➡️#Hamma_yoomiitti_duunaa?
#Nu_Gaha_Duuti_Rip_Civilians
Sardiidoon hoolaa nyaatte
Buusuu didde gogaashee
Jarittiin kunoo nut' kaate
Nutti deebifte wadooshee
➡️Nu nyaatte budaan sirrii
Buusuu didde lammiikoo
Nu waraante ilkeen cirrii
Fayyuu dide madaankoo
➡️Warri halagaa soddoomse
A'aa! Yaaddoon nu tortorse
Warri waraana ofii cimmise
Darabduuf galtuu nutti horse
Faannoo jettee nu duguugde
Badduun qe'ee nu goggokse
➡️Warruma qe'ee hin qabnetu
Qe'ee fi biyyarra nu kaase
Warruma okaa itti haamnetu
Daa'imaaf maatiirraa nu baase
➡️Noori jennee lafa kunneefii
Ofitti maxxansine silmii
Hori jennee okaa kunneefii
Nu goote-ka akka hirmii
➡️Dararaan nu marse-kaa
Akka waan badduu taanee
Buqqaatiin nu faarse-kaa
Akka waan galtuu taanee
Mancaatiin nu sardee-kaa
Akka waan hiyyuu taanee
➡️Muka reejjii jala lixne
Akka waan damee qabuu
Gaggadoodne dur of fixne
Akka waan garee qabuu
➡️Bara Walloon tuqamnaan;
Oromoon wal kaasee dirmata
Bar Karrayyuun tuqamnaan;
Oromoon mancaan dirmata
Bar Tuulamni tuqamnaan;
Eebboon mirgasaaf falmata
➡️Barri Amatiif kutaa nu ga'a
Barri gandaaf garee nu ga'a
Barri lagaaf maqaa nu ga'a
Oromo! Ka'aa tokko ta'aa!
Kanatu galmaan nu ga'a!
➡️#Rip_Civilians😭 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa; Aanaa Amuruu, magaalaa Agamsaatti lammiileen nagaa 70 ol ta'an; garee shororkeessaa Faannootiin haala suukkanneessaan anjeefaman.
➡️Waan hundaa ol sitti dhaga'amuu kan qabu; maaf namni qe'ee isaarraa buqqa'aa? Sanuu dacheesaa, sanuu qeesaa, sanuu biyya Isaa; Mee eenyuyyuu yoo taate maaltu sitti dhagahama. Dararamni kana caale maaltu jira? Oromoon lafa isaarra jiraachuu dadhabuu caala wantu nama boochisu maaltu jira? Kan dur alaa eegnu caala har'a yerootti Humna jabaa of-biraa osoo qabnuu; Osoo Oromoon kutaa tokko dhiigaan lafa dhiquu, Osoo kutaan tokko jumlaan du'ee awwaalamuu; Osoo kutaan tokko boo'ee mankaraaruu; Osoo kutaan tokko qe'ee irraa buqqa'ee beelaaf yaadaan waxalamuu; Osoo kutaan tokko xin-sammuun dararamuu; Osoo Lafaaf jedhee lafeen daakamuu; Osoo kutaan tokko biyyaaf rasaasaan harca'uu; Kutaan kaan Sirbee Dhichisu; Miidiyaa irraa iyyee gammachuu machaa'uu arguu caalaa waan miiraaf sammuu si xuqu hin jiru! Lafee-kee si dhukkubsuu qaba.
Telegram #Qaroo_Waamaraa #join godhadhaa.
#Yowobsan_Abebe_Abatetiin