Tache Jilo Foundation


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Educational, Cultural, Political, Historical and many others are here!
Yaadaa fi waan feetani khamiiyyuu kharaa @Xachisha tiin nu haasofsiisuu dandeettu!
Again you can get us on Facebook at m.facebook.com/Xachisha

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


XAALAYAA TOKKEESSOO‼️

#_ABBOOTII_GADAA_BOORANAA_FI_GABRAATIIF
---------------------------------------------------
Dhimmii = Finna uummataatiif!

Akkuma gararroo tanaatti irra baheetti sirnii Gadaa finna uummatii Oromoo durii, ammaa fi egeriillee ittiin buluudha. Kha madda dimookraasii addunyaa ta'e kha'umsii isaadha. Kha buusaa-gonofaa jedhee dadhabaa fi danda'aallee walti hidhee ila tokkoon cufaa laaluudha. Kha kheessummaa ufiillee ulfeessee mooraa-meedhichaan bulchuudha. Kha daallee-daafanaa hanga qaroo fi dureessilleen isa dhagayee ittiin buluudha.

Amma immoo finnii lammeessoo kha mootummaalleen la dhaattuutti darame. Finnii Gadaa khana hammatee angafummaa ufiitiin ammoo egeriillee ittuma fufa. Finnii siyaasaa ammoo waan dhaabbuu hin qabneef sirna gadaa xureessuu danda'a. Tanaaf hariiroon waliin qaban ta aadaa Gooroo qancarsitu ta'uu hin malle. Dhiyeenna khana khorii Gadaan yaamte finna Booranaatii dansaa turee horaa bulaa. Ammoo siyaasa mootummaatiin maqaan Booranaalleen laayyuu xuraa'e. Paartilee siyaasaa tamuu waliin gaaddisa qabaachuu malte Gadaan waan angafaa fi dhageettii qabduuf. Ammoo dureessa yaamtee hiyyeessa hin dhiiftu Gadaan, janna yaamtee daafanaa hin dhiiftu Gadaan dubbiif jennee.

Lammeessitoon Boorannii kheessummaa iluma tokkoon laala. Tokko waan #_Dirree dhufeef meedhichaan bulee, tokko waan #_Liibanii dhufeef ammoo nyeencaa-waraabessaa hin kennani. Gadaan lafaa, namaa-sa'aa, diqqaa fi guddaallee irraatti aangoo guutuu qabdi ta aga #_Qakhee. Daallee-Daafanaan, Jallaa fi Dhibaalleen Gadaa jala jirti.
Walumaagalaatti jiruu fi jireenna cufaa irra ejjuun khamuu akka hin dabne bulchuutti dansaa jedha!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Nagaa waliin!
Xachee Jiloo
(Mallattoo hin mullanne)
@XachishaBorena
@XachishaBorena


✍GADAAMMOJJII✍

Part One!

Gadaammojjiin sirna aadaan Oromoo ittiin geggeefamtu keesaa isa tokko.
Gadaammojjii: jechuun jaarsa mataa buufateedha.
Marii buufattoo goggeessa( lubaan )kan maruu yoo ta'uu,fakkeennaaf gadaammojjiin bara 2011tti mataa buufatte sun gadaammojjii lubaa #JILOO #HAAGA #ADIIti.
Gadaamojjiin gaafaa marsaan goggeessaa isii ga'uu mataa buufatti.
Namii goggeessii isaa jalaa darbee goggeessaa dhibii keessa buufachuun #GUULTUU jedhama.
#GADAAMMOJJII: Nama mataa buufatuudha.
#QOMICHA: Ilmaan nama mataa buufatuuti.

Adeemsa namii mataa buufatu keessa dabruu qabu:-
1⃣ Marii gogeessa isaa yoo ga'uu qaraa fiixee rifeensa mataa guddifata.
√. Rifeensii akka dibannaaf (gundoo) irratti hodhuufi tolutti.
√. Kallacha fudhataa.
√. Nyaata fi dhugaatii keessummaan offirraa galchuu qopheeffataa.
√. Sangaa baraartii qopheeffataa.
√. Hoolaa fi kkf qopheeffata.

Gaafa mataa dibadhaa jedhanii qoonqoon gadaa dhuftu:-
2⃣. Qumbii fuudhanii.

#Qumbii Digaluu fi Maxxaarrii gogeessa sunii ta buufattoo waliin qophaa'an irraa fudhatani.
Gaafa qumbii fuudhuu deemanii kallacha gadaammojjiichaa mucaa isaa kan waliin deemanitti mataatti hidhata.
Kallachii ganama eegii gadaammojjichii #Guduruu takaalatee kallacha irraa fudhatee #RUUFA kenneefi, tufeefii akkaa kiyyaa ga'ii mataa buufadhuu jedheenii eebbisaafii.

@XachishaBorena
@XachishaBorena


ee Jeneraala Dubbaalee Dheeressaa (Lieutenant- General Dubale Deresse) rakkoolee tana akka qoratuuf erge. Loltoonni nyaliisaaf lubbuu hin qamnee kunakkuama Kumaalaa Dubbaalee Dheeressaa dhufeen atis waan nu garre argii jechuun hidhan. Akkuma inni waan warri nyaate nyaatee, waan warri dhugu dhuugee rakkinna warraa hubatuuf harka wayaa jalaatin ministera humna ittisaa biyyaa waliin waliigaluun saatii saddeetiif akka finqilaa horii mukaatti oolchan. Mootiin Hayilee Sillaasee ka dallansuu ijjeeftee ogeeyyoota bombii harkaa fi leenjiin hedduu qaban gara waraana lafoo kanatti erguun Kumaalaa Dubbaalee akka gad dhiisan tolche. Tarkaanfii kun yeroof sodaachiisaa ta’us loltoonni tokkolleen akka hin adabmne mootichii ofumaa isaati waan dhaameef haalli ture martii yeroof qabbanaa’e.
Ganna 1977 loltoonni Ogaadeenaa fi waraanni Soomalii guddaan Soomalii gudditti ijaarra jedhu magaalaa Nageellee Booranaa qabachuuf lola cimaa bane. Taatullee gootonni ilmaan Booranaa fi milishoonni gandaa kanneen moonaa waraanaa Xoophiyaa 43eessoo keessaa yeroof jiran waliif hirmaachuudhan loltoota diinaa waan arganii dhaban fakkeessanii qileetti naqan. Akkanaan gootonni warra Liiban magaalaa Nageellee Booranaatti cibranii lubbuu qaalii itti wareeganii harka diinaa seenuu dhowwan. Eessaattis ta’u yoomiyyuu tanaan yoo maqaa Nageellee Booranaa yaaman gootota Booranaa kanneen magaalaa seenaa qabeetti tana tissanii dhalootan gahan yaadachuun barbaachisaadha.
Ammaayyuu dhaamsi kiyya magaalaan Nageellee Booranaa akka seenaa,maqaa fi ganna isiitti haqqii dhaloota Qubee kana irraa argachuu malte akka argattu hirriba aga Aadaa malee ka hiyyummaa guddaa lagachuu malle.
Ka’ii ka’ii hin rafini jamaa
Guddinni biyyaa keetii
Simalee hin qabu ka biraa
Dhaloota Utuu bira dabrii
Kankee yeroon ammaaa
Wannii gumaata keetii
Akka sirraatti hin hamne
Hirribaa dammaaqii
Kayiimee barraaqaan
Ol jedhi utaalii banii karraa saayyaa
Hidhaanaa hidhadhii ariyii hiyyummaa"

