Forward from: LOOKOO JALAALA
𝑨𝒔𝒐𝒐𝒔𝒂𝒎𝒂 𝑮𝒂𝒃𝒂𝒂𝒃𝒂𝒂
𝑪𝒐𝒑𝒉𝒂 𝑱𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂
𝑲𝒖𝒕𝒂𝒂 1𝑭𝑭𝑨𝑨
…Ana of hin argineef ishee walakkaadhan natti
mul’achaa jirtu malee, nama biroo arguun hedduu natti
ulfaate. Hirriba jireenya dhaabbii. Al tokko tokko
ammoo abjuu. Miilli koo socho’uu dhabayyuu fuulli
keenya lamaan daran akka magneetii bantii
garaagaraatti wal harkisuu isaa itti fufe. Humna
baay’ee laafaa tahe tokkoon xiqqoo ishee yoon
duubatti of harkisu garuu natti dhagahama. Miira
isheemmoo tilmaamuun na dhibe; Garuu garuma
kootti fiigaa jirti. Humna harkisa jaalalaatu gara koottu
ishee fiigsa. Qabee jaalalaatu guutee ofitti ishee
waamaa jira. Anas akkasuma. Gonkuma of to’achuu
hin dandeenye. Ija ishee bareedaa sana keessa garuu
waan akka bishaanii yoo ‘kolol kolol’ jedhan miira koo
san moo’een arge. Suuta jedheen quba harka ishee
urgufamaa jiru sana fiixee qabadhe. Isheenis na
qabatte. Onneen koo carromtee madaa duraanii sana
qoorfachuuf tahee, deebitee ofitti kaasuf akka tahe
wanti naaf mirkaneessu hin jiru. Amma fiixee kana irra
illee dhaabbadhee yaaduf yeroo hin qabaadhu; qarqara
galaana jaalala.
“Seenaa koo…” deddeebiseen rifeensa isheen
abiddaan luucceffatte sana hoossaa ishee waama
“Ooyyee Urjii…nama…” Afaanii ishee hin fixachisu;
deebi’een mararfannaa koo dabalaaf. Giddutti garuu
addunyaa keenya namni biroo irra hin qubanne irratti
utuu foolii gammachuu soorachaa jirruu, sagalee
guddaa dhukaasa misaayelii nuuf caalutu rifaatuu
guddaan nu dhunfate..
𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐅𝐔𝐅𝐀𝐀
#lookoojalaala
#Jaalalaa_dhugaa
#share
#join