorichaa guutuutti fudhatee, achuumaan gad bu'ee bahaa gara dhihaatti immoo Haroo carcarii kaasee hanga Machaarraatti Ona Qaalluu #Galamsoo jechuun Ummata Oromoo Ituu keessatti Beekamti.

Seenaa Duubbee gosa Qaalluu Ituu bakka adda addaa jirtu tana hunda Dhaloota Jahaa hanga torbaa yoo ofduuba achii qorattee kan ilaaltu tahe, ka'uumsi isaanii dur bakkuma Ona Qaalluu jechuun ibsine kana akka tahe qorannoo hammayyaa malees, manguddoon ituu ni dubbatu. wanti iddoo ja'aame kanatti arr'aas lafaratti mul'atus kan nama agarsiisu kanuma.
Waa'ee ibidda gosa Qaalluu Ituu Erga hangana janne booda, Jajjaboota Ituu,Warra Qaalluu jaarraa 21ffaa gara ilaalutti achi tarkaanfanne.

1. #Sheikh_Xalha_Bin_Jaafar.

Sheikh Xalhaan Bara lola Adwaa yeroo hoggantooni Minilik Gurguddoon biyya keessa wal sassaabanii gara kaabaa deeman, inni Walloorraa gara Ona Ituu, Carcar dhufuun, qabsoo bilisummaa Carcar keessatti itti fufuuf yaalii nama godhan ture. Haamiid Ibroo (Akaakiyee Jaarraa Abbaa Gadaa), Alii Guraacha (Abbaa Loonii Caffee Gadaa Ituu kan ture) wajjiin tahun, Mootii Afaar kan yeroo sanii Mahammad Hanfarree bira dhaquun, Hanga jibuuti gahanii akkaataa meeshaa waraanaa qonsilaa biyya Faransaay kan jibuuti ture irraa bittaan itti argatan soqan. Osoo milkaa'an tahe, otoo anga'ootiin Minilik Adwaarraa gad hin deebi'in hararghee too'achuuf ture. Garuu Faransaay Oromoo caalaa Minilik waan filataniif yaanni Sheikh Xalhaa osoo hin milkaa'in hafe.

20 last posts shown.