@XachishaBorena
@XachishaBorena


baqateetti buufata Fayyaa ummataaf banuudha. Buufati fayyaa kun aga bara 1956 Ministeera Fayyaa Ummataa jala galuutti akka dansaa ummataaf tajaajila kennaa ture.Bara 1958tti magaalli Nageellee Booranaa magaaloota Xoophiyaa kan sadarkaa duraa irratti argaman 27 keessaatti ramadamte. Magaalli ganna 50eessoo kanaa magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamtee turte tun magaalaan Nageellee Booranaa hardha maal fakkaattii, akkam jirtii jennee yoo ilaalle waan nama ceersuu irra dabree of nama dhaajifachiisa. Mani Fayyaa sun aga ammaatti Qoollajjii Fayyaa takkatti achi keessaattii banamteen ala akkuma ganna jatamoota dabranii sun jira. Safuu! Magaalaan Nageellee Booranaa mootummaa bulguu xoophiyaa wayyaaneedhaan akka lama miidhamte. Ta qaraa baroota 1990 G.C keessaa mootummaan Wayyaanee yeroo Dargii irraa aangoo fudhatu ture. Yeroo kana magaalaa Nageellee Booranaa Waraanaa Adda Bilisummaa Oromootu jiraa jechuun gama kaaniin ofii isaati waraanaa gama kanaaniin loltoota Soomalii horsiisee bultoota Booranaatti bobbaasaa magaalaa Nageellee Booranaa dirree waraanaa taasise.
Ardaawwan akka Boobaa fi Goda Ookkoo, Qilee Akkoo Aamanoooyyee fi Baddaa mana-quubsaa keessaa yeroo hedduu namaaf lubbuun qabeeyyiin dhuugii biqiloota dabalatee waraana wayyaanee kanaan miidhamaniiru. Haalli kun daandii daldaltoonni magaalaa Nageellee Booranaati fi karaa Dooloo hojjatan akka balaaf saaxilaman gochuun haala sochii dinagdee magaaliitti yeroo adda addaatti kan qabbanneesseedha. Lammeessoo magaalaan Nageellee Booranaa eegii bara 1995 dheeda Dirreetin adda baatee waan isiin hin eegiinitu qunname. Nageellee Booranaa magaalaa guddittii godinaati. Magaalaan guddoon godina ammoo misoomaa magaaloota godinaaf dhufan mataa qaraa waan argattuuf carraa kana eegaattee turte. Wantichi garuu, akka magaalli Nageellee Booranaa eedde hin turre. Akkuma ilmaan Diidaa Bittaataa karra ceersinee fuloon horii bobbaamne jette taate. Misoomni maqaa qabuufi ila guutuu marti Nageellee Booranaa dhufee gara boodaatti deebiya. Tokko tokko ammoo ‘akkuma gara Finfinneetii dhufaniin wantoonni magaalaa Nageellee Booranaa ijaaruuf dhufan karaatti liqimfamanii hafuu’ jedhu. Eega akkuma namnis waan isaa male dhabuu hin malin, Nageellee Booranaalleen waan isiif dhufe dhabuu hin malle.
Haala kanaan guddinnii magaalaa Nageellee Booranaa fi miidhaginni isii gannaa fi haala teessuma isiitin daalateenna qorqoorotin irraan kan hafe walmorma.
Hamtuun garuu, dhaabbabaatanii hafuudha. Kanaafuu amma dhaloonni qubee magaalaa seenaa qabeetti kana wantoota isiif barbaachisan guutuufiif yoomiyyuu caalaa carraaquu qaba. Gaafii
1. Magaalaan guddoon godina tokko yoo bisaan dhugaatii hin qamne, yoo mana fayyaa ka maqaa malee hin qamne akkam ha taatuu?
2. Magaalaan ganna 50n dura magaaloota Xoophiyaa keessaa sadarkaa qabdu hardha silaa yoo akkam diqqaate akka Afrikaatti sadarkaa qabaachuu malteeniiti? Garuu, Nageellee Booranaa hardha magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamuu miti gabayaa isaaniitu dhaxxii? Bittaa ibboo Oromoon akka guubee dabde!
Ammajii 12, 1974 namoonni muraasni kolonneeffattota Ingiliizii kan Birigaadeer 4ffaa waraanaa Xoophiyaa kan Nageellee Booranaa kaambii 43eessoo waliin haala jireennaa irratti waldhaban. Loltoonni haala cimaa fi womtu namaaf hin mijanne keessa oolaa turaaniyyuu womaa hin taanee jedhan. Garuu warroota Ingiliizaa kanneen Maarinaa fi Daviid Ottoowaa jedhamaniif, sagaleen, bisaanii fi haalli qilleensaa tolaa hin turre. Keessmmattu bisaan dhabuun guddoo warra duute. Yeroo butteen bisaan waraana Xoophiyaa fooqqatee fi takka duraa caccabxeetti warrii beeroo Ingilizootaa kun waraana Xoophiyaa bisaan dhowwatan. Eela warraa akka hin waraabbanne harkuma biyyee keeyyatanii gussuu jalqaban. Gochaan kun loltoota Xoophiyaa ila dhiiga facaafachiise. Sababa dallansuu tanaatin waraanni nyalee nyanyee bisaanii midhaan dhabe kun geggeessitoota Ingiliizaa kanneen hidhuudhaan, xaalayaa akka warroota kan adabanii fi waan warrii irraa fittee qabu guutaniif gara mootii Haayilee Sillaasee ergatan.
Mootiin Haayilee Sillaaseen akkuma xaalayaa kan argateen nama ajajaa Kumaa ta’


