Posts filter


Daaloteedhaa jirtuu
Mukti dhagaan taatu
Baalageedhaa jirtuu
Durbi nagaan taatu!


Forward from: ✎ 𝐒𝐄𝐘𝐅𝐀𝐥-𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌 🇵🇸✌️ official 🇵🇸
Biyya kana keessatti Akka shammarran Muslimaa Barachuuf Aarsaa kan kaffalaa jiru tasuma hin jiru.
✌️✌️


Kan ani calliseef
Moo'ameetii miti.
Nama nan hubanneef
Himuu dadhabeeti malee.


Nama Ani jaalladhutu
si qofaa tahe malee
Namni na Jaallatu hedduudha.😐


"Boqqolloo dhibboo dhibboo
Dhiibuu lafa maabaraa
Magaallee simboo Simboo
Siifuu lafa naan maraa "

"Kaleessa kaleen dhaltee
Reettiin gola dhaabbattii
Magaallee akkakeen hawwee
Diimtuun koora jaallattii "


✓ Namni Ati Jaallattu
Gaafa Nama Biraa jaalatu
Arguun nama dhukkubsa 💔


Forward from: ✎ 𝐒𝐄𝐘𝐅𝐀𝐥-𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌 🇵🇸✌️ official 🇵🇸
✓Gaarii yaaduun
✓Yaada gaarii Qabaachuun
✓Abdhiidhaan eeguun
Mirga keenya.

✓Carraaquun
✓Fiiguun
✓Sababa geessuun
Waan nurraa eegamuudha.

✓Kennaan
✓Arjaan
✓Fedhii keenya kan guutu
✓Deebiif kan nuuf kennu
✓Tola kan nuuf oolu
✓Surprise Kan nu godhu
Allah Qofa

Akka kanatti jiraanna
Tola keetiin Gammachuu
keessa nu oolchi Yaa Rabbi


JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam ✌️


Ambabbeessaa jiruu
Bunni buna hin taatu
Dargaggeessaa jiruu
Durbi durba hin taatu

😁


Waadaa Naaf Galte San
Ni yaadattaa Laata!? 😉


Jaallattus Jibbitus
Jireenyi Kanuma 💔


Hanaga Ati Narraa Fagaachuuf
Yaalte Caalaan
Animmoo sitti siquuf Yaale 😒


Jaalaluma Jibbita!💔🥹

Gaafa dhugaan jaallattee
Amanattee; ganamtu
Gaafa jireenya keetti
Karri gaddaa banamtu

Waadaan jaalala keetii
Nyaatamee akka 'bargarii'
Nama “hireekoo” jettuun
Gaafa baate gargari...

Mogoleetu si laafa
Fuuchuu dadhabda miila
Madaa’ee dhiiga boo’ee
Onneen jaalala jiila....

“Guutuu gola onneekoo
Ishee qofa dhaalchisee
Dhugaadhaan jaallachuunkoo
Hundumarra caalchiseee

Yaadaaf yaaddoo isheetiin
Qal’adhee akka lilmoo
Egereedhaaf abdadhee
Kunuunsee akka ilmoo

Isheef jecha raata’ee
Of gatee akka raatuu
Ofii kootiin dubbadhee
Isheef ta’ee maraatuu..

Giiftii onneekoo godhee
Ofirratti muuduunkoo
Ishee qofa dhagahee
Kaaniifimmoo duuduunkoo

Ijjjikoo kaan lagatee
Ishee qofa arguunsaa
Ooyruunkoo kaaniif hongee
Ishee qofaaf marguunsaa

Jaalalaaf jiraachuunkoo
Isheedhaaf amanamee
Erguma gatii dhabee
Waadaan kiyya ganamee...

Erga haqni dhibeetii
Dirra lafaa kanarra
Hariiroo tokko-n qabu
Jaalalli kun anarraa”

Jettee walaleessita
Yookaan immoo sirbita
Amanamtee ganamtee
Jaalaluma jibbita!

Boolla buutee bahuudhaaf
Oliif gadi godaata
Lama miidhamuu jiilee
Onneenkee si sodaata..

Addunyaa jaalalaarraa
Xumurattee gadaakee
Kophaa jiraachuu feeta
Kulkulfataa madaakee!


An Daa'ima
Ganaa kichuu
An hin beeku
Jaalalaa f michuu ☺️


Forward from: ✎ 𝐒𝐄𝐘𝐅𝐀𝐥-𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌 🇵🇸✌️ official 🇵🇸
💔 Jaalalli Carraadha
Garuu....
Jabeessuu fi Laaffisuun
Filannoo keeti.


Forward from: ✎ 𝐒𝐄𝐘𝐅𝐀𝐥-𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌 🇵🇸✌️ official 🇵🇸
Namni tokko tokko Yeroo
hunda dhiifama waan isaaf
gootuuf Waan si miidhu itti hin fakkaatu.

      
JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam ✌️
   


Diinni Jaalalaa inni guddaan
Hanqina yerooti 🥰


Dubartiin kitaaba yoo dubbiste, social media irratti hedduu hin mumullattu yoo tahe, yeroo haasooftu galma nama bilchaataatu isii irraa calaqqisa yoo tahe waanuma nikaa kiyya qabdu natti fakkaatti.

Benatish sister koottu siin eegaaraa. Dhufeera naan ja'ikaa🥹


Situ nan hubanne malee
Hamman sitti himuu olan
Si Jaalladha 🥰


Erga nan deema jettee
Hin deemin siin hin jedhu
Kolfaatan si geggeessa
Otuman si jaalladhuu

Jaalalli kadhaan miti
Fedhaan ta'a maleessa
Onneetu wal si matee
Taraa wal keessummeessa

Kanaafuu yaa giiftiikoo
Ergati nan barbaannee
Deemii narraa fagaadhu
Akka natti hin mullanne

Namni ati jaallatte
Caalee si haa jaallatu
Bareedduu si caaltu
Anaafis Haa Laatu

#Nagaa_tai

✍ Seyfa


@A4mulaa_jireenyaa


''Nama Hundarraa Fagaadheen
sitti dhihaadhe, Kanaafuu Nan miidhin sin #Jaalladha ''😞

20 last posts shown.