Yeroo birraan bariitu
Bariitee faaya laattu
Qaroon tulluu qaaritee
Keelloon ija hawwattu
Qalbiin ofii godaantee
Faaya uumaa doo'attu
Daraaraan tulluu dhaaltee
Faaya uumamaa mil'attu
Kaan sululasaa hubattee
Bohaartii qalbiif laattu
Kaan dirree irra buutee
Ijji bitaaf mirgatti kaattu
Holqaaf dachaa raajjee
Bakka qalbiin itti boqottu
Miidhagina uumamaatti
Bohaartee baroo argattu
Waaquma uumaan tolanii
Tottolanii qor-qalbii hawwatu
Uumamni lafarraa hunduu
Qooqaaf sagalee qabaniin
Uumaa isaaniif GALATA laatu
Kaan immoo mukeeni;
Hurruubanii, socho'anii
Galata uumaa faarfatu
Kaan immoo bineensota
Kennaasaan wacee qasa'ee
Kaan baroodee dhangala'ee
Sun aadee oliif gadi wacca'ee
Galata waaqa isaa faarfatu
Simbirroonnis gammaddee
Faaruu galataa faarsiti
Risaaf allaatiinis iyyitee
Jaalala waaqaa labsiti
Akka hireetti wal ari'aa
Teessoo hanxaxii cabsiti
Joobirriif ilmoon joobiraa
Balaliitee nagaa uumaa ibsiti
Jaldeessiif gartuun jaldeessaa
Tuttuqxee madaa walii dhiiksiti
Qamaleef kootaan qamalee
Qasaatee diina waliif ibsiti
Gogorriin birraan kaakkiftee
Birraa ta'uu uumamaaf ibsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Qirqirtee dhugaa siifuu ibsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Hima himtee nagaa sii labsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Tuma tumtee heera sii labsiti
Kaanimmoo haroof lageeni;
Bakkee roobii fi naachi
Keessa washakkatee sirbu
Qurxummiinis biriqqisaa
Carii birraa simatu
Ganni darbuusaa argaa
Galata uumaa himu
Afaanuma qabaniin;
Wal jalaa fuudhanii
Burraaqanii sirbu.
Warri waaqa beekani
Galata waaqaa himaa
Booqaa birraa beeksisu
Carii habbuuqaa weeddisu
Akkasittiin dubbatanii
Guddumaasaa beeksisu
Hiree dhugaa fudhatanii
Galata harkatti qabatanii
Abbaa haqaa ta'uu hubatanii
Abbaa maraa ta'uu hubatanii
Abbaa mirgaa ta'uu hubatanii
Galateeffatu isa amanatanii
Kanaafuu isa galateeffadhu
Isa qabduufis Isa dhabdeefis
Uumaa uumamaaf ilma namaa
Waaqa galateeffachuun amma
Waaqatti amanuunis dirqama
Yeroon isaas fagoo miti amma
Telegram #Qaroo_Waamaraa #join godhadhaa.
Bariitee faaya laattu
Qaroon tulluu qaaritee
Keelloon ija hawwattu
Qalbiin ofii godaantee
Faaya uumaa doo'attu
Daraaraan tulluu dhaaltee
Faaya uumamaa mil'attu
Kaan sululasaa hubattee
Bohaartii qalbiif laattu
Kaan dirree irra buutee
Ijji bitaaf mirgatti kaattu
Holqaaf dachaa raajjee
Bakka qalbiin itti boqottu
Miidhagina uumamaatti
Bohaartee baroo argattu
Waaquma uumaan tolanii
Tottolanii qor-qalbii hawwatu
Uumamni lafarraa hunduu
Qooqaaf sagalee qabaniin
Uumaa isaaniif GALATA laatu
Kaan immoo mukeeni;
Hurruubanii, socho'anii
Galata uumaa faarfatu
Kaan immoo bineensota
Kennaasaan wacee qasa'ee
Kaan baroodee dhangala'ee
Sun aadee oliif gadi wacca'ee
Galata waaqa isaa faarfatu
Simbirroonnis gammaddee
Faaruu galataa faarsiti
Risaaf allaatiinis iyyitee
Jaalala waaqaa labsiti
Akka hireetti wal ari'aa
Teessoo hanxaxii cabsiti
Joobirriif ilmoon joobiraa
Balaliitee nagaa uumaa ibsiti
Jaldeessiif gartuun jaldeessaa
Tuttuqxee madaa walii dhiiksiti
Qamaleef kootaan qamalee
Qasaatee diina waliif ibsiti
Gogorriin birraan kaakkiftee
Birraa ta'uu uumamaaf ibsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Qirqirtee dhugaa siifuu ibsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Hima himtee nagaa sii labsiti
Silaa utuu atuu dhageessee
Tuma tumtee heera sii labsiti
Kaanimmoo haroof lageeni;
Bakkee roobii fi naachi
Keessa washakkatee sirbu
Qurxummiinis biriqqisaa
Carii birraa simatu
Ganni darbuusaa argaa
Galata uumaa himu
Afaanuma qabaniin;
Wal jalaa fuudhanii
Burraaqanii sirbu.
Warri waaqa beekani
Galata waaqaa himaa
Booqaa birraa beeksisu
Carii habbuuqaa weeddisu
Akkasittiin dubbatanii
Guddumaasaa beeksisu
Hiree dhugaa fudhatanii
Galata harkatti qabatanii
Abbaa haqaa ta'uu hubatanii
Abbaa maraa ta'uu hubatanii
Abbaa mirgaa ta'uu hubatanii
Galateeffatu isa amanatanii
Kanaafuu isa galateeffadhu
Isa qabduufis Isa dhabdeefis
Uumaa uumamaaf ilma namaa
Waaqa galateeffachuun amma
Waaqatti amanuunis dirqama
Yeroon isaas fagoo miti amma
Telegram #Qaroo_Waamaraa #join godhadhaa.