tni Xaaliyaanaa yeroo kaambii gad dhiisaan Booranii ona Xaaliyaanaa sun cufaa gubee akka bardeessee waan hubatteef hidda jabeeffannee ummata Nageellee Booranaa qabanna yaada jedhu murteeffatan. Taatullee gootonni Nageellee Booranaa kan waraanaa wanteen lolan kolonneeffaattoota Ingiliizii kannallee quphansuu dhowwan.
Akka namichi ‘Daviid Buuksixooni (David Buxton)’ jedhamu bara 1943 Nageellee Booranaa daawwate jedheetti humni lafoo waraanaa Xoophiyaa ona caccabaa Xaaliyaanaa kan gama tokko daheeffatanii humna jabeeffachuu jalqabaniiru. Ammallee Daviid Buuksixooni humni waraanaa Xoophiyaa sun Booranaa malee akka of hin dandeennee fi Booranii gosa gootaa warrii inni goleef milkaawuu fi warri inni irraa gore dhukkaawu ta’u himeera jedhu (Wikepedia, Nagelle Borana @British Gold Coast Brigade)
Dhugumaanu akkuma faranjichi bisii dhufeelleen dubbate Booranii gootummaan eennuunu wal hin gitu. Keessumattu warri Liiban jannummaa isaatin maqaa Nageellee Booranaa kolonneeffattoota biyya keessaa sanyii habashoota Minilikii fi Hayilee Sillaasee jijjiiruu dhowwee; maqaan magaloota Oromiyaa fi kutaalee Xoophiyaa kanneen biro gara maqaa Habashaatti yeroo jijjiiraman Nageellee Booranaa maqaa seenaa qabeessa kan qabattee jaarraa 21ffaatti fullaate. Kun gootummaan Booranaa Liiban gootummaa eennuutiniyyuu qixxee akka hin taanee fi maqaan Nageellee Booranaa maqaa seenaa cimaa qabu fii wareegama qaaliin turee hardha ga’e ta’uusaa nuuf mirkaneessa.
Garuu kun kanaan adoo jiruu wayyaaneen yookaan bulguun Xoophiyaa nyaattuun sanyii ilmaan namaa Oromoo walitti buusuuf jaarraa 21ffaa keessaa maqaa Nageellee Booranaa dhoqqee dibuuf yaaliin isiin hin godhin hin jiru. Ammayyuu addaan hin cinne.
Oromoo baayinnaan naannoo Magaalaa Nageellee Booranaa jiraaatan Booranaa fi Gujii walitti buusuun bara 2014/15 lubbuun ilmaan Oromoo Booranaa fi Gujii waliin raasaatti dhumte. Eegii mootummaan Qoodhabee akka ennaa Xoophiyaatti bara 1983 Xoophiyaa qabatee booda ganna 13eessootti (1995) godini Booranaa akka lama ta’u OPDOn tolchite. Godini tokko Booranaa jedhamee dira guddaa Yaaballaa ka gama Dirreetti bula. Godini lammeessoo godina Gujii jedhamee diri guddaan isaa ammoo Nageellee Booranaa jedhame. Ummata kana adoo inni nagaan jiraatuu eegii ganna 9 bahan akka enna Xoophiyaatti bara 2004 keessaa wayyaanoonni yeroo qabsoon Oromoo itti cimtee kufaatiif of soodataniitti shira xaxuudhaan maqaa Nageellee Booranaa jedhu biraa Booranaa haquun Nageellee kan jedhu qofa lakkisan. Kun akkuma maqaan atin ittiin yaamamtuuyyuu yoo falman falmiisisaa ta’u falmii fuula hin qamneef karaa banuun namoonni shiri wayyaanee kun hin galiiniif irratti hirmaachuun dhibi kun uumame.
Dhiba kanallee Oromoon lamaan dhugaa fi Aadaa, Gadaa fi seeraa badhaadhaa qabuun hiikachuuf daandii qajeelaa imala tokkummaa jalqabaniiru. Gochoota san keessaa kanneen harkaa qaba bulchiinsota godina lamaanii kan yeroo sanaa (2006 ec) akkasums miiltoowwan isaanii seenaan Oromoo fi dhiigii ilmaan Oromoo akka warra ha gaafatu.
Dhaamsii kiyya ka lammeessoo ammoo Ummanni Oromoo jaarraa 21eessoo kana keessaatti shira wayyaanee kan kallattii kamiinuu dhufu ofirraa eeguudhaan yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsachuu akka qabuudha.
Nageellee Booranaa burqa ilmaan goototaa
Nageellee Booranaa guddayyoo ardaa jilaa
Liiban ardaan jilaa gaaddisa bonaa gannaa
Ardaa seenaa qabeessaa angafoota Oromoo
Keessaa maqaa dhayaa maaloo
Angafa gootota Oromoo!
Diidoo Gaawwalee Diidoo
Salleessaa Jaloo Boqoo
Boruu Dinnee Saakkoo
Ibroo Dooyyoo Urjii
Loltuu akka kanniisaa
Madha Boruu Daadoyii
Jabaa akka dhakaachaa
Liiban Waata Nafurii
Qaroo akka Billaachaa
Walee Waaccuu Roqaa
Janna ila Qeerramsaa
Dhaddacha Guyyoo Dhaddachaa
Gootota Nageellee Booranaa
Seenaan isanyaadata sanyii warra angafaa!
Ganna 1949 keessaa lallaabbabadoonni dubbii Waaqaa kitaaba qulqulluu (wengelaa) lammii biyya Noorweyii (Norwegian Lutherian Mission) kan Waldaa Warra Wengelaa Makkaanaa Yesuus magaalaa Nageellee Booranaa qubatan. Wanni ila nama guutaa dubbii Waaqaa himuun wengela namaatti haasa’un alaatti kan isaan ummataaf tolchan ona waraanii Xaaliyaanii keessaa


©© Shalom BG Jato
Magaalaa_Nageellee_Booranaa
Murnya qaraa!

Nageellee Booranaa: Nageellee Booranaa dira guddaa Booranaa Liibaniiti. Magaalli Nageellee Booranaa magaalaa kibbaa bahaa Xoophiyaa kan ganna dheeraa qabdu keessaa tokko. Magaalaan Nageellee Booranaa akka enna Xoophiyaatti naannoo bara 1910 keessaatti hundeeffamte. Magaalaa tun magaalaa Booranaa tan angafaati jedhu Oromoon Booranaa. Sababani isaas akka ummannii Booranaa amanutti:
Lafaa Liibeen angafa
Waaqaa Boruun angafa.
Kanumaafuu magaaloonni biraa hundeeffama umriitin dursaniyyuu sababa ardaa Liibaniitin magaalaan Nageellee Booranaa magaala Booranaa isii angafaati. Haalli teessuma lafa Nageellee Booranaa baddaa daree fi qilleensaa badhaadha. Horsiisaa horii fi qotiisaafis baayyee mijooftuudha. Dheedii Nageellee Booranaa yookaan Liiban Golbaa fi Diida qaba. Magaalii Nageellee Booranaa quftuma gama diida Liiban kanaan gara baddaa Liiban gulaan argamtti. Nageellee Booranaa magaalaa gurra guddaa qabduudha. Keessumaattu yeroo Warraaqsota Xoophiyaa keessaatti baayyee beekamti. (Wikepedia). Baroota 1960 keessaa tajaajjiloota Ibsaa, Teleephoonaa, Poostaa, Manneen Barannoota sadarkaa 1ffaa fi Marsaa 2ffaa argatte. Tajaajila Dirree Xayyaaraa (diida Xuyyuuraa) bara 1961 keessaa argatte. Kunis ummataaf osoo hin tayin tajaajila humna Waraanaa Xoophiyaatiif miyooftuu waan taateef Kaampiin waraanaa Xoophiyaa 43ffaa Xoophiyaa kibba Bahaa magaalaa Nageellee Booranaatti hundeeffamte.
Kanaaf buufata Xayyaaraa Nageellee Booranaatin akkas jedhu “Ethiopian Milatarry Based Airport” jedhan. Qorataan seenaawwan Bahaa Africaa kan Philiphi Birigger jedhamu magaalaa Nageellee Booranaa akkana jechuun ibse “Nagelle Borana town is something of a frointer town, a cultural boiling pot that’s predominantly Borana (Oromo), but also has strong Somali, Borana, and muslims influence, …….” Kana jechuun magaalaan Nageellee Booranaa magaalaa fiixee ykn qarqara daangaa taatee handhura Aadaa oowwitu irra guddinnaan Booranaan guutamte yoo taatu qoxxeen jajjbduun Soomalii, Booranaa fi Islaanaa irraa itti calaqqqiftuudha.
Magaalaan Nageellee Booranaa akka maanguddoonni Booranaa ibsaniitti dheeda Booranaa isaa ila boruutti dira guddaa yoo taatu; Fiiltuu keessaa baatee dabartee galaanaa Daawwaa fi Gannaalee of keessaatti qabachuun galaanaa Jubaa qaxxaamurtee aga biyyaa Soomalii ammaaatti dheeda Booranaati. Kunis dhugaa akka taye ragaaleen barreeffamaa tokko tokko marsaariiti fi toora interneetaa irra ni jiru. Akka namni qorataa seenaa lammii biyya Swiidish Dr. F Hylander jedhamu bara 1934 keessaa oduu afaan Amaaraa (Amaaraa News) jedhamtuuf ibsa kennannitti “magaalli Nageellee Booranaa jaarraa 20ffaa keessaa kan dhaabbabaatte yoo taatu aga Laga Jubaa fullaate kan argamtu fi daandii bahiisaaf seenisaa Jubaalaandiiti”. Akka Jaarroleen Abbaa Liibee jedhaniitti namtichi Habashaa kan Dastaa Daamxoo jedhan yeroo waraana Xaaliyaanii fi Xoophiyaa ka lammeessoo cibraa isaa magaalaa Nageellee Booranaa keessa tolfate.
Boorani ammoo fardoolee yaabbatee waraanaa wanteen aga Fiiltuu fi Dooloo ardaawwan dhuuga keessaatti Xaaliyaaniin wal hadhaa ture. Kunis akka enna Xoophiyaatti Onkololeessa 04, 1935 waraanni lammeessoo Xoophiyaa fi Xaaliyaanaa irba walitti kaachise.
Waraanni Xoophiyaa kan Raas Dastaa Daamxoow magaalaa Nageellee Booranaa yoo maandheffatu waraani Xaaliyaanaa kan Jeneraal Rudoolfoo Giraaziin durfamu achuma dheeda Booranaa ka Dooloo maandheffate. Waraanni kun waraana Booranaa kan Waraanaa fi wantee qofaa raaba doorii Gannaaleetti lolee dabsate. Achumaan Gaannalee Dooriyaa jedhanii moggaasan. Achuma Dirree Gannaalee Dooriyaatti waraanii Jeneraal Rudoolfo Giraaziin waraana Raas Daastaa Daamxoow dabasachuun waraana kibba bahaa Xoophiyaa dadhabsiisuun magaalaa Nageellee Booranaa qabate.
Bitootessa 27, 1941 magaalaan Nageellee Booranaa garee koloneeffattoota Ingiliizii kan Dooloo irraa karaa mirgaatin dhiibamanii dhufan “Biriitishi Gooldi Koosti Birigedii (Britsh Gold Coast Brigade)” jedhamaniin qabatamte. Tokkummaan kolonneeffattoota Ingiliizii Nageellee Booranaa dhufuun dura guyyoota kudhaniif kolonneeffattoo


