Jechoota hayyuu Oromoo Dr. Gammachuu Magarsaa
"Bakka dhugaan hinjirre nagaan hinjiru"
"Rakkoon Oromoo Itoophiyaadha; rakkoon Itoophiyaa Oromoodha"
"Jaarsa miti dhugaatu nama araarsa!"
"Namni Waaqa hin sodaanne waan sodaatu hinqabu"
"Oromoon ni wareere malee, ammayyuu hin dammaqne"
"Jalqabuma iyyuu Itoophiyaa sobduutu ijaare.
"Oromoon yoo keessa hin jiraatin, Itoophiyaan gaagura kanniisa hinqabnedha"
"Hanga cufataniitti danqaratu"
"Nan jibbinaa, an dhugaan dubbadha, jiruunkoo dhugaa dubbachuudha"
"Akkuma bineensi Saalaan gaanfa waliin dhalatu Haacaaluun Hundeessaa qaroomina waliin dhalate"
"Ani meeshaa manaa miti kanaan qannasamee dammaramu. Yoo dammaruus ta'e eenyuun hir'isanii eenyuun ida'uu?"
"ABO'n ilma hin duunetu Oromoof dhalate"
"Warri Oromoo ni balleessina jedhu ni badu yoomiyyuu"
"Kiyya waan ta'eef an Oromoo baay'een jaalladha. Isiinis kan keessan jaalladhaa!"
"Duraanuu ONEG naan jedhu anis waakkadhee hin beeku. Oromummaa koos akkan waakkadhu barbaadan, nan dide"
"Biyya rakkoon siyaasaa hin hiikaminitti waa'ee misoomaa haasawuun maraattummaadha"
"Lafti kee Waaqa irra jedhanii lafa keenya nu saamu. Kan asii iyyuu dhabnee dhuguma Waaqa irraa argannaa?"
"Laftoo saamamee dhumee, misooma, aadaa fi Oromiyaan qilleensa keessatti ijaaramamoo?"
"Mootummaan uummatadha waan ta'eef, "Mootummaa keenya nurra bulchi; nuun ammoo jala bulchi!" hin jedhinaa! Mootummaa nu jalatti bulchi nuun ammoo irra nu bluchi jedhaa!"
"Taatoo asoosama kitaabaaf fiilmii keessatti illee ga'ee Oromoon Itoophiyaa keessatti qabu zabanyaadha"
"Tokkummaan Oromoo lafee fi lafa Oromoo sagalee tokkoon tiksuun mirkanaawa, quba qabaadhaa"
"Oromoon oolaantummaa osoo hin taane wal-qixxummaadha kan barbaadu"
Kan hafe isin itti dabalaa! Jechoota hayyuu dorgomaaf gita hinqabnee Dr. Gammachuu Magarsaa kanneen kana anatu kanaan dhaga'eef dhaggeeffadhe keessaa muraasa kana walitti qabe malee, jechoonni hayyuu kanaa tokko tokkittiin hundi isaatu kitaaba guddaa tokkodha..