Forward from: LOOKOO JALAALA
Eelaa Simboo
Kutaa 12ffaa
-------
-------
Kiyyaan har'as akkuma amalasaa machaa'ee manatti gale. Kutaa ciisichaasaa seenee baay'ees osoo hin turin rafe.
Qananiisaa fi Simboon konkolaataarraa bu'uudhaan suuta jedhanii gara manaatti ol-seenan. Eebbisaa mucaa isa quxusuu malee namni mana hin turre. Innis Simboo yoo argu baay'ee gammade. Akka obboleettiisaa hangafaatti jaallata ture. Maatiin isaaniis mooraa tokko keessa jiraachaa waan turaniif, ollummaarra darbee jaalala guddaatu gidduusaanii ture.
Maqaa "Eebbisaa" kan baaseefiyyuu Simboo waan tureef, hunda caalaa isaan lamaan gidduu hariiroo jabaatu ture. Yeroo daa'imummaasaatii maatiisaa caalaa Simboo waliin yeroo dabarsa yoo jenne arbeessuu hin ta'u.
Ganamaan ka'ee warra manaa jalaa bada. Maatiinis bakka inni deemu waan beekaniif eessa deeme jedhanii hin yaadda'an. Ganamaan balballi mana Simboofaa yoo rurrukutame "Eebbisaatuu dhufee irraa banaa" jedhama. Isa olseenus gara kutaa ciisicha Simbootti kallattiidhaan darba. Simboonis hamma mana barnootaa deemtutti ni taphachiisti turte.
Har'as akkuma duriitti haammattee dubbisuudhaan " Eebbiikoo Kiyyaan eessa jira?" jetteen. Innis harkashee qabatee gara kutaa Kiyyaatti geesse. "Machaa'ee waan jiruuf dammaqsitee hin haasofsiisin, si arrabsaa" jedhee akeekkachiise Qananiin.
Simboon garuu irra deddeebitee Qananiisaa sossobatte. Innis Simbootti garaa jabaachuu dadhabee, balbala kutaa ciisicha Kiyyaa baneef. Isheenis mormashee loostee yoo gara sireesaa ilaaltu; Kiyyaan akkuma alaa dhufetti Osoo uffatasaallee hin jijjiirratin diriiree jira. Simboon araadaan qabamuusaatti takka gadditee, gidduutti garuu akkaataan inni itti sireerratti diriiree jirummoo ishee kofalchiise.
Olseentee fuulasaa ji'ootaaf ishee jalaa dhokatee ture ilaalte. Yeroo garasaa ilaaltutti Onneenshees dha'annaasaa dabale. Kiyyaan nama baay'ee dadhabee rafe fakkaata. Akkanni hin dammaqnettis suuta jettee cinasaa teesse. Harkasaa bitaa diriiree jiru olkaastee lapheesheerra keesse.
Sagaleeshee gadi-qabuudhaan "Kiyyaakoo dha'annaa onneekoo dhaggeeffadhu" jettee itti hasaaste. Inni hirriba ulfaataa keessa waan tureef homaa hin dhageenye. Irra deddeebiin harkasaa dhungatte. Simboon cinaacha mirgaarra garagaltee keenyan kutichaa yoo ilaaltu, suuraanshee fakkeeffamee argite.
Ogummaasaa dinqisiifachaa, barreeffama Qananiisaan ishee dubbisiises mirkaneeffatte. Shurraabasaa harka bitaa gadi-buttee ciqileesaa gajjallaatti tumaa(tattoo) maqaasheetiin tumames argite. Ammas yeroo lammaffaaf harkasaa lapheesheerra keessee "Kiyya ka'iitii natti haasa'i maaloo" jettee gurrasaatti hasaaste.
"Yoo qimmiidde malee sin dhaga'u" jedhe Qananiisaan keenyan manaa ilaalaa. Simboon akka kolfuu taatee "situ itti beeka kottu qimmiidikaa" jetteen. Qananiinis 'yoo dammaqe na rukuta' jedhee sossodaachaa qimmiidee irraa siqe. Homaa dhaga'uu dide. Yeroo lammaffaaf qimmiidnaan dammaqee ija sukkuummachuu jalqabe. Yeroonni oljedhu Simboon itti seeqxe.
Kiyyaan Ijasaa amanuu dadhabee irra deebiin sukkuummate. " Simboodhaam" jedheen Qananiin fuuldurasaa dhaabbatee. Isheenis " altokko balbala cufaatii gad-bahaa,nan dhufaa" jettee Qananii fi Eebbisaatti himte. Lamaanuu ishee kabajanii saffisaan bahan.
Wanti inni ijaan arge abjuu waan itti fakkaateef Kiyyaan deebi'ee ciise. Simboon "anaam...Simboodhaam...osoo na ilaaltuu maalif rafta? "jechaa ofitti qabdee haammachuuf yaalte. Inni garuu ittuma fufee rafe. Harkasaa qabdee "Kiyya piliis " jetteen. Harkasaa lamaan qabdee olkaasuuf yaaltus inni dammaquu hin dandeenye. Haallisaa Simbootti bitaa galee daqiiqaa muraasaaf callisaan teesse. Galmee yaadannoo siree biratti argite bantee, yaadashee irratti barreessuu jalqabde.
Miira ishee hunda barreessuu dadhabdus, waan isheetti dhagaa'ame gabaabsitee galmee yaadannoosaa irratti katabuudhaan kutaa ciisichaa keessaa baatee deemte. Utuu isheen bahaa jirtuu harmeen Kiyyaa Aadde Warqituun balbala irratti itti dhufan. "An kana hin amanu! Simbookoo! kophaakee mana keessaa maal hojjetta?" jechaa amanuu dadhabanii ijashee keessa ilaalan. Simboon waan deebistuuf wallaalte.