NAGEENNII BADHAADHAA!
*************************
Siyaasaan Xoophiyaa dhiyeenna kana laayyuu fuula isaa gara Booranaa deeffate. Boorannii angafa Oromoo kan addunyaa tallee qaroominna guddaa gumaacheedha. Tarii "ትልቅ ነበረን ትልቅ እንሆናለን" wannii jettaniif tanaaf ta'innaa laata? Duuba ati kan takkaa gara Booranaa dhaqxee hin beekne akkamiin Badhaadhinna isaa siyaasaatti oli fudhatte? Eegii waan keenna gaarii dhageettee fudhattee, khomii Booranaallee laayyuu dhageettee ma jalaa kutta ree? Hin dhageenne taanaan dhagayi yoosi:-

1. Dubbii jennee adoo Booranaa laaluu feetee daandiin ati laaltuun hin jirtu. Buufata Xiyyaaraa barbaadda. Wannii akka namii silaa waliin mariyachuuf dhufuu dadhabeef guddoonuu tana jedhee yaada. Finfinnee irraa Yaaballoo dhufuun guyyaa tokko guutuu waan fudhatuuf rogeeyyiin Oromoo hedduun nu hanqatte. Buufatii khun qaraa maqaa dhahanii turanii, maqaa mitii ammoo hojii isaa feena. Badhaadhinnii gaafasi!

2. Adoo waan Boorannii kessa jiru odeeffadhaa jettee mass-media'n ati caqastu hin jiru. FM Yaaballoo 97.4 tokkotti jira. Sulleen ardaa diqqaa qofa wa itti haasofti. Tanaaf tamsaasii isii babal'atee dheeda cufaa (Liibanii-Dirree, Saakhuu-Waaso) qixeessuu malte. Afaanuma Oromootiin ta lammeessitoo ta Adaamaa irra tamsaatu kophaa ta'uu malte. Ta akka FANA BC ta afaan Amaaraalleen yoo diqqaate FM Yaaballootti banachuu malte. Badhaadhinnii yoosi!

3. Misoomii misooma cufa caalu misooma sammuu namaati jedhan. M/B Diida Qilleensaa fa'a silaa mootummaatti jaaruu male. Inqooftii sun nuuyyuu la obbaamnee, dheedii hedduun ammoo akkasuma jira. Sun ati itti dabri. Badhaadhinnii yoosi!

4. Fuula kheenna dura filannootti jira. Gara Booranaa khanatti ammoo geggeefamuunuu shakkii. Labsii yeroo hatattamaa jala jiraa namii tokko hin cuuqqisu. Silaa tanallee waan midhaaffatan midhaaffatanii irraa kaasuu malan. Biyyitii yeroo jalqabaatiif filannoo goomittaa qabduutti qophaawuutti jirti. Asitti immoo gandii baaddiyaalleen cuftii waan paartii badhaadhinnaa irraatti mariyata. Paartiin immoo dhaaba tokkoo malee dirqama gandii cufii miseensa isii ta'uu hin danda'uu. Abbaan waan fedhe free ta'ee filachuu male silaa. Paartileen biraalleen silaa waajjira banattee waan waraanaan wal balleessuu khana dhiisanii filannoon wal balleessuu malan. Carraan akkasii immoo waan uumamuutti hin jirreef akka ammallee biyya jalaa khophaatti hafnu nu godhuuf deema. Silaa akka uummatii fedhuun fiduu malan fulaa waanuma olii dhufe irraatti tuulani. Badhaadhinnii yoosi!

5. Boorannii guddaan baaddiyaa kheessa jiraa, shantii dira kheessaa khana hin laalin. Suni immoo asphaaltiin agami wali qabsiifte? Moo akka innii aguma jiruuyyuu miilii deemmaan folloqu feeta? Geejjibii humnitii isaa dandeettulleen Motorcycle guddinnaan. Tana silaa aga dhaaban dhaabanii gad-dhiisuu malan. Ammoo murnyaan (dira qofatti) gadhiisuun Booranaa womaa hin baatu. Geejjibii dhaqanii oobruun laalani, kha horii foora jiruun laalani, kha warra soddaatiin dhaqani, kha gabayaan dhaqani, kha jila waliitiin dhaqani, kha adoo namii lubbaayee dafanii namaan geessani Dhuqidhuqqee tanaadha. Tanaaf gadhiisuu malan. Badhaadhinnii yoosi!

6.... Itti fufa...
Horaa Bulaa Deebanaa!!
@XachishaBorena
@XachishaBorena


Forward from: ℹ️mala karaa Ⓜ️ilkii
#Hariyyaa_booranaa_jalqaba_irraa_kaasse_hanga_ammaatti_jiran_kan_armaan_gadiiti.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1.Wakoora Dureetti
2.Dambala Bilii
3.Hanfa Dagaa
4.Barbaara Daalachaa
5.Dambala Godaanaa
6.Gamasii Duubaa
7.Wakoora Liiban
8.Dambala Haagurro
9.Wakoora Malluu
10.Dambala Guyyoo(udaan Buukko)
11.Wakoora Diidaa
12.Dambala Dhaddachaa
13.Wakoora Soraa
14.Dambala Areero
15.Wakoora Liiban
16.Dambala Bulee
17.Wakoora Waaqoo
18.Dambala Diidaa
19.Wakoora Guyyoo
20.Dambala Duubaa
21.Wakoora Diidaa
22.Dambala Dhaddachaa
23.Wakoora Soraa.
24. Dambala Areero

Hariyaan itti aantu ijoollee kuuchu jedhamti. waan dubbiftaniif #horaa_Bulaa.

By: Boruu sabboo Goona

WAAN BEEKANI FI KABEENELE WALII IRRAA BARUUNI CUBBUU OMAATU HIN QABUU KANAAFI GOSAA #Forward #Forward
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@SabbooGoona
@SabbooGoona


Forward from: Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo
Boorana...
√√√√√√√√

Ati hangafni biyya
Kallacha dachee arganii
Adda morgaa koo
Mormee morma qananii
Simboo koo tokkummaa
Addachaa heera biyya
Wiirtu dimokraasii kaleessa
Sin bonaa booree kiyya

Hanga qajeelcha jireenya
Qulqullessituu dandii dabaa
Agarsiisa ifaa dukkaana
Yaa Abukaattoo saabaa

Guddisaa keen qajelfanuu
Kan badhaaneen arjummaa
Kan siif du'uu baayyee
Kan hortee goota kuma

Atii yaa Araddaa Libaan
Atii Araddaan Wayyuu
Kan tiksitee nuun geteef galata
Nuu sii dagannu yoomiyyuu

Boree baafatta ilmii
Midhama Abbaa kufee
Irbuu egga sabni koo
Isaa Hangafni Dhaamee tufe
Kanaaf dagaage qomoo koo
Sirraan baree yaa sabboona
Nuuf dagagii yaa Abboo
Abbaa Liiban Boorana....
**†**********
*************†**
*******
Barressan: Biniyaam. Oromoo
Fulbaana 15,2018 Yaa balloo Boorana


LOQODA BOORANAA KHA GARA AFAAN FARANJIITII FI OROMOO WALTAWAATTI HIIKAME.
********************************
English------ Loqoda Booranaa ------ Oromoo Walta'aa
***************************
1. A while ago -------- Qaataa -------- Yeroo xiqqoon dura
2. A lot ------- Gurmuu , Dhuuga ------- Baay'ee
3. Abortion ------- Salleessa , Garaachii irraa ba'uu ---------- Da'umsa yeroo hin eeggatin.
4. Above -------- Gararroo; Gubbaa -------- Oli
5. Act slowly ------- Baballacchuu - ------- Suuta hojjachuu.
6. Add ------ Daruu ---------- Dabaluu
7. After ------ Eegii ; Dudduuba, ------- Booda.
8. Afternoon ------- Saafa'a -------- Waareen booda.
9. Afterwards ------- Gulana; --------- Yeroo xiqqoon booda.
10. Age-set --------- Hariyyaa ------ Hiriyyaa (kan umriin walitti dhiyaatu).
11. Agile -------- Sablaa, Sablo o -------- Salphaa
12. Align ------- Corooruu ------- Tarree galuu.
13. Ally ------ Khalchaa ------- Gurmaa'uu
14. Alone -------- Callaa; Khopha a ------- Qofaa, Qeenxee
15. Alongside - Dhaattuu --------- Cinaa, Bukkee
16. Aluminium --------- Saldaqaa ------ Almuuniyeemii
17. Amazed ------- Mamuu; Qunqumfacchuu ------- Dinqisiifachuu
18. Another -------- Kha dhibii ------ Kab biraa
19. Area -------- Fulaa , ------- Bakka
20. Arrange ------- Coccokhuu ------- Sirreessuu.
21. Arrogance ------- Khooruu -------- Ofi tuuluu
22. Arrow ------- Laawwee -------- Xiyyaa
23. Ashamed ------- Ceeruu, Fokkifachuu --------- Qaanfachuu
24. Assembly ------- Khora , Gumii ------- Walgayii, Yaa'ii.
25. Aversion ------- Balfuu ------- Jibbuu
26. Axe ------ Sookkaa; Agaraa ------- Dhagaraa
27. Backbone ------- Dugunguruu ------ Lafee dugdaa.
28. Bag ------- Khareerrisa , Subba -------- Borsaa
29. Bandit ------- Sargoo; Shiftaa , ------- Shororkeessaa.
30. Bangles ------- Qilqillee -------- Faaya harkaa dubartii.
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
Horaa Bulaa Deebanaa!
©Vincent G. Stegman, C.S.Sp.
#_Xachee_Jilootiin!!
@XachishaBorena
@XachishaBorena


MIDHAAGUMA HUWWA BOORANAA
………Nadheen Booranaa midhaadulleen muummee hin qabdu.
Taatulllee ta midhaagumaan nadheenuma cufaa inmooti
jedhamtee seenaa Guutuu Abbaa Liibee keessatti beekamtu
Darmii Liiban Qaallichaa jedhamati. Darmiin gosa Booranaa
Noonitu milloo. Darmiin ta hojjaan sattawwaa, ta mormii
lookoo, ta idhaanii laawwee, ta qubii lichoo jilaa, ta sarbaan
daannisa Dooyyoo Boroo, ta ilkaan adii dhaatii, ta irgii sheedoo
bunaa, ta afaan boora gubaalaa, ta rundee sirrikee, ta koomeen
billiqee, ta mataan maxaxee foo’anii, ta deemman mardaadii
midhaadduu womaanu achi hin hafini mootuu nadheenii
jedhan.
Tanaafuu Darmii Liiban midhaadduu mootuu ach hin hafin ta
adoo silaa biyyitii akka ammaan tana kana waan cufaa tarree
walii naxxee; addunyaa keessaa nama qaraa taatuu fi silaa
Monaalizaan fakkiin Liyoonardoo Daafinchii jedhe taan ta
dhugumaa isii ta’u dandeettuu yoo taatu, midhaaguma isii sun
akka asiin gadii kanatti ibsiti Guutuun Abbaa Liibee diqqaa
guddaan.
Midhaagumti Darmii waan afur ka abranuu wa sadii qabaatin
addaa taate jedhu manguddootti Booranaa yoo ibsan. Wanni
abran qallina, furdinna, addeennaa fi gurrraatenna. Darmiin wa
sadii qallaattee, wa sadii furdattee, wa sadii addaattee, wa
sadii gurraattoftee jedhu.
Ilkaan Darmii daraaraa muka waddeessaa irra dabree akka
cabbii galaanaa boyii addaatu. Gumaan ilaa elellaan galgalaa
kan haffoo boroo irraa anga’a yoo fakkaatu; qeencii quba
harkaa miilaa urjii dhaatii cululuqaa akka bisaan ollaati.
Waan Darmiin addaattee sadeen:
Lafee ilkaanii addaatte
Gumaa ilaa addaatte
Qeencaa qubaa addaatte
Darmiin ta konoona laawwee, ta afaan boora cilee akka
xaxeessaa gurraacha akka cilee bunaati. Rifeensi isii yuuboo
akka eegee fardaa gurraacha culanii martii maxaxee akka
eegee sattawwaa fi Ilti isii midhaadduu akka gumaa
saddeeqaa ta jalaa gubbaan kuulii gurraachii sheedoon maru.
Waan Darmiin gurraattoofte sadeen:
Boora afaanii gurraattoofte
Rifeensa mataa gurraattoofte
Darmii Liiban ta hidhaanii qallatee na hammadhu waan jedhu
fakkaatu, ta qubii qaqqalatee waan eechana kooraa ogeessii
babbasse fakkaatuu fi koomettuun miilaa laawwee
hidhaanaatti akeekamtuudha.
Waan Darmiin qallatte sadeen;
Babbassaa qubaa qallatte
Koomettuu miilaa qallatte
Laawwee hidhaanaa qallatte
Furdinni waadaa tafaa qallinna hidhaanaatin walitti kooraa
teettoo fardaa fakkeessee, sarbaan daannisa Dooyyoo Boroo
akka dhooblee arbaa qajeeltee gurmuun akka waan guntuuta
xiloo akka duloo dooqaa sun kibduu furdattee gamaa nama
laalti.
Waan Darmiin furdatte sadeen:
Waadaa tafaa furdatte
Sarba dhooblee arbaa furdatte
Gurmuu keessaa furdatte
Akkannaan huwwoolee Guutuu Abbaa Liiban cufumaa Darmii
Liiban Qaallichaa midhaagumaan mootee, Masulee Saaqqoo
Alaqoomaan mootee, Galgaluu Diidaa Galgaloo qarummaan
mootee, akkoo Aamanooyyee jabeennaan mootee jedhan
maanguddoon Booranaa keennaa!.
Source: ABUURUU
Join👇
👉 @borananews
👇
@borananews
For more about
Booranaa


Forward from: b.TOP.media
DHUGAA DHARAAN BITAMTEE.(1)


Fulaan diraa Yaaballoo ollaa diidaa garbii turee. Abdiin Amma jiraataa magaala kana ta'ulle duraan baadiyaa barachaa turee Amma kutaa saddetafatti gara diraa deeffatee asi barachaa jiraa. Duraan akko isaa biraatti guddate. Gara diraa kana ammoo haadhattu jiraa. Abdiin hardhaa ammo mana barnootaati ba'ee jennaanu, dadhabbii qabaa fakkaataa adoo haatii isaa "Abbaa kiyyaa sagalee nyaadhii" jettuuni, siree irratti lafaan uf dha'ee rafee. Laftii galgalooftee jennaan yo innii lafa ce'e,. Waan haaretittu itti mullata , amanuulle dadhabee ilaa ufii irraa dedebi'ee rirrigate. "Maantu isaa muudate'? Jettanii yaaduun kessanii hin ooltu. Intalaa diraa keessatti akka wayii maachee mimillacha turee takkaatti yo innii ka'ee manaa warraa keessa teetti. "Maantii asii fidee?" Jedhee yaadee oobjuyyu itti fakkaatte yo innii taa'ee yaaduu oobju mitii dhugaa. Adoo hin dubatinuu callisee laalee irratti turee. Jennaan intaltii qoonqo nama rifatee tokkoon "ha haa Waareen meetii?" Jettee garaa haatii isa jirtuu gaafatte, jennaan akka isiin mana beettu galteefii "Anii gara isiin deemtelle hin beekuu, yo ani gad ciisee armumaa jirtii" jedhee hafuuraa dheeraa tokkoo baafate qoonqoo isii dhaga'uuf gurraa achii qabee. Jennaan "Yo isiin dhuftee kootti buna dhugii siin jettee Haatii Gubaala ta mani isii armaa dudduuba" jettee biraa qajeeltee. Innilleen amma galaana yaadatiin liqimfame "intalaa tana maantii asiin baasee?" "namii akkana miidhagu kun olluma kanaatti gala?" "Maqaan isii eennuu ta'inna bada?" "Gubaalinu isuma"? Jedhee adoo yaadaan jaanja'uu haatii dhuftee jennaan ergaa taan itti himee , laanuma ado isiin hin arginuu mana isiin seentu laalee argee jennaan deebi'e.

***********************
Abdiin guyyoota sunii kaasee, namii innii maqaa hin beenne kun sammuu isaa keessaa deddebi'e jeequu jalqabee. Halkanii fi guyyalle waan miidhaguma isii yaaduun hojii idilee taateef.
Abdiin ammaa arguu malee akka ooluu hin dandeenne eegii ufi amansiise bultiin diqoon herregamuutti jirtii. Guyyaa cufaa adoo argee arguu baatelle qa'ee warraa duraa maraa...............


iin duuba dhallaan irra guutee gaafataa jedhani jedhani
Tiha diddee obaa diddee haadha didde
Aga ilmii gaafas haadha diduu
Dhiirsii niitii indiduu jedhan.
Warra idhaanaa oli shantamaa
Warra idhaana gadi shantamaa
Warra dubbi sangaa tokkoo
Warra nafa mucaa tokkoo
Warra mata goolaa
Warra dubbiin goolamaa
Wara mataa filaa ka filee nyaaphi guuru
Warra idhaanaa gurdaa inqabneee
Warra idhanuu loonii inqabnee jedhan jedhan ...........
Itti fufaa .....,
Dongongora yoo qabaadhe naa
Qajeelchaa kutaa itti aanullee
Dhiyoottu maxxansaa
Obsaan eegadhaa
Maddi
Aabba Diida Aashanee jaarsa argaa dhageettii
barreessaan: Halakee Jaldeessa Liban
👇👇👇👇👇👇👇
👇👇👇👇
👇👇
👇
Join @borananews
@XachishaBorena
@borananews
@XachishaBorena
For more ☝️☝️☝️
☝️☝️☝️☝️


RAAGII BOORANAA DURII MAAN JEDHE
👇👇👇👇
👇
Kutaa 1ffaa
Barreessaan : Halake Jaldessa
Duuba Areeroo Boosaroofaati waan jette jedhanii waan biyyiti
amma keessa jirtu kana
Eger beennii inyaa 'uu inrukkisaa
Indubbatuu imburrisaa, inhaasawu indhuqqisaa burreessa
buufaa taa
Burree qeeramsaata gaallolee gabrata
Eelee saffaraataa, ree reendilataa
Addeenna faajjii taa urgaa saffarataa
Wagataa waata taa walgata nyaaphataa
Nyaapha ilaan argu isa lubbuuti bilbilataa
Babarirtti aka waya gadaa teessanii
Dadaritti akka dubbii gadaa teessanii
Indarra'allee gaafas imbarra'allee
Mirgisaa mirgi darree Mirgo gabbinni darree Alaqaa qayyi
darree
Areedda miili darree qaroo arrabi darre
Umaan darree umati darree
Dhaltii darree dhalchii darree
Wanni mamaa darree inqabnee gaafas
Dhiyaa barii qofaa jedhani jedhani
Dhukkuba darree guuree afaan gara
Wallaalanii dhukkubi isaa finnoo intaanee finni isaa ijoollee
intaane jette jedhan
******>************
Duuba nami gaafas yaa'ee indadhabuu
Nyaatee ingabbatuu yaa'ee dadhabuu
Didee nyaatee gabbachuu didee
Dhugu quufu didee dhugaa quufu dide
Fulaa lafa jirtuu cufaa araqee dhugee
Arkee arkaan walitti gamee
Silla didee dhiiga didee oowwaan maraatee walitti oowwee
badee
Ji'a wallaalee jila wallaalee duubattii
Afaan walii wallaalee qola nyaataa
Miishoo midhaan qollumaa nyaataa
Kiilaa nyaataa kiiloo nyaataa gaafas
İjoollee kiilan nyaataa gadoo nyaataa
Gaafa macarrashaan geettee ininuu
Dhahaa nyaata jette jedhanii
Gaafas duuba lafaan kaloo jedhee
Kaloon daarii jedhee suuninuu daarbaa
Eegii inni kaloo jaaree walii galee
Lafti cuftii danqaraa itti taatee
Muhii dhiphuu ba'ee lafarra dabree
Nami cubbuu horee lafarra dabree
Lafaa diidii badee kara dheebichi badee
Saali badee saalaan baddee
Dhala badee dhalaa badee
Miila badee miiloo badee
Obboleesallee garuma haadha badee
Ollaallee manuma walti aanuu badee
Nafaan wayaa didee nafi isaa waldidee
Tokkocha waraani gurmuu didee
Qummuuddoo karaa deemuu dadhabee
Gaafas sun malee imbuluu namii gara gowwaa oobruu qotuu
dadhabbee
Gaafa inni badi ga'ee garaan Diida Libaniif garaan Diida ara
ilmaan garaa tokko walitti fuudhuu dadhabee
Fulaa cufaa lafa qotee qota baasee
Lafa walfalmaa ila walitti baasee
Lafa qotee diimessee raasaa ciree diidessee
gaafa badii ga'ee lafaan loon jedhee loonin omaanit jedhaa
jette jedhanii Areeroo boosaroo faatii
Duuba nami gaafas akka tokko wasaada akka tokko wa
nyaataa
Akka tokkotuu waqotaa
Akka tokkotuu waqoraa
Akka tokkotuu wa nyaatallee
Akka tokkotuu wa maqeennesallee
Eger idda muha buqqisee idda buuyyoo luqqisee abbaan
aramaa deemee
Haatii golgaaloo deemtee waatiin
Golgolooftee badaa ejjitii jedhan jedhan
Duuba gaafas namii walumaa galee
Surree micciiroo maratee dubbii
Micciirama dubbatee inninuu warra
Surreen kaafa warra qawween saalaa
Warra kopheen salalal warra kobuun
Amalaa ,warra makiinaan baasii
Warra dubbiin waasii
baasi waligalaa Shaayii walii galaa saati walii galaa
Saladhaballee walii galaa jedhan jedhan
Gaafa inni walii galee baasii eegatee
Baasi yoos itti ba'aa jette jedhan raagi
Ammumaa nami dira dhufee cuftii
Yokaan baasii boruutiin dhufee
Yookaan baasii bori eegataa namii
Wa bitatee ingaluu yoo aduun baate indanfuu dadhabee gadi
inta'uu
Olumaa gadii maraa
Jaala arge nagaa infuudhuu
Sodda argee nagaa infuudhuu
Nama diraa galeen warri ebuluu nagaaa injedhanii guyyuu akka
amaa walgarre jedha yokanaa nyaaphii inaanee
Warra sun gaafas karaan isaa magaala
Dubbiin isaa adaaba jedhenii
Karaan magaalii baanan asfaaatii
Gaafas duuba dhibichaan dansaa jedhee
Tolaan kiyyibaa jedhee
amaan abba ufbeehu jedhee
alaqaan shaarmuxa jedhee
kameettiin amtuu jedhaa
Callisaan daallee jedhee
xaxxisan qaroo Jedhaa
Guyyaa suun duuba
Xaxxisan nama yakkaa
Callisan nama yarsaa
xeexeessaa mannaa
calleessa wayyaa jedhan
Callisanillee lubbuu xaxisanillee lubbuu
Ammoo ka xaxisuu biraa kam callisuu wayyaa jettee jedhan
areeroo boosaroofaati
Gaafas duuba nama cufaa
Waariin soloola badiin solooloo
Kaan waariin soloola kaan badiin solooloo namii deemuu cuftii
karaa solooloo yaa'ee
warri duuba godaanee
Karra gara gaafatee
Sayi duuba dhalee waati bifa


MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Abreessoo
-------------------------------------------------

81. Lafa roobaan garte, bonaan gartee jedhan!
English: Have you seen in a dry season the place you had seen during the rainy season?

82. Dawoon fagoo dhaamocha hin dhowartu.
English: A distant shelter does not shield one from cold.

83. Cirreessii boollaa, boolla guyyaa bu'an hin beekhani.
English: A doctor is like a pit, one can not know when one will fall into it.

84. Daafanaa hin hadhin, guyyaa isaa sii hin hadhuu; Daallee hin qorin, guyyaa kheetii sii hin qoruu.
English: Do not fight for a coward, he will not fight for you. Similarly, do not support a fool in a
dispute, he will not support you in yours.

85. Maanti jabduu jennaan waan dhiirtii fuute jedhan.
English: What is certain is that which a man vows to undertake.

86. Malii dhiirtii dhoofte, dhaattuu bofaa arge.
English: Men’s ideas helped to locate the snake.

87. Ilmeen qajeelaan dhufte, haadhallee hin dhibduu ufillee hin dhibdu.
English: A new born that comes in the right position relieves the mother and relieves itself.

88. Mataan dhalootaa lafa ga'e, du'iisaa lafa hin hanqatu.
English: The head that touches the ground a birth, will not fail to touch the ground at death .

89. Ballaan waan gaaf ila qabuu dubbata.
English: A blind man speaks the good old days before he became blind.

90. Qaroon waan borii jennaan, gowwaan waan hardhaa jedha.
English: A wise man plans for tomorrow, a fool plans only for today.

91. Dhiirtii wayaa kheessa jirti.
English: Manhood is beneath the clothing.

92. Fira fakkaatee dhadhaan wayaa balleessa.
English: In a friendly way, the oil spoils the cloth.

93. Dabeessaa dhadhaan dheedhii.
English: For the weak ones, fat is raw.

94. Ganna kha dhufuu mana jaaran malee, kha dabree mana hin jaarani.
English: One builds a house for the future, not for the past.

95. Abbaan ka ufii jedhe Guyyoo Khitii.
English: The owner is entitled to first rights, said Guyo Kiti.

96. Nafii abbaa tokkoo, abbaa tokkootti qoricha.
English: A person’s body is precious to him but nothing to someone else.

97. Sidaamtichii waan jedhe, Gaangeen sirraatti badde na hin mararree, limmee sirraatti badeetti na mararee malee.
English: Sidama said, I was not annoyed by the mule that got lost without my knowledge but the
needle that got lost due to my carelessness annoyed me.

98. Nama gurraatti bule, nama garaachaa dhugeetti irra jira.
English: It is better to drink blood that has no milk than to sleep hungry.

99. Lama hin deebitu jette awwaaltuun.
English: After the burrial the undertakers said, the body will not re-surface.

100. Hiyyeessa dootii tasaa, hamaa dootii mama.
English: A poor man’s death is surprising and a mean man’s death is unbelievable.
**************************
Horaa Bulaa Deebanaa
#_XACHEE_JILOOTIIN
@XachishaBorena
@XachishaBorena


MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Sadeessoo
--------------------------------------------

66. Sareettiin kophaa hin baatuu, hirkoo mukhaa malee; deegii khophaa hin godaanuu, hirkoo dureessaa malee.
English: A climbing plant with tendrils cannot grow on it’s own without the support of a tree; a poor cannot migrate on it's own without support of the rich.

67. Onaatti mana himaa, onaatti ufi hima.
English: Those who know you speak well about you; but one who is not liked or respected has to
brag about himself.

68. Yokhaan tulluu ta'anii, yokhaan tulluutti hirkatani.
English: One should either become a pillar or lean against one.

69. Fartii-Fartii, jedhe Qaamphisoo Gumii.
English: There is different hand writings, said Kampiso Gumi.

70. Hiyyeessii dhiiraa, hiyyeessa ollaati.
English: A poor man is like an orphaned ram.

71. Namii yo malee deeme, yo dansaa gale.
English: One who travels at an unfavorable time comes home at a favorable time.

72. Sidaamtichii waan jedhe, Tabaqaan ijoollee ta diirama waaqa laaltee, galgala lafa laaltu.
English: A clever child is one who looks up in morning (rude) and down in the afternoon.

73. Waan bira hin jirre, waan bira jirtuun beekhi.
English: One should understand what happens in one’s absence by relating to what used to happen
in one’s presence.

74. Qorqooroon yo gubani, gara foonii gula rifatti.
English: When put in fire, a hide of skin crumples toward the fleshy side.

75. Dhugaa waa'elii Waaqa.
English: God is the companion of truth.

76. Ta halkan galte itti bariisifatani.
English: That which occurs at night will await down.

77. Galgalii shona hin qabu.
English: Evening has no supplement.

78. Si gubee hin arginii ibiddaan taphatta.
English: You play with fire because you have not seen it burn.

79. Ta biraa baate, haatii boo'a hin dhageettu.
English: A mother will not hear the cry of her married daughter who is now living far away.

80. Firoomii warra Haassan Gabaabaa, qallatee nama seenee, furdatee nama keessaa ba'a.
English: When befriending people, the family of Hassan Gababa enters narrowly and leaves
broadly.
*********************
Horaa Bulaa Deebanaa
#_XACHEE_JILOOTIIN
@XachishaBorena
@XachishaBorena


WAAQOO CALLOO QOFATTI TOLCHE!
°°
Eegii waan Oromoo maqaa dhawan, sirnii Gadaa kan duraati. Qoqqoodiinsa Gadaa keessatti sadarkaa tokko irraa gara isa itti aanuutti ce'uun akka jila(ayyaana) guddaa tokkootti ilaalamee qalbii miidiyaa harkisee dhugaa Gadaan qabdu addunyaatti mullisuu male. Gara Booranaatti ji'oota sadeen(3) darban keessatti:-

1) Gadaammojjiin luba Jiloo Aagaa mataa buufattee yuubomtee jirti.
2) Dabballeen ilmaan Kuraa Jaarsoo guduruu buufattee gara Gammee-Didiqqootti ceetee jirti.
3) Ijoolleen Kuuchuu hariyyaa Booranaa Dambala-Areeroo cittee jirti. Akkasumas taateen garaa garaa ta'aa jirti.

Oromoon balloon sirna Gadaatiin beekkamtu waan kana quba hin qabdu.
Artist WAAQOO CALLOO qofatti nu bira ejjee sagalee teenna nuu dhageessise. Artist WAAQOO CALLOO Oromoo Karrayyuuti. Jaalala aadaa qabuuf jedhee Oromiyaa kaabaa irraa gara kibbaa fageenya hedduu qaxxaamuree dhufuun jaalala Booranaa qabu ibsee jira.

Waaqoo Calloo horii bulii deebanii!

@XachishaBorena


KHITAABA ABUURUU!!
**********************
Khaayyoon #_Faawundeeshiinii tanaa ta qaraatuu uummata kheenna kha afaanumaan abbaan ilmaatti wa dabarsu, akka innii gara barreeffamaan dhaalchisuutti guddatu hujjachuudha. Barreeffama sun keessaa khitaabii ABUURUU edhaniin barsiisaa Eng. Jaatanii Bonayyaa ( Shalom BG Jato ) tiin laayyuu qorame. Tanaaf guyyaa eebbaa dira Finfinneetti khoottaa jilaa irraa obbaasaa.
Tokko waan ani onnee tiyya irraa isanti himu dhalataa kheenna bu'aa-ba'ii innii kheessa dabree khitaaba khana xaafuun walumaan beenna, ilmaan horsiisee bulaa!
Namii jilaa waanuma gammadaa haasawaa, khoottaa gammadaa!!
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
Horaa Bulaa Deebanaa
@XachishaBorena


do not marry one another if they do, they always meet their objections.

61. Namii waan jedhe: ulfaan dhufeef, ulfaa hin elmani.
English: The arrival of an honoured guest does not warrant milking a pregnant cow.

62. Abbaan ufi hin himuu, ufirra bahuu hin dhabu.
English: One is not barred from referring to oneself.

63. Siiqqee mootii warrii isiin moote bade.
English: If the woman takes over the house, the family she rules is doomed.

64. Gannii bira dabran ji'aa, gannii itti deemani dukkana.
English: The past years are in moonlight, the years to come are in darkness.

65. Waaqa jettee kharaa kheessa hin ciisin.
English: Do not say; on God, and sleep on the road.
**************************
Horaa Bulaa Deebanaa
#_XACHEE_JILOOTIIN

@XachishaBorena
@XachishaBorena


MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Lammeessoo
-------------------------------------------------
31. Itti goomtii ballaa iltii dhooxxi, jette nadheen.
English: Women’s say that it’s fairer for the blind man that his eyes are gouged out.

32. Ma qaqaari'aa deemta akka dureessa beela'ee?
English: Why are you staggering like a rich man who is hungry; they ask.

33. Wuu hin jedhinii, wuu jedhii waraabessaati.
English: Do not say woo, say woo, the hyena taught people the correct way to howl.

34. Hiyyeessa haadha dhalteetti jibba.
English: A poor man is detested by his own mother.

35. Hafuuraan garaachaa taphataa ufi tolcha.
English: One greedy for food makes himself playful.

36. Fardii harree kheessa oolu, dhuufuu barata.
English: A horse that grazes, in the same field with donkey, learns how to fart.

37. Kha du'aa eegani jaarsaa, kha du'u dargaggeessa, jetti Sidaamtii.
English: Those who are thought to be dying are the old, but those who actually die are the young;
said Sidama.

38. Mucaa boo'uu fedhu, yabbiin irra ejjatte.
English: The boy who wanted to cry was stepped on by a calf.

39. Dhawa malee hin horanii, faroo malee hin deegani.
English: Optimism leads to riches and pessimism leads to poverty.

40. Uleen yoo wal irraatti qaban ta abbaa muratee taati.
English: If an argument over ownership arises about stick, the person who original cut it from the
tree assumes ownership.

41. Jaarsii waan jedhee: kijibaa womaa hin ba'uu, kijibilleen womaa naa hin ba'u.
English: An old man said; I do not benefit from a lie and neither does a lie benefit from my lie.

42. Malii ijjeesee waraanii lubbuu khuta.
English: The plan kills, the weapon only does the deed.

43. Galaanii nama hin nyaatuu, waan nama nyaatatti nama geessa.
English: The river is not a predator by itself but it takes you to a predator.

44. Waliin ga'an taffiin kutachaa lama.
English: If generously shared, a flea can be bitten twice.

45. Warrii abbaa dhaabe keessummaa hin teessisu.
English: A house hold in which the owner is kept standing has no room for the guest to sit.

46. Loon adoo na hin ijjeemne aabboo natti yaamaa jedhani.
English: The cow requested to see the owner before being killed.

47. Iltii ceera hin beettuu, qullaa haadhaa-abbaallee hin laalti.
English: The eyes do not shy away from anything; they can dare to see the parents’ nakedness.

48. Abbaan ufi hin arguu, dhakhaan ufi hin darbu.
English: One cannot see oneself, a stone cannot push itself.

49. Bira ba'ani dubbiitti hafaa; dhugaa dubbatani namaatti waldhaba.
English: If facts are ignored, justice cannot be rendered yet, if one refuses to ignore the facts
enemity is created.

50. Sukhela dhabaa dhabii niitii tolfate.
English: Having not found another one she became the man’s undisputed wife.

51. Hamtuun yoo ji'ii ba'e.
English: The worst shall be revealed when the moon rises.

52. Foon fedhii tandhacha hin nyaatani.
English: One does not eat swollen glands to appease a strong desire fort meat.

53. Saffarticchii waan jedhe: malii khaan dabree, khaan ya hafe.
English: If one plan is out of hand another one remains.

55. Adoo biyyaa dunnuu ufii dunnaa Sareeti.
English: While we bark for others we also bark for ourselves; said the dog.

56. Namii waan jedhe: ulfinna mataa qaacerii hin beekkatu.
English: The neck does not recognize that the head is heavy.

57. Namii waan jedhe: dheerattullee lummeen mataa hin qolchitu.
English: However long it may grow, the neck will never surpass the head.

58. Adoo kha baatu hin dhadhamnee, kha baatani dadhabe.
English: When a person is carrying someone on his back, the one being carried gets tired before he
does.

59. Saffarticchii waan jedhe: silaa lafa jiran keessaa mullachuu malanii, yokhaan keessaa ala jiraachuu malan.
English: Where one lives it is good to be prominent if not it is better to live elsewhere.

60. Ollaan dubra wal hin kadhatuu, kadhatu wal irraa hin dhabu.
English: Villagers

20 last posts shown.

908

subscribers
Channel